Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Peter 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 False prophets arose among the people, just as false teachers will arise among you. They will secretly bring in destructive heresies, even deny the Master who bought them, and bring swift destruction on themselves. Akkuma tanaan qara raagoti dharaa kolbaa oddu'utti ka'ane, barsiisoti dharaa isin oddu'utti hin ka'an. Isaan akka barsiisi dharaa ka badii fidu dhokaataan babadhatu godhan; Goottaa isaan wodelle mormatanee, badii ariifattuu ifi irratti fidan.
2 Many will follow their lust, and because of them the way of truth will be slandered. Namooti hedduun karaa isaanii fokkisiisaa hordofan; waan isaan godhanuun ta kaate karaan dhuga'aa hin arraffama.
3 In their greed they'll exploit you with made-up words. Their judgment, decreed long ago, isn't idle; their ruin isn't asleep. Barsiisoti dharaa tun joljolummaa ifiitiin mammaassa ifuma keessaa fuudhaa dubbataa isin irraa nyaatan. Muraan bara duriitiin jalqaddee isaanii qophootteerti. Badiin isaaniille rattee hin jirtu!
4 For if our Father did not spare angels who sinned, but threw them into the deepest pit of gloom, chained in darkness, kept for judgment; Waaqi yennaa ergantooti isaatuu cubbuu hujane, isaan gad darbatee, boolla qilee dukkanaa keessatti wodaroo sibiilaatiin hidhamanee, guyyaa mura'aatiif akka eegamanu godhe malee, isaan hin mararre.
5 if he didn't spare the ancient world, but protected Noah, an announcer of righteousness, with seven others, when he brought a flood on the wicked world; Akkasuma, Inni biyya lafaa ta durii, ta namoota Waaqa malee le'anuu irratti bisaan badi'ii fidee, Nohii waan balchumma'aa lallabe qofa, namoota dhibii torba woliin hambure malee, isii hin mararre.
6 and if he condemned Sodom and Gomorrah, reducing their cities to ashes, as an example of what awaits the wicked; Waaqi waan worra Waaqa malee le'u irratti dhufuuf akka fakkeenna te'uuf, qachoota Sodoomiitii fi Gomora'aatitti muree ibiddaan balleessee daadhaa godhe.
7 and if he rescued righteous Lot, worn out by the shameless behavior of lawless people. Inni Looxii balchicha, hujii fokkisiittu worra seera malee le'uutiin farraa le'u ammoo hambureera.
8 That righteous man, living among them, was tormented day after day in his righteous soul by the lawless deeds he saw and heard, Namichi balchaan sun yennaa odduu isaanii le'u hujii isaanii ta seera male'ee, ta dhagguu fi dhage'uun guyyuma guyya'aan lubbuun isaa balchittiin farraa turte.
9 then our Father knows how to rescue the godly from trials, and keep the wicked under punishment until judgment day. Maarre Goottaan, namoota Waaqaa haga ilaalcha jalaa attam akka baasu, worra jalloota ammoo haga guyyaa mura'aatitti attam akka adabama jala tursu hin beeka;
10 Especially those chasing flesh's corrupt desires and despising authority—bold, arrogant, unafraid to slander celestial beings. keessumattuu worra halchaa badduu fedha foon ifii hordofuu fi worra baallii Waaqaa jibbu guyyaa mura'aatiif eega. Barsiisoti dharaa tun worra sodaan keessa hin jirree fi koorameeyyii waan te'aneef, dada ulfinnaa ta ol-gubba'aa hin arrassan malee hin ulfeessanu.
11 Whereas angels, greater in strength and power, don't bring a slanderous judgment against them before our Father. Ergantooti Waaqaa, barsiisota dharaa tana caalaa hunnaa fi baallii qabaatanulle, Goottaa duratti dubbii arrabaatiin isaan hin himatanu.
12 But these people, like unreasoning animals born by instinct to be caught and destroyed, insult what they don't understand, and will be destroyed in their destruction, Barsiisoti dharaa tun ammoo waan ifiif hubatuu dadhabane arrassan; isaan akka bineensa duuddittii le'uutii fi yaadee wo gargar hin baannee, ka qabamu'uu fi ijjeefamu'uuf dhalatee ti; akkuma bineensi sun badu, isaaniille ijjumaa hin badan.
13 suffering wrong as pay for wrongdoing. They count it a pleasure to revel in broad daylight. They are stains and flaws, reveling in their deceptions while feasting with you. Isaan hantuu tolchaneef hantuu dhaggatan. Isaan ila guyya'aatiin halchaa nafa ifii guutatiisaaf waanuma fedhane godhaa gammadan; yennaa nyaataaf isin woliin waamamane, isaan worra hujii isaanii maltitti'iin fokkisiisuu fi qaanessu.
14 Their eyes are full of adultery, never stopping from sin, luring unstable souls, hearts trained in greed—cursed children! Iltii isaanii yennaa duudii halcha'aan gara gaarayyeeffataa ilaalti; halchaan isaaniille cubbuu hujiisa irraa dheebuu hin baatu. Namoota dadhaboolee wollaalchisanee tiyyoo ifiititti galfatan. Qalbiin isaanii joljoliisa baratteerti. Isaan abaarsa Waaqaa jala jiran!
15 Abandoning the straight path, they went astray, following the way of Balaam son of Beor, who loved the wages of wrongdoing. Isaan karaa qajeelaa dhiisanee, karaa Bala'aamii ilma Be'orii ka waan hantuu hujiisaan beesee dhaggantu jaalatuu faana goranee dokonkoraneeran.
16 But he was corrected for his own wrongdoing: a mute donkey spoke with a human voice and stopped the prophet's madness. Inni ammoo yakkaa ifiitiif xixame. Harreen dubbatuu hin dandeenne qoonqoo namaatiin dubbattee maraattummaa raagichaa dhooggiteerti.
17 These are dry springs, storm-driven mists—thick darkness is kept for them. Worri akkanaa kun akka bisaan madda gogeetii fi duumensa bubbe'een oofamuu ti; dukkanti dimmille isaan eegatti.
18 With inflated, empty words they lure through the sensual desires of the flesh those barely escaping from people living in error. Isaan ifi saadaa dubbii gara hin qannelle dubbatiisaaf, halchaa badduu fedha fooniitiin, worra dokonkora keessa le'anu keessaa reefuu baqatanee dhufane sossobaa tiyyoo ifii keessatti galchan.
19 They promise them freedom, while themselves enslaved to corruption—for whatever overcomes a person enslaves them. Adoo ifiifuu garbummaa badi'ii jala jiranuu, worra kaaniin ammoo bilisa baatan jedhaa, addii kennaniif; sababille nami tokko waan isaaf goottome maraaf garba.
20 For if, having escaped the world's corruption through knowing our Lord and Savior Jesus Christ, they are entangled in it again and overcome, their end is worse than their start. Goottaa keennaa fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, battummaa biyya lafaa jalaa bayaneen duuba, deebi'anee itti qabamanee yoo mowamane, akki isaan itti le'anu ka duubaa ka duraa caalaa itti hammaata.
21 It would have been better for them never to know the way of righteousness than to know it and turn back from the holy commandment given to them. Karaa balchumma'aa beekaneen duuba, ajaja woyyicha isaaniif kenname beekanee, addee irraa deebi'anu adoo duruu beekuu dhabanee woyya.
22 The true proverb has happened to them: "A dog returns to its vomit," and "A washed sow returns to wallow in mud." Mammaassi dhugichi, «Sareen diddiga ifiitittuu deebiti» jedhu, akkasuma «Booyyeen dhiqatte dhoqqee keessatti gangalatiisaaf deebiti» jedhu isaan irratti te'eera.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]