Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 4 guj

Show guj only
Verse × ×
1 King Nebuchadnezzar, to all peoples, nations, and languages living throughout the earth: May your peace be multiplied. Mootichi Nebukadnezaar gara kolbaa heddu'uu, gosa biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu ta biyya lafaa duudii keessa leetuu ergaa ergee: «Nageenni isiniif te'u!
2 I am glad to declare the signs and wonders the Most High God has done for me. Ani bilbaasaa fi maadee ka Waaqi Ol-Aanaan naaf huje isinitti himuu fedha.
3 How great are his signs, and how mighty are his wonders! His kingdom is an everlasting kingdom, and his dominion is from generation to generation. «Bilbaasi isaa attam attam gudda'a! Maadeen isaa attam attam jaddu'u! Mootummaan isaa ta bara baraa ti; inni dhalootaa haga dhalootaatitti bulcha.
4 I, Nebuchadnezzar, was at ease in my house and flourishing in my palace. «Ani Nebukadnezaar mana mootummaa tiyyaa keessa waan mara guutadhee, qananumma'aan le'aayyu.
5 I saw a dream that frightened me; thoughts on my bed and visions in my head terrified me. Ani taqee irra adoo rafeeruu, oojjuu na sodaachittuu fi mudhii na bararassitu takka dhagge.
6 So I ordered all Babylon's wise men brought before me to tell me the dream's meaning. Tanaaf qarooleen Baabilonii duudiin gara kiyya dhufanee hiikkaa oojju'uu akka natti himanu ajaje.
7 Then the magicians, enchanters, Babylonians, and astrologers entered. I told them the dream, but they could not interpret it for me. Yennaa worri xanu, worri moru, worri falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara kiyya dhufane ani oojjuu tiyya isaanitti hime; isaan ammoo hiikkaa isi'ii naaf himuu hin dandeenne.
8 Finally Daniel came before me—named Belteshazzar after my god's name, the holy gods' spirit in him—and I told him the dream. Achiin duuba Daani'el ka waaqota kiyya keessaa akka tokkootitti ‹Belxishaazaar› jedhamee moggaafame, ol seenee na dura dhaabate; isa keessa ayyaana waaqota woyyootaatitti jira; tanaaf ani oojjuu tiyya isatti himee,
9 Belteshazzar, chief magician, I know the spirit of the holy gods is in you, and no mystery baffles you—tell me the visions of my dream that I saw, and their meaning. ‹Ee, Belxishaazaar sooressa worra xanuu, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa akka jiru ani hin beeka; dhossaan takkaalle si hin rakkittu; kunoo oojjuu oojjadhe sitti hima naa hiiki.
10 The visions in my mind while in bed: I saw a tree in the middle of the earth, very tall. «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu muka guddaa dheeraa tokko, wodhakkaa lafaatitti mudhi'iin dhagge.
11 The tree grew and became strong, and its top reached to heaven, and it was visible to the ends of the whole earth. Muki sun qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee jabaate; haga qaccee lafaa maralle'etti mudhate.
12 Its leaves were beautiful and its fruit abundant, and in it was food for all. Wild animals found shade under it, and the birds of the heavens lived in its branches, and all flesh was fed from it. Baalli isaa hin tola; midhaan isaalle hin bacata; kolbaa maralle'eef ka sagalee te'utti isa irra jira; bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatan; sinbirrooti dameelee isaa irratti mana ijaaratte; dadi lubbuu qaddu marti isaa irraa nyaatte.
13 In my visions in bed I saw a watcher, a holy one, coming down from heaven. «‹Adoo taqee tiyya irra rafeeruu mudhii dhaggeen, ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhagge;
14 He shouted: Cut down the tree, chop its branches, strip its leaves, scatter its fruit. Let animals flee from under it, birds from its branches. innille qoonqoo guddo'oon, «Muka san mura'a jissa'a; dameelee isaa ciccira'a; baala isaa soxooxa'a; midhaan isaa bittinneessa'a; bineensoti isa jalaa, sinbirrooti dameelee isaa irraa baqatanuu ti.
15 But leave the stump of its roots in the earth, bound with a band of iron and bronze, in the grass of the field. Let him be drenched with the dew of heaven, and let his portion be with the wild animals in the grass of the earth. Jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. «‹ «Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti.
16 Let his human mind be taken away and a beast's mind be given to him, and let seven periods of time pass over him. Qalbiin isaa qalbii namaa irraa jijjiirantee, haga woggaa torbaatitti qalbii bineensotaatiin le'uu ti.
17 The sentence is by the decree of the watchers, the decision by the word of the holy ones, so that the living may know that the Most High rules over the kingdom of men and gives it to whom he will and sets over it the lowliest of men.' Murteen tana ergamaa woyyichatti murteesse; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, worra gad anaa isaan irratti bulchitoota akka godhu, kolbaan marti akka beettuuf tun teete» jedhee natti dubbate› jedheen.
18 This is the dream I, King Nebuchadnezzar, saw. Tell me its meaning, Belteshazzar, for my kingdom's wise men can't explain it, but you can—the spirit of the holy gods is in you. «Oojjuun ani mootichi Nebukadnezaar oojjadhe tana; qarooleen mootummaa tiyya keessa jirtu marti, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeenne; ati ammoo Belxishaazaar, ayyaanni waaqota woyyootaa si keessa waan jiruuf, hiikkaa isi'ii natti himuu hin dandeetta» jedheen.
19 Then Daniel, called Belteshazzar, was stunned briefly, alarmed by his thoughts. The king said, "Belteshazzar, don't let the dream or its meaning alarm you." Belteshazzar answered, "My lord, may the dream be for your haters, its meaning for your enemies!" Achiin duuba Daani'el ka, «Belxishaazaar» jedhame, yennaa diqqo'oof guddoo rifatee afaan qabate; maarre mootichi, «Belxishaazaar, oojjuun yookiin hiikkaan isi'ii si hin rifachiisin» jedheen. Belxishaazaar deebisee, «Ee goottaa kiyya, oojjuun sun worra si jibbuuf, hiikkaan isi'iille diinota keetiif teetuu ti.
20 The tree you saw grew strong, its top reaching heaven, visible to all the earth, Muki ati mudhi'iin dhaggite, ka qacceen isaa haga ol-gubbaa geettutti guddatee, jabaatee, haga qaccee lafaa maralle'etti mudhatu,
21 beautiful leaves, abundant fruit, food for all—wild animals lived beneath it, birds of the sky nested in its branches. ka baalli isaa tolu, ka midhaan isaa bacatee, kolbaa maralle'eef ka sagalee te'u, ka bineensoti gaaddisa isaa jalatti boqatanu, ka sinbirrootille dameelee isaa irratti mana ijaarrattu.
22 It is you, king—you have grown and become strong; your greatness has grown, reaching heaven, your dominion to the ends of the earth. «Ee mooticha, muki guddatee jabaate sun si'i; guddinni keeti haga ol-gubbaa gewu guddateera; haga qaccee lafaatille'etti mootii teeteerta.
23 Because the king saw a watcher, a holy one, come down from heaven, saying: Cut down the tree, destroy it—but leave the stump of its roots in the ground, bound with a band of iron and bronze in the field's grass. Let him be drenched with the dew of heaven; his portion with the wild animals, until seven periods of time pass over him. Ee mooticha, ati ergamaan Waaqaa woyyichi tokko ol-gubbaa irraa dhufuun dhaggiteerta; inni, ‹Muka san mura'aa balleessa'a; jirmaa fi hidda isaa ammoo, wodaroo sibiilaatii fi sageettu'uutiin hidha'aatii, marra bisilee diida keessaatitti lafa keessatti lakkisa'a. Inni fixeensa ol gubba'aatiin jiidhuu ti; bineensota woliin marra lafaa keessa le'uu ti; haga woggaa torbaatitti bineensota woliin le'uu ti› jedhe.
24 This is the interpretation, my king: the Most High's decree has come upon my lord the king, «Ee mooticha, kun ajaja Waaqi Ol Aanaan si mooticha goottaa kiyyatti dubbate; hiikkaan oojju'uulle ta asii gad jirtu.
25 you'll be driven from people to live among wild animals, eating grass like oxen, drenched with the dew of heaven, until seven times pass over you and you know the Most High rules the human kingdom, giving it to whoever he chooses. Ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; fixeensa ol-gubba'aatiin hin jiita; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti.
26 The command to leave the stump and its roots in the ground: your kingdom will be restored to you once you know Heaven rules. Akkuma jirmii fi hiddi muka sanii lafa keessatti hafuuf ajajame, Waaqi ol-gubbaa jiru, si'i irratti mootii akka te'e yennaa beette, mootummaan teeti adde'etti si'iif deebiti jechu'u.
27 So, king, accept my advice: break from your sins through righteousness, your wrongdoing through mercy to the poor, so your prosperity may continue. Tanaaf ee mooticha, gorsa kiyya fudhadhu. Cubbuu hujiisa lakkisiitii waan sirrii te'e huji; hantuu hujiisaa lakkisiitii worra gad qabameef marari; yoo tana goote barri ati nageyaan leetu siif hin dheerata» jedhe.
28 All this came upon King Nebuchadnezzar. Wonni kun duudiin mooticha Nebukadnezaar irratti muummotte.
29 Twelve months later, he was walking on the roof of Babylon's royal palace. Ji'a kudhanii lamaan duuba gaafa tokko mootichi mana mana irratti ijaarrame gubbaa irra deddeebi'aa adoo jiruu,
30 The king said, "Is this not great Babylon I built as a royal house by my mighty power, for the glory of my majesty?" «Tun Baabilonii guddittii ta ani addee teessoo mootummaa tiyyaa akka teetuuf, ulfinna arnya kiyyaatiif, jabeenna hunna tiyyaatiin ijaaree motii ree?» jedhe.
31 The words were still in the king's mouth when a voice fell from heaven: "King Nebuchadnezzar, this is said to you: the kingdom has left you. Adoo mootichi dubbatiisatti jiruu, qoonqoon ol-gubba'aa dhuttee, «Ee mooticha Nebukadnezaar, waan ani sitti himu dhage'i! Mootummaan teeti si irraa fudhatanteerti;
32 You'll be driven from people, living with wild animals, eating grass like an ox. Seven periods will pass over you, until you know the Most High rules mankind's kingdom and gives it to whomever he wills." ati kolbaa keessaa ari'antee, bineensota woliin hin leeta; akka hori'ii marra hin dheedda; Waaqi Ol Aanaan mootummoota namootaa irratti mootii akka te'e, mootummoota sanille nama ifii jaalateef akka kennu, haga beettutti woggaan torba hin dabarti» jedhe.
33 At once the word came true against Nebuchadnezzar: driven from people, he ate grass like cattle, his body soaked by the dew of heaven, until his hair grew like eagle feathers, his nails like bird claws. Yennuma san wonni Nebukadnezaar irratti dubbatante muummotte; inni kolbaa keessaa ari'amee akka hori'ii marra dheede; haga rifeensi isaa akka koola risa'aa dhedheeratutti, qenci isaalle akka qeenca allaatti'ii haga te'utti, nafi isaa fixeensa ol-gubba'aatiin jiidhe.
34 When the days ended, I, Nebuchadnezzar, raised my eyes to heaven, and my reason returned. I blessed the Most High, praised and honored the One who lives forever, whose rule is everlasting, whose kingdom spans every generation. «Barri sun yennaa muummowe, ani Nebukadnezaar gara ol-gubba'aa ilaale; qalbiin tiyyalle naa deebite; Waaqi Ol Aanaan ka haga bara baraa le'u haga bara baraa waan bulchuuf, mootummaan isaalle dhaloota irraa haga dhalootaa waan teeteef, ani isa eebbisee, leellifadhee, ulfinna isaaf kenne.
35 All the inhabitants of the earth are counted as nothing, and he does according to his will among the host of heaven and among the inhabitants of the earth; and no one can hold back his hand or say to him, "What have you done?" Kolbaan lafa irra leetu duudiin, woyittuu hin laakkowantu; inni ergantoota ol-gubba'aatii fi kolbaa lafa irra leetu duudii irratti waan fedhe hin godha; harka isaa hujii irraa ka dhooggu, yookiin waan inni huju ka isa gaafatu tokkolle hin jiru.
36 Then my sanity returned; my majesty and splendor returned for my kingdom's glory. My advisers and nobles sought me; I was restored over my kingdom, and surpassing greatness was added to me. «Akkuma qalbiin tiyya naaf deebiteen, ulfinna mootummaa tiyyaatiif arnyii fi guddinni tiyyaa naaf deebi'e; gorsitootii fi qondaaltoti tiyya gammadaan na fudhatte; ani gara barcumaa mootummaa tiyyaatitti deebi'ee, guddinni ka durii caalaa naaf dabalame.
37 Now I, Nebuchadnezzar, praise, exalt, and honor Heaven's King, for all his works are right, his ways just; those walking in pride he can humble. «Hujiin Mooticha ol-gubba'aa sirrii, karaan isaa qajeelaa waan te'eef, worra kooraa ideemulle, waan gad deebisuuf, ani mootichi Nebukadnezaar isa hin leellifadha; ulfinnaa fi guddinnalle isaaf hin kenna» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]