Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 King Nebuchadnezzar made a gold statue, about ninety feet tall and nine feet wide, and set it up on the Dura plain in Babylon province. Mootichi Nabukadnezaar fakkii worqi'ii ta hojjaan isi'ii ciqilee jaatamaatii fi badhinni isi'ii ciqilee jaa hujisiisee, kutaa biyya Baabilonii keessaa dirree afaan isaaniitiin, «Duraa» jedhantu keessa dhaabe.
2 King Nebuchadnezzar sent for the satraps, prefects, governors, counselors, treasurers, judges, magistrates, and all provincial officials to come to the dedication of the image he had set up. Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitooti, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin eebba fakkii inni dhaabee irratti akka dhaggamanuuf waansise.
3 Then satraps, prefects, governors, counselors, treasurers, judges, magistrates, and all provincial officials gathered to dedicate the statue King Nebuchadnezzar set up, and stood before the statue Nebuchadnezzar set up. Maarre sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, gorsitooti, worri beesee qabatu, abbootiin mura'aa, abbootiin seeraatii fi qondaaltoti kutaa biyyaa keessa jirtu duudiin, eebba fakkii mootichi Nabukadnezaar dhaabeef wolitti qabamanee fakkii san dura dhaabbatane.
4 Then the herald proclaimed loudly, "Peoples, nations, and languages—you are commanded: Achiin duuba nami lassii lassu qoonqoo guddo'oon, «Ee kolbaa heddu'u, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattanu duudiin dhage'a'a!
5 When you hear the horn, flute, lyre, harp, zither, bagpipe, and all music, fall down and worship the gold image King Nebuchadnezzar set up. Yennaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii dhageettanu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiga'aatii sagada'a.
6 Anyone who doesn't fall down and worship will immediately be thrown into a blazing fiery furnace." Nami gad jigee hin saganne yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa darbama» jedhe.
7 As soon as all peoples heard the horn, flute, lyre, harp, zither, and every kind of music, all peoples, nations, and languages fell down and worshiped the golden image King Nebuchadnezzar had set up. Tanaaf isaan duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii akkuma dhage'aneen, kolbaan duudiin, gosi biyya adda addaatii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu, fakkii worqi'ii ta mootichi Nebukadnezaar dhaabeef gad jiganee sagadane.
8 At that time certain astrologers came forward and maliciously accused the Jews. Yennaa san worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara mootichaa dhikaatee, Yihudoota himate.
9 They said to King Nebuchadnezzar, "King, may you live forever! Isaan mooticha Nebukadnezaariin, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i!
10 You, king, decreed: whoever hears the horn, flute, lyre, harp, zither, bagpipe, and any music must fall down and worship the gold image, Ee mooticha, ati ‹Nami duudiin qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhage'u fakkii worqi'iitiif jigee sagaduu ti;
11 and whoever does not fall down and worship will be thrown into a blazing fiery furnace. eennulle nami jigee hin sagadin bobe'a ibiddaa keessa darbamuu ti› jettee ajaja baatteerta.
12 Some Jews you put in charge of Babylon province—Shadrach, Meshach, and Abednego—disregard you, king. They won't serve your gods or worship the gold statue you set up." Worri Yihudootaa ka ati kutaa biyya Baabilonii akka bulchanuuf muudde, Shaadraak, Meshaak fi Abed-neegoon, ajaja keeti hin muummessanu; isaan waaqota keeti hin tajaajilanu, hin waaqonfatanulle'e» jedhane.
13 Furious, Nebuchadnezzar ordered Shadrach, Meshach, and Abednego brought; they were brought before the king. Mootichi Nebukadnezaar yennaa tana dhage'e guddoo aaree, Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo gara isaa akka fidanu ajaje; isaanille mooticha duratti isaan dhikeessane.
14 Nebuchadnezzar said, "Shadrach, Meshach, Abednego, is it true you don't serve my gods or worship the gold statue I set up? Nebukadnezaar isaaniin, «Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'o! Isin dhugumaan waaqota kiyya hin tajaajiltanuu? Fakkii worqi'ii ta ani dhaabelle hin waaqonfattanuu?
15 Now if you're ready—when horn, flute, lyre, harp, zither, bagpipe, and every kind of music sound, fall down and worship the image I made—good. But if you don't worship, you'll be thrown at once into a blazing fiery furnace. What god can rescue you from my hands?" Ammaa qoonqoo tultulla'aa, ta meya akka suusulle'ee, maseenqo'oo, kiraaraa, kiraara guddichaa, suusulle'eetii fi sirba duudi'ii yennaa dhageettanu, fakkii worqi'ii ta ani dhaabeef sagaddanee yoo waaqonfattane guddoo dansa'a. Yoo isi'iif sagaduu dhaddane ammoo, yennuma san barbada bobe'a ibiddaa keessa hin darbatantan; waaqi harka kiyya keessaa isin baasu dande'u eennu?» jedhe.
16 Shadrach, Meshach, and Abednego answered the king, "Nebuchadnezzar, we don't need to answer you about this. Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon mootichaan, «Ee Nebukadnezaar, waan kana irratti nuuti deebii falmataa siif kennuu hin barbaachisu.
17 If our Father, whom we serve, can rescue us, he will rescue us from the blazing furnace and from your hand, king. Ee mooticha, nuuti bobe'a ibiddaa keessatti yoo darbatanelle, Waaqi nuuti tajaajillu nu baasuu hin dande'a; harka keeti keessalle'ee nu hin baasa.
18 But if not, know this, king: we won't serve your gods or worship the gold statue you set up." Yoo nu baasuu dhabelle, nuuti waaqota keeti akka hin tajaajille, fakkii worqi'ii ta dhaaddelle akka hin waaqonfanne beeki» jedhane.
19 Then Nebuchadnezzar, furious, his expression changed toward Shadrach, Meshach, and Abednego; he ordered the furnace heated seven times hotter than normal. Achiin duuba Nebukadnezaar guddoo aaree, fuulli isaalle Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neego'otti jijjiirame; inni bobe'a ibiddaa ka dur gabbatu caalaa dachaa torba akka gabbisanu ajaje.
20 He ordered some of his strongest soldiers to bind Shadrach, Meshach, and Abednego and throw them into the blazing furnace. Inni loltoota ifii keessaa worri jajjabi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo hidhanee, bobe'a ibiddaatitti akka darbanuuf ajaje.
21 So these men, tied up in cloaks, trousers, turbans, and other garments, were thrown into the blazing fiery furnace. Maarre namooti sadiin sun akkuma uffatanee jiranuun woyaa isaanii, lukee isaanii, marata mata'aa woliin hidhamanee, bobe'a ibiddaatitti darbamane.
22 Because of the king's harsh order and furnace's extreme heat, the fire's flame killed the men who lifted up Shadrach, Meshach, and Abednego. Ajaji mootichaa jabaa waan te'eef, ibiddi akka malee gabbatiisatti waan jiruuf, bobeenni ibiddaa worra Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo geessee ibiddatti darbe gubee ijjeese.
23 These three men—Shadrach, Meshach, and Abednego—fell bound into the blazing furnace. Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoon isaan sadiinuu akkuma hidhamanee jiranuun bobe'a ibiddaa san keessatti jigane.
24 Then King Nebuchadnezzar, astonished, rose in haste. He asked his advisers, "Didn't we throw three bound men into the fire?" They answered the king, "True, king." Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar maadeffatee ariifatee ol ka'ee, «Namooti nuuti hiinee ibidda keessa darbine sadii motii?» jedhee gorsitoota ifii gaafate. Isaanille deebisanee mootichaan, «Eeti'i» jedhane.
25 He said, "Look—I see four men, unbound, walking in the middle of the fire, unharmed; the fourth looks like a son of the gods." Innille deebisee, «Ani ammoo kunoo, namooti afur hiikamanee, adoo hin miidhamin ibidda keessa deddeemanuun dhagga; ka arfeesso'oolle ilma waaqotaa fakkaata» jedhe.
26 Nebuchadnezzar went to the blazing furnace's door and said, "Shadrach, Meshach, and Abednego, servants of the Most High God, come out here!" Shadrach, Meshach, and Abednego came out of the fire. Nebukadnezaar gara balbala bobe'a ibiddaa dhikaatee, «Isin tajaajiltoota Waaqa ol-aana'aa Shaadraak! Meshaak! Abed-neego'o! Kowa'a as baya'a!» jedhe. Isaanille ibidda keessaa bayane.
27 The satraps, prefects, governors, and king's counselors gathered and saw fire had no power over these men's bodies—hair not singed, robes unharmed, no smell of fire on them. Sooressitooti kutaa biyyaa, itti aantoti sooressitoota kutaa biyyaa, bulchitootii fi gorsitooti mana mootumma'aa adaala isaaniititti wolitti qabamanee, ibiddi nafa namoota sanii akka hin miidhin, rifeensi mataa isaanii akka hin gubatin, woyaan isaanii akka hin gubatinii fi fooleen ibiddaatuu akka isaan irraa hin dhowin dhaggane.
28 Nebuchadnezzar said, "Blessed be the God of Shadrach, Meshach, and Abednego! He sent his angel and rescued his trusting servants. They defied the king's command and were willing to die rather than serve or worship any god but their own God. Achiin duuba Nebukadnezaar, «Waaqi Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo ka ergamaa ifii ergee, tajaajiltoota ifii ta isatti addattu ka baase eebbifamuu ti. Isaan Waaqa ifiititti addatanee, ajaja mootichaa didanee, Waaqa ifii malee, waaqota dhibii tajaajiliisa yookiin waaqonfatiisaan irra, nafi isaanii akka gubatuuf dabarsanee kennane.
29 I decree: any people, nation, or language that speaks anything against the God of Shadrach, Meshach, and Abednego will be cut to pieces, their houses turned to rubble—since no other god can rescue like this." «Tanaaf akka kana ka baasuu dande'u waaqi dhibiin waan hin jirreef, kolbaan, gosi duudi'ii fi kolbaan afaan adda addaa dubbattu duudiin, ta Waaqa Shaadraakii, Meshaakiitii fi Abed-neego'oo faanshessitu, harkii fi miilli isaanii cicciramee, manni isaanii diigamee tuulaa kosi'ii akka te'uuf, ani ajaja baaseera» jedhe.
30 Then the king promoted Shadrach, Meshach, and Abednego in the province of Babylon. Achiin duuba Mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo kutaa biyya Baabilonii irratti bulchitoota godhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]