Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Peter 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Beloved, this is now the second letter I write you; in both I stir up your sincere mind by reminder. Jaalota tiyya! Ergaan ani amma isiniif barreessiisatti jiru tun, ta lammeesso'oo ti. Waan kana qaabatiisaan yaada qajeelaa akka qabaattanuuf, isin kakkaasiisaaf jedhee, ergaa lamaanuu isiniif barreesse.
2 Remember the words the holy prophets spoke beforehand, and the command of our Lord and Savior given through your apostles. Kanaan dura jechoota raagoti dubbatanee fi ajaja Gootta'aa fi Fayyisaa keennaa, ka karaa ergantoota isin tajaajiltuutiin kenname akka qaabattanu barbaada.
3 Know this first: mockers will come in the last days, mocking, following their own lusts. Waan duudi'iin qara, guyyoota muumme'eetitti worri shasheessuu fi worri halchaa badduu ifii hordofu shasheessaa akka dhufu hubatuu qaddan.
4 They will ask, "Where is his promised coming? Since the fathers fell asleep, everything continues as it has since creation's beginning." Isaan, «Yesuus deebi'ee akka dhufu waadaa galeeraa motii? Inni meet ree? Haguma abbootiin teenna ta durii duuteenuu jalqabee, wonni duudiin jalqaba dadaatiin jalqaddee akkuma jirtu jirti!» jedhan.
5 They willfully ignore this: long ago, by our Father's word, heavens existed, and earth formed out of water and through water, Isaan akka bara heddu'uun duratti, ol-gubbaan jecha Waaqaatiin dadantee fi akka latti bisaan irraa fi bisaaniin hujante adoo beekanu akka hin beennee te'an.
6 and through these the world of that time was deluged with water and perished. Biyyi lafaa ta yennaa san jirtulle, bisaaniin liqinfantee badde.
7 By the same word, today's heavens and earth are stored up for fire, kept for the day of judgment and destruction of the wicked. Ol-gubba'aa fi latti amma jirtu tun ammoo, akka ibiddaan badanuuf, haga guyyaan mura'aatii fi badiin worra Waaqa malee le'uu geettutti, jechuma kanaan eegaman.
8 Don't overlook this, loved ones: with our Father, one day is like 1,000 years, and 1,000 years like one day. Jaalota tiyya, waan tokko hin dedhina'a! Goottaa biratti guyyaan tokko akka woggaa kumaa ti; woggaan kum akka guyyaa tokkoo ti.
9 Our Father isn't slow to keep his promise, as some think; he's patient with you, wanting no one to perish, but all to reach repentance. Akka namooti gariin tura seyanutti Goottaan waan waadaa gale muummessiisaaf hin turu. Ammoo nami duudiin cubbuu irraa akka deebi'uuf malee, nami tokkolle akka badu waan hin barbaanneef, isiniif ossa.
10 But the day of our Lord Jesus will come like a thief: the heavens will vanish with a rushing sound, the elements will burn and melt, and the earth with all its works will be exposed. Guyyaan Gootta'aa ammoo akka hattu'uu dedha dhufa; guyyaa san ol-gubbaan qoonqoo guddo'oon dhidhinti; dadi ol-gubba'aalle ibiddaan gubattee baddi; latti waan isii irra jiru duudii woliin hin baddi.
11 Since all this will dissolve, what sort of people should you be? You should live holy lives, devoted to God, Wonni kun duudiin akka kanaan ta baddu yoo teete, isin attam le'iisaaf maltane ree? Isin woyyumma'aa fi Waaqaaf ifi kenniisaan le'iisa qaddan.
12 as you wait for and hasten the coming of our Father's day, when the heavens will be set ablaze and dissolved, and the elements melt in the heat. Yoona worra guyyaa dhufa Waaqaa dharra'aan eegattanuu fi worra akka inni ariifatee dhufu hujanu te'a'a. Gaafa ol-gubbaan ibiddaan gubattee baddu, dadi marti o'aan hin baxxi.
13 But as he promised, we wait for new heavens and a new earth, where righteousness lives. Nuuti ammoo akkuma inni waadaa nu'uuf galetti, ol-gubbaa haareya, addee hujiin balchumma'aa itti hundeefantu san hin eeganna.
14 So, beloved, awaiting these things, strive to be found by him in peace, spotless and without defect. Tanaaf jaalota tiyya! Waan kana adoo eegattanuu, fuula Waaqaa duratti worra xuri'ii fi komii hin qanne teetanee jirtanuun, akka nageyaan isin dhaggu jabaadha'aa le'a'a.
15 Regard our Lord's patience as salvation, just as our beloved brother Paul wrote you, with the wisdom given him, Ossiis Goottaa keennaalle akka isin fayyitanuuf akka te'e beeka'a! Akkasuma obboleessi keenna jaalatamaan Phawuloosille qaruu Waaqi isaaf kenneen tanuma isiniif barreesse.
16 as in all his letters, where he speaks about these things. Some parts are hard to understand, and the ignorant and unstable twist them—as they do the other Scriptures—to their own destruction. Inni ergaa ifii duudii keessatti marroo dubbii tanaa akkuma kana barreesseera. Ergaa isaa keessatti wonni tokko tokko ka hubatiisaaf nama dhibu jira. Worri wollaala'aa fi afaan lama dubbatu akkuma Barreeffama Woyyicha dhibii dassee hiiku, waan kanalle daddassa. Maarre isaan badii ifi irratti fidan.
17 So then, loved ones, knowing this in advance, guard yourselves, so you aren't swept away by the error of lawless people and lose your own firm standing. Isin ammoo, jaalota tiyya! Waan kana waan duruu beettanuuf dokonkora worra jalliye'eetiin harkifantanee ijjanoo teessan jadduu irraa akka hin banne, ifi eegadha'a.
18 Grow in the grace and knowledge of our Lord and Savior Jesus Christ. To him be glory, now and to the day of eternity. Amen. Ammoo badhaadhaa fi beekkuma Gootta'aa fi Fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin ittuma guddadha'a. Ammaa fi haga bara baraa ulfinni isaaf te'u! Ameen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]