Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

Daniel 7 guj

Show guj only
Verse × ×
1 In Belshazzar king of Babylon's first year, Daniel dreamed and saw visions in his head on his bed. He wrote the dream, summarizing the matters. Bara Belshaazaar mootii Baabilonii te'e woggaa qaraa keessa, Daani'el taqee ifii irra irkatee adoo jiruu oojjuu oojjatee, mudhiille dhagge; achiin duuba oojjuu oojjate san barreesse.
2 Daniel said: In my night vision I saw the four winds of heaven churning the great sea. Daani'el, «Ani qilleensi ol-gubba'aa ka maddii afur irraa ka'e, abbaayaa guddittii raasuun halkan mudhi'iin dhagge.
3 And four great beasts came up out of the sea, each different from the others. Bineensoti adda addaa gugurdaan afur abbaayaa san keessaa bayane.
4 The first was like a lion, with eagle's wings. I watched until its wings were torn off; it was lifted off the ground, set on two feet like a human, and given a human heart. Bineensi qaraa neenqa fakkaata; inni akka risa'aa koola qaba; adoo ani ilaaluu koollii isaa irraa buqqa'ee, lafaa ol ka'ee, akka namaa miila lamaaniin dhaabbatee, qalbiin namaalle isaaf kennante.
5 A second beast appeared, like a bear, raised up on one side, three ribs in its mouth between its teeth. It was told, 'Get up, eat much flesh.' «Bineensi lammeesso'oo doobbaa fakkaata; inni gara duraatiin ol jedhee, lafee cinaachaa sad afaanitti qabaayyu; bineensa saniin qoonqoon, ‹Haga dandeette foon nyaadhu!› jette.
6 After this I watched: another beast, like a leopard, with four bird wings on its back, four heads, and given authority to rule. «Saniin duuba bineensa dhibii ka qeeransa fakkaatu dhagge; bineensi kun dudda ifii irraa koola afur ka akka koola sinbirre'eetii fi mataa afur qabaayyu; akka bulchuufille baalliin isaaf kennante.
7 After this, in my night vision, a fourth beast appeared—dreadful, terrifying, incredibly strong, with huge iron teeth. It devoured, crushed, and trampled the rest underfoot, different from every beast before it, with ten horns. «Saniin duuba, bineensa arfeesso'oo ka bararassu, ka sodaachisuu fi jabaa hamaa halkan mudhi'iin dhagge; bineensi sun ilkaan sibiilaa gugurdaa qaba; inni waan ijjeese nyaatee, caccasse; waan hafelle miilaan irra sirbe; inni bineensota isaan qara jiranu mara irraa ka isa adda godhu, gaafa kudhan qabaayyu.
8 While I watched the horns, another—a little horn—rose among them, and three of the first horns were uprooted before it. It had eyes like human eyes and a mouth speaking boastfully. Ani marroo gaafota isaa san adoo yaadiisatti jiruu, gaafi diqqichi dhibiin odduu gaafota saniitiin quuqee ol baye; gaafota qaraa keessaa sadiin ka isaan dura jiranu buqqa'ane; gaafi diqqichi kun ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu» jedhe.
9 As I watched, thrones were set in place, and the Ancient of Days, our Father, took his seat. His clothing was white as snow; the hair of his head was like pure wool. His throne was flaming with fire, and its wheels were all ablaze. Daani'el ammalle, «Adoo ani ilaaliisatti jiruu barcumooti mootumma'aa keyame; ka Durii Durii Sun irra tee'e; woyaan isaa akka dhakaa bokkeyaa adii, rifeensi mataa isaalle akka fuutta'aa, barcumaan mootumma'aa ka isaa akka bobe'a ibiddaa ti; korboon barcumaa saniille akka ibidda bobe'uu ti.
10 A river of fire flowed out, streaming from before him. Thousands of thousands served him, and 10,000 upon 10,000 stood before him. The court sat, and the books were opened. Maddi ibiddaa isa duraa maddee yaa'a; worri kuma heddu'utti laakkowamu isa tajaajilan; worri miliyoonii heddu'utti laakkowamulle isa dura dhaabbatan; korri mura'aa tee'e; kitaabotille banamane.
11 I watched because of the boastful words the horn spoke; I watched until the beast was killed, its body destroyed and given to the burning fire. «Ani sababa dubbii gaafi sun kooraan dubbatuuf isa ilaale; adoo ani ilaaliisatti jiruu, bineensi sun ijjeefamee, reeffi isaa gubatee akka baduuf ibiddatti gatame.
12 The rest of the beasts lost authority but had their lives prolonged for a set time and season. Bineensota hafane kaan irraa baalliin isaanii fudhatante; ammoo yennaa murtootteef akka le'anu, yennaan isaaniif kennante.
13 In my night vision I looked, and there before me, coming with the clouds of heaven, was one like a son of man. He approached the Ancient of Days, our Father, and was led into his presence. «Ani ilma namaa ka fakkaatu duumensa ol-gubba'aatiin dhufiisatti jiruun, halkan mudhi'iin dhagge; inni gara ka haga bara bara jiraatuu dhufee isa duratti dhikeeffame.
14 And he was given authority, glory, and a kingdom, so that all peoples, nations, and languages would serve him. His dominion is an everlasting dominion that will not pass away, and his kingdom is one that will never be destroyed. Kolbaan hedduun, gosi biyya adda addaatii fi kolbaa afaan adda addaa dubbattu akka isa tajaajilanuuf baalliin, ulfinnii fi hunni Mootii waan maraa te'iisaa isaaf kennante; barri bulchiisa isaa ka haga bara baraa hin dabarre; mootummaan isaalle ijjumaa dhuma hin qaddu.
15 I, Daniel, was troubled in spirit, and the visions that passed through my mind alarmed me. «Ani Daani'el mudhii dhaggeen rakkadhee, qalbiin tiyya raafante.
16 I approached one of those standing there and asked him the truth about all this. He told me, revealing its interpretation. Ani worra achi dhaabbateeru keessaa gara tokkoo dhikaadhee, marroo waan kana maraa hiikkaa dhuga'aa isa gaafadhe; innille hiikkaa waan kana maraa natti himee,
17 'These four great beasts are four kings who will rise from the earth. ‹Bineensoti gugurdaan arfan kun, mootota arfan kaatee ta lafa tana bulchitu.
18 But the holy ones of the Most High, our Father, will receive and possess the kingdom forever, forever and ever. Woyyooti Waaqa Ol-Aana'aa ammoo, mootummaa san fudhattee haga bara baraatitti hin qabatti, ee, haga bara baraa hin qabatti› jedhe.
19 Then I wanted the truth about the fourth beast, different from all others—most terrifying, iron teeth, bronze claws—devouring, crushing, and trampling what remained underfoot. «Achiin duuba ani marroo bineensa arfeesso'oo, ka bineensota kaan mara irraa adda te'e, ka guddoo sodaachisu, ka ilkaan sibiilaatii fi qeenca sageettu'uu qabu, ka waan ijjeese nyaatee, caccassee, waan hafelle miilaan irra sirbuu, hiikkaa isaa ta dhuga'aa beekuu barbaade.
20 I also wanted to know about the ten horns on its head, and the other horn that came up before which three fell—the horn with eyes and a boastful mouth, appearing bigger than the rest. Akkasuma marroo gaafota kudhan ka mataa isaa irra jiruu, marroo gaafa diqqicha quuqee ol bayeetii fi marroo gaafota sadii ka gaafa diqqicha duraa buqqa'anee beekuu barbaade; gaafi diqqichi kun gaafota kaan ka caalu fakkaatee, ila akka ila namaatii fi afaan ittiin kooraa dubbatu qabaayyu.
21 As I watched, this horn was waging war against the holy ones and was defeating them, «Ani adoo ilaaluu gaafi diqqichi sun kolbaa Waaqaatitti lola kaasee,
22 until the Ancient of Days, our Father, came, judgment was given for the holy ones of the Most High, our Father, and the holy ones' time came to possess the kingdom.' haga ka Durii Durii Sun dhufee, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif muraa haqaa kennutti, inni isaan injifate; yennaan kolbaan Waaqa Ol-aana'aa sun mootummaa san qabatanulle geette.
23 He said: 'The fourth beast is a fourth kingdom on earth, unlike all other kingdoms. It will devour, trample, and crush the whole earth. «Ka hiikkaa natti hime sun, ‹Bineensi arfeesso'oo sun, mootummaa arfeesso'oo ta lafa irratti ka'u'uu jirtu. Isiin mootummoota dhibii mara irraa adda teetee, lafa duudii nyaattee, irra sirbitee butuchiti.
24 The ten horns: ten kings will arise from this kingdom. After them another arises, different from the first, and subdues three kings. Gaafoti kudhan sun mootota kudhan ta mootummaa san keessaa ka'u'uu jirtu; mootota saniin duuba mootiin dhibiin ka isaan irraa adda te'e ka'ee, mootota sadiin hin injifata.
25 He will speak words against the Most High, our Father, oppress the holy ones of the Most High, our Father, and try to change the set times and the law. The holy ones will be handed to him for a time, times, and half a time. Inni Waaqa Ol-Aana'atti mormee hin dubbata; kolbaa Waaqa Ol-Aana'aalle cunqursee, yennaa jila beekkanteetii fi seera Waaqaa jijjiiriisaaf hin wodhaana; kolbaan Waaqaa woggaa sadii fi wodhakkaa baallii isaatiin jala hin teeti.
26 But the court will sit in judgment, and his dominion will be taken away, consumed and destroyed forever. Achiin duuba korri mura'aa ka ol-gubba'aa hin tee'a; mootii te'iis isa irraa fudhatamee, ijjumaa hin bada.
27 Kingdom, dominion, and greatness of all kingdoms under heaven will be given to the people, the holy ones of the Most High, our Father. His kingdom is a kingdom without end; all rulers will serve and obey him.' Mootummaan, mootii waan maraa te'iis, hunnii fi guddinni mootummoota lafa duudii irra jiranuu, kolbaa Waaqa Ol-Aana'aatiif hin kennaman; mootummaan isaanii mootummaa haga bara baraa ti; mootoleen marti isaaniif ajajamiisaan isaan hin tajaajilan› jedhe.
28 This ends the matter. I, Daniel—my thoughts terrified me, my face turned pale, but I kept it to myself. «Hiikkaan oojju'uu as irratti dhumatte; ani Daani'el guddoo sodaadhee, bifi tiyya jijjiirante; dubbii san ammoo qalbi'itti qabadhe» jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]