1In the second year of his reign, Nebuchadnezzar had dreams; his spirit was troubled and his sleep left him.gujNebukadnezaar mootii te'ee, woggaa lammeesso'ootitti oojjuu guddoo isa rakkittee hirriiba dhooggitu oojjate.
2So the king ordered the magicians, enchanters, sorcerers, and astrologers summoned to tell him his dreams. They came and stood before the king.gujMaarre oojjuu inni oojjate akka isaaf hiikanuuf worra xanu, worra moru, worra falfaluu fi worra Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa te'u himu, gara isaa akka waamamanu ajaje; isaanille dhufanee mooticha dura yennaa dhaabbatane,
3The king said to them, "I dreamed a dream, and my spirit is troubled to know the dream."gujinni isaaniin, «Ani oojjuu oojjadhee, hiikkaan oojjuu tanaa beekiisaaf guddoo rakkadheera» jedhe.
4Then the astrologers said to the king in Aramaic, "King, live forever! Tell your servants the dream, and we will reveal its interpretation."gujAchiin duuba isaan afaan Aaramiitiin mootichaan, «Ee mooticha, haga bara baraa le'i! Oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhane.
5The king answered the astrologers, "My decree is firm: if you don't tell me the dream and its meaning, you'll be cut to pieces and your houses reduced to rubble.gujMootichille deebisee isaaniin, «Isin oojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti hin himin, harki fi miilli keessan akka isin irraa ciramu, manni keessanille diigamee tuulaa kosi'ii akka te'u jabeessee murteeffadheera.
6But if you tell the dream and its meaning, you'll receive gifts, rewards, and great honor from me. So tell me the dream and its meaning."gujOojjuu tiyyaa fi hiikkaa isi'ii yoo natti beessittane ammoo kennansaa fi badhaasa, ulfinna guddaalle na irraa hin fudhattan; tanaaf oojjuu tiyya hiikkaa isi'ii woliinuu natti hima'a» jedhe.
7They answered a second time, "Let the king tell his servants the dream, and we will give its meaning."gujIsaan ammalle, «Mooticha keenna, oojjuu teeti nu tajaajiltoota teetitti himi; nuutille hiikkaa isi'ii sitti hin beessinna» jedhanee deebisane.
8The king replied, "I know for certain you're trying to buy time, because you see my decree is firm:gujMootichi deebisee, «Ani jabeessee akka murteeffadhe waan beettanuuf, yennaa dheerefatiisaaf akka wodhaaniisatti jirtanu hubadheera;
9If you don't tell me the dream, there is only one verdict for you. You have agreed to speak lying, corrupt words before me until the times change. So tell me the dream, then I'll know you can reveal its interpretation."gujisin oojjuu tiyya yoo natti hin himin, adabbii gosa tokkootitti isin mara eegata; isin haalli waan jijjiiramu seetanee, dubbii sobaatii fi dokonkorsitu natti himiisaaf wolii galtane; tanaaf oojjuu tiyya natti hima'a; anille hiikkaa isi'ii akka isin dandeettanu tanaan beeka» jedhe.
10The astrologers answered the king, "No one on earth can do what the king asks. No great, powerful king ever demanded such a thing of any magician, enchanter, or Chaldean.gujIsaanille deebisanee, «Biyya lafaa tana keessa waan mootichi gaafate deebisuu ka dande'u tokkolle hin jiru; tanaan qaralle mootiin akka fedhe gudda'aa fi hunnaamessa te'ulle waan akka kanaa worra moru, worra xanu, worra falfaluu fi worra waan dhossa'aa himu gaafatee hin beeku.
11The king's request is too hard; only the gods, who don't live among mortals, can reveal it to the king."gujWonni mootichi gaafatu sun guddoo rakkisa'a; waaqota odduu namaa hin leene malee, eennulle gaaffii san mootichaaf beessisuu hin dande'u» jedhane.
12At this the king grew angry and furious, and ordered all Babylon's wise men destroyed.gujDubbiin tun waan mooticha aarsitee bobeessiteef, inni qarooleen biyya Baabilonii marti akka ijjeefamanu ajaje.
13So the decree went out to kill the wise men, and they searched for Daniel and his companions to put them to death.gujMaarre qarooleen akka ijjeefamanuuf ajaji baanaan, Daani'elii fi jaalota isaa ijjeesiisaaf barbaadane.
14Then Daniel answered Arioch, the king's guard commander, with wisdom and discretion; Arioch had gone out to kill Babylon's wise men.gujAchiin duuba ajajaan eeddota mootichaa Ariiyok, qaroolee biyya Baabilonii ijjeesiisaaf yennaa dhufe, Daani'el qarumma'aa fi malaan isa dubbisee,
15He asked Arioch, the king's officer, "Why such a harsh decree from the king?" Then Arioch explained it to Daniel.gujAriiyokii ajajaa eeddota mootichaa saniin, «Mootichi ajaja jabaa kana maaf baase?» jedhee gaafate; Ariiyokille dubbii san Daani'elitti beessise.
16So Daniel went in and asked the king for time, so that he might reveal the interpretation to the king.gujMaarre Daani'el gara mootichaa ol seenee, oojjuu isaa hiikiisaaf akka mootichi yennaa isaaf kennu gaafate.
17Then Daniel went home and told his companions Hananiah, Mishael, and Azariah about the matter,gujAchiin duuba Daani'el gara mana ifii deebi'ee, dubbii san jaalota ifii Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'atti beessisee,
18urging them to plead for mercy from our Father in heaven about this mystery, so Daniel and his companions wouldn't be destroyed with Babylon's other wise men.gujmarroo dhossaa dubbii tanaatiifille, innii fi jaaloti isaa qaroolee biyya Baabilonii woliin akka hin banneef, Waaqa ol-gubba'aa irraa marartii akka gaafatanu itti hime.
19Then the mystery was revealed to Daniel in a night vision, and Daniel blessed our Father in heaven.gujHalkan keessa dubbiin dhossa'aa sun mudhi'iin Daani'elitti mudhatte; achiin duuba Daani'eli Waaqa ol-gubba'aa leellifatee,
20Daniel said: "Blessed be the name of our Father forever and ever, for wisdom and might belong to him.guj«Qarumma'aa fi hunni ta isaa waan teeteef, maqaan Waaqaa haga bara baraa leellifamuu ti!
21He changes times and seasons; he removes kings and sets up kings; he gives wisdom to the wise and knowledge to those who have understanding.gujInni yenna'aa fi bara hin jijjiira; mootota mootummaa irraa hin buusa; hin mootonsalle'e; worra qaroolle'eef qarummaa, worra hubatuuf beekkumsa ka kennu isa.
22He reveals deep and hidden things; he knows what lies in darkness, and the light dwells with him.gujInni waan qilee keessaatii fi waan dhokateeru hin mudhisa; inni waan dukkana keessa jiru hin beeka; ifille isa woliin le'a.
23To you, the God of my fathers, I give thanks and praise, for you have given me wisdom and might, and now you have made known to me what we asked of you; you have made known to us the king's matter."gujEe Waaqa abbootii tiyyaa, ati qarumma'aa fi hunna waan naaf kenniteef, waan nuuti si gaafannelle waan natti beessitteef, waan mootichi beekiisaaf rakkatelle natti waan beessitteef, ani si galateeffadha; si leellifadhalle'e» jedhe.
24So Daniel went to Arioch, whom the king had appointed to destroy Babylon's wise men, and said, "Don't destroy Babylon's wise men. Take me to the king, and I will give him the interpretation."gujAchiin duuba Daani'el gara Ariiyokii ka mootichi qaroolee Baabilon akka balleessuuf ajajee dhaqee, «Qaroolee Baabilonii hin balleessin; gara mootichaa na geessi; anille mootichaaf oojjuu isaa hin hiika» jedhe.
25Then Arioch quickly brought Daniel before the king and said, "Among the exiles of Judah I found a man who can tell the king the interpretation."gujYennuma san Ariiyok ariifatee Daani'el gara mootichaa geessee, «Ani namoota biyya Yihuda'aa irra booji'amane oddu'uu nama hiikkaa oojjuu teetii si'iif himuu dande'u dhaggeera» jedhe.
26The king asked Daniel, called Belteshazzar, "Can you tell me the dream I saw and what it means?"gujMootichi Daani'elii «Belxishaazaar» jedhamee moggaafameen, «Ati oojjuu ani oojjadhee fi hiikkaa isi'ii natti himuu dandeettaa?» jedhe.
27Daniel answered the king, "No wise men, enchanters, magicians, or astrologers can reveal the mystery the king asks about.gujDaani'elille deebisee, «Dhossaa ati mootichi gaafatte tana, qarooleen, worri moru, worri xanu fi worri Kaldootaa ka urjii ilaalee waan gara duraa moru, dande'ee si'itti hin himu;
28But our Father in heaven reveals mysteries, and has made known to King Nebuchadnezzar what will happen in the latter days. Your dream and the visions in your mind as you lay on your bed were these:gujammoo ka waan dhossa'aa mudhisu Waaqi tokkochi ol-gubbaa jira; inni waan gara duraa te'uuf jiru si mooticha Nebukadnezaaritti mudhiseera; taqee irra irkattee oojjuu ati oojjatee fi mudhii ati dhaggite ta asii gadi jirtu:
29"As you lay in bed, O king, your thoughts turned to what would come, and the revealer of mysteries showed you what is to be.guj«Ee mooticha, ati taqee teeti irra adoo irkatteertuu waan gara duraa te'uuf jiru yaaddeeyyu; tanaaf Waaqi waan dhossa'aa mudhisu waan gara duraa te'uu jiru si'itti mudhise.
30But this mystery was revealed to me not because I have more wisdom than anyone else alive, but so the king may know its interpretation, and you may understand your heart's thoughts.gujWonni mudhiin tun natti mudhateef, waan ani nama duudii caalaa qarummaa qabadheef moti; ammoo hiikkaa oojjuu sanii akka ati beettuu fi yaadaa qalbii teetitti itti rakkate san, akka hubatuuf natti mudhatte.
31"You watched, O king, and saw a great statue. This statue, huge and dazzling in brightness, stood before you, and its appearance was terrifying.guj«Ee mooticha, ati oojju'uun fakkii guddoo calalaxxu'uu fi sodaachittu takka si dura dhaabbatteertuun dhaggite;
32The statue's head was fine gold, its chest and arms silver, its belly and thighs bronze,gujmataan fakkii sanii worqii qulluu irraa, qomii fi harki isi'ii lamaanuu meetii irraa, gadha'aa fi gudeedi isi'ii sageettuu irraa,
33its legs of iron, its feet partly of iron and partly of clay.gujsarbaan isi'ii sibiila irraa, miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun faara irraa hujameeraayyu.
34While you watched, a stone cut without hands struck the statue's feet of iron and clay, crushing them.gujAdoo ati fakkii san ilaaliisatti jirtuu, adoo harki namaa hin tuqin dhakaan guddaan fottoqee, miila fakkii sibiilaa fi faara irraa hujantetti bu'ee caccasse.
35Then the iron, clay, bronze, silver, and gold were all broken to pieces together, becoming like chaff on a summer threshing floor. The wind carried them off, leaving no trace. But the stone that struck the statue became a great mountain filling the whole earth.gujYennuma san sibiilli, faarri, sageettuun, meeti'ii fi worqiin bututanee, akka hicaacee bonaa ta eeddummee keessaa te'ane; waan tokkolle adoo hin hamburin qilleensi isaan haxowee balleesse; dhakaan fottoqee fakki'itti bu'e sun ammoo, gaara guddaa te'ee lafa duudii guute.
36"This was the dream. Now we will tell the king its interpretation.guj«Oojjuun ati oojjatte tana; hiikkaan isi'iille ta asii gadii jirtu:
37You, king, are the king of kings, to whom our Father in heaven has given kingdom, power, might, and glory.gujEe mooticha, ati mootii moototaa ti; Waaqi ol-gubba'aa mootummaa, hunna, jabeennaa fi ulfinna si'iif kenneera;
38Into your hand he has placed all people, the beasts of the field, and the birds of the sky, wherever they live, making you ruler over them all. You are the head of gold.gujinni ilmaan namaa, horii, bineensotaa fi sinbirroota addee isaan jiranu maratti isaan mara irratti bulchaa si godheera. Tanaaf mataan fakki'ii ka worqi'ii sun si'i.
39"After you another kingdom will arise, inferior to yours; then a third kingdom, of bronze, ruling over all the earth.gujSi'iin duuba mootummaan mootummaa teetii gadii hin kaati; itti aantee mootummaan sageettu'uun fakkeeffantu ta sadeesso'oo ta lafa duudii bulchitu hin kaati.
40A fourth kingdom will be strong as iron—iron breaks and shatters everything—and as iron crushes all these, it will break and crush them.gujDhuma irratti mootummaan arfeesso'oo ta akka sibiilaa jabaattu, ta waan mara caccassituu fi butuchitu hin kaati; akkuma sibiilli waan mara caccassee butuchu, mootummaan tun moototaa isi'iin qaraa mara caccassitee hin butuchiti.
41As you saw the feet and toes—part potter's clay, part iron—it will be a divided kingdom; yet it will have some of iron's strength, just as you saw iron mixed with soft clay.gujAkkuma oojjuu teetiin fakkii miilli isi'ii gar tokkoo fi qubi miila isi'ii gar tokko sibiila irraa, gar kuun ammoo faara irraa hujanteertuun dhaggite, mootummaan sun ta qoqoodante hin teeti; sibiilli faara woliin makameeruun akkuma dhaggite, mootummaan sun gar tokko akka sibiilaa hin jabaatti.
42As the toes were partly iron and partly clay, so the kingdom will be partly strong and partly brittle.gujAkkuma qubi miila isi'ii gari tokko sibiila, gari kuun faara te'e, mootummaan sun gari tokko jadduu, gar kuun dadhadduu hin teeti.
43As you saw iron mixed with soft clay, the people will mix in marriage but not hold together, just as iron does not mix with clay.gujSibiillii fi faarri makameeruun akkuma dhaggite, kolbaan mootummaa lamaan saniille fuudhaa fi heerumaan wolitti hin makanti; te'uu malee akkuma sibiilli faaraan wolitti makamee woli hin qabanne, isaanille tokkumma'aan hin le'anu.
44"In those kings' days our Father in heaven will set up a kingdom never to be destroyed, nor its rule left to another people. It will crush all these kingdoms and end them, and it will stand forever.gujBara mootota saniititti Waaqi ol-gubba'aa mootummaa ijjumaa hin bannee fi ta kolbaa dhibi'iif hin kennanne hin ijaara; isiin mootummoota san duudii ijjumaa hin butuchiti; isiin ammoo haga bara baraa jabaattee dhaabbatti.
45This is what the vision meant: the stone cut from a mountain, not by human hands, broke the iron, bronze, clay, silver, and gold to pieces. Our great Father has shown the king what will happen after this. The dream is certain, its interpretation trustworthy."gujMootummaan tun ta akkuma ati dhakaa harki namaa adoo hin tuqin gaara irraa fottoqee fakkii sibiilaan, sageettu'uun, faaraan, meeti'ii fi worqi'iin hujante caccassee butuche, oojju'uun dhaggitee ti. Waaqi guddaan waan gara duraa te'uu jiru si mootichatti mudhiseera; oojjuun sun dhuga'a; hiikkaan isi'iille ta addatante» jedhe.
46Then King Nebuchadnezzar fell facedown, bowed to Daniel, and ordered offering and incense given to him.gujAchiin duuba mootichi Nebukadnezaar fuulaan lafatti gad gombifamee, Daani'eliif sagade; kennansa midhaaniitii fi hixaanaa akka isaaf dhikeessanuufille ajaje.
47The king told Daniel, "Truly your God is God of gods, Lord of kings, and revealer of secrets, since you could reveal it."gujMootichi Daani'eliin, «Eega ati dhossaa tana mudhisuu dandeette, dhugumaan Waaqi keessan waaqota irratti Waaqa; mootota irratti Gootta'a; waan dhossa'aa duudiille ka mudhisu» jedhe.
48Then the king promoted Daniel to high honor, gave him many great gifts, and made him ruler of Babylon's whole province and chief prefect over all its wise men.gujAchiin duuba mootichi Daani'eliif, kennansa gugurdaa hedduu kennee, kutaa biyya Baabilonii duudii irratti bulchaa isa godhe; worra qaroolee Baabilonii irralle'etti itti gaafatamaa isa godhe.
49Daniel asked the king, who put Shadrach, Meshach, and Abednego over Babylon province's affairs; Daniel remained at the king's court.gujGaaffii Daani'eliitiin mootichi Shaadraak, Meshaakii fi Abed-neegoo biyya mootummaa Baabilonii duudii irratti bulchoota isaan godhe; Daani'el ammoo mana mootumma'aa keessatti hafe.