Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In Jehoiakim king of Judah's third year, Nebuchadnezzar king of Babylon marched on Jerusalem and besieged it. Yehoyaaqiim biyya Yihuda'aa irratti mootii te'ee, woggaa sadeesso'ootitti, mootiin biyya Baabilonii Nebukadnezaar dhufee qachaa Yerusaalemii marse.
2 The Sovereign Father handed Jehoiakim king of Judah over to him, with some items from our Father's house; he took them to Shinar, to his god's house, and the items into his god's treasury. Goottaan biyya Yihuda'aa Yehoyaaqiimii fi meya Galma Waaqaa keessaa gamisa harka Nebukadnezaariititti dabarsee kenne; Nebukadnezaarille worra booji'e gara biyya ifii ta «Shiinaar» jedhantuu geessee, meya Galma Waaqaa keessaa booji'elle mana waaqota ifii ka Baabilon keessa jiru keessa keye.
3 The king ordered Ashpenaz, his chief official, to bring some Israelites from the royal family and nobility. Achiin duuba mootichi Nebukadnezaar worra Israa'elootaa ka booji'ame keessaa maatii moototaatii fi qondaaltotaa keessaa dargaggoota dhiiraa garii filee akka fiduuf bulchaa guneessota ifii Ashfenaaz ajaje;
4 Young men without defect, good-looking, skilled in all wisdom, well-informed, quick to understand, fit to stand in the king's palace—and to teach them Babylonian writing and language. dargaggooti filamanu kun worra nafa ifii irratti fafa hin qanne, worra dadansaa, worra ogummaa mara qalbeeffatu, worra qaroo, worra hubatiisaaf ariifatu, mana mootumma'aa keessa tajaajiliisaaf worra dandeettii qabu te'uu qaban; afaan worra Baabilonii dubbisiisaa fi barreessiisa akka isaan barsiisuufille Ashfenaaz ajaje.
5 The king assigned them a daily portion of his food and wine, three years' training, then service before him. Mootichi Nebukadnezaar guyyuma guyya'aan sagalee ifiif nyaatu irraa, daadhii woyni'ii ta ifiif unu irraa isaaniifille akka kennamu ajaje; isaan woggaa sadiif leenjifamaneen duuba, mooticha tajaajiliisaaf seenan.
6 Among them were Daniel, Hananiah, Mishael, and Azariah, from the sons of Judah. Worra gosa Yihuda'aa keessaa worri filatame Daani'el, Hanaaniyaa, Miishaa'elii fi Azaariya'a.
7 The chief official renamed them: Daniel, Belteshazzar; Hananiah, Shadrach; Mishael, Meshach; Azariah, Abednego. Bulchaan qondaaltota mootichaa maqaa isaanii jijjiiree, Daani'eliin «Belxishaazaar», Hanaaniya'aan «Shaadraak», Mishaa'eliin «Meshaak», Azaariya'aan «Abedneegoo» jedhee moggaase.
8 Daniel resolved not to make himself unclean with the king's food or wine, so he asked the chief official's permission not to make himself unclean. Daani'el sagalee mootichaa nyaatiisaan, daadhii woyni'ii isaalle uniisaan akka ifi hin batteessine murteeffate; maarre akka ifi hin batteessineef, yaada kana akka isaaf eeyyamuuf Ashefenaaz gaafate.
9 Now our Father gave Daniel favor and compassion in the eyes of the chief official. Waaqi akka Daani'el qondaalticha duratti fudhatama dhaggatuu fi akka inni gadhaa isaaf laafu godhe.
10 The chief official told Daniel, "I fear my lord the king, who set your food and drink. Why should he see your faces worse than boys your age? You'd forfeit my head to the king." Te'uu male bulchaan qondaaltotaa mooticha waan sodaateef, Daani'eliin, «Ani mooticha goottaa kiyya ka sagale'ee fi daadhii woyni'ii isiniif ajaje hin sodaadha; isin dargaggoota dhibi'iin caalaa yoo huqqatanee daalachootane mootichi na hin ijjeesa» jedhe.
11 Then Daniel said to the steward the chief official had appointed over Daniel, Hananiah, Mishael, and Azariah, Achiin duuba Daani'el gara namicha Ashefenaaz eedduu Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa godhe sanii dhaqee,
12 "Please test your servants for ten days. Give us only vegetables to eat and water to drink. «Maganne'ee, akka nyaannuuf waan ficha'atti dhaabamuu fi bisaan unnu callaa guyyaa kudhaniif nuu kenniitii, nu tajaajiltoota teeti waan teenu ilaal.
13 Then compare our appearance with the youths eating the king's food; do with your servants as you see." Achiin duuba bifa keennaa fi bifa dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanuu wol bira qabiitii ilaal; waan dhaggiteen nu tajaajiltoota teeti waan feete godhi» jedhe.
14 So he agreed to this and tested them for ten days. Maarre innille yaada kana isaaniin wolii galee guyyaa kudhaniif waan isaan te'anu ilaale.
15 After ten days they looked healthier and better fed than all the young men eating the royal food. Guyyaa kudhaniin duuba bifi isaaniitiif gabbinni nafa isaanii, dargaggoota sagalee mootichaa nyaatanu caalee dhaggame.
16 So the steward took away their assigned food and the wine they were to drink, and gave them vegetables instead. Maarre namichi isaan eegu sun, guyyaa saniin jalqabee, sagalee dansa'aa fi daadhii woyni'ii akka unanuuf ta mana mootumma'aa irraa isaaniif kennantu dhooggee, waan ficha'atti dhaabamu callaa isaaniif kenne.
17 To these four boys our Father gave knowledge and insight in all writing and wisdom; Daniel understood all visions and dreams. Waaqi dargaggoota arfan tanaaf beekkumsa, dandeettii barreessiisa maraatii fi qarummaa isaaniif kenne; Daani'el ammoo mudhi'ii fi oojjuu mara hiikiisaafille dandeettii qabaayyu.
18 When the king's set days for bringing them in ended, the chief official brought them before Nebuchadnezzar. Barri akka isaan dhikaatanuuf mootichi murteesse geennaan, bulchaan qondaaltotaa Nebukadnezaar dura isaan dhikeesse.
19 The king spoke with them, and none matched Daniel, Hananiah, Mishael, and Azariah; so they served the king. Mootichille yennaa isaan mara dubbise, isaan mara keessaa ka akka Daani'elii, Hanaaniya'aa, Miishaa'eliitii fi Azaariya'aa hin dhagganne; tanaaf isaan akka mooticha tajaajilanuuf filamane.
20 Whenever the king questioned them on wisdom and understanding, he found them ten times better than all magicians and enchanters in his whole kingdom. Marroo qarumma'aatii fi hubanti'ii mara waan ilaalu, mootichi yennaa isaan gaafate, worra xanu fi worra moru ka mootummaa isaa keessatti dhaggamanu mara keessaa dachaa kudhan caalanee dhagge.
21 And Daniel remained there until the first year of King Cyrus. Qiiros mootii te'ee haga woggaa tokkeesso'ootitti Daani'el achuma mana mootumma'aa keessa tajaajilaa ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]