Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Peter 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Simon Peter, servant and apostle of Jesus Christ, to those given a faith as precious as ours through the righteousness of our God and Savior Jesus Christ: Ana Simoon Pheexroosii, tajaajila'aa fi ergamaa Yesuus Kiristoosii te'e irraa: Worra karaa balchummaa Waaqa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosiitiin, dhugeeffannaa gatii guddo'oo, tama akka nuuti dhaggannee dhaggattaneef:
2 May grace and peace be multiplied to you through knowing our Father and Jesus our Lord. Waaqaa fi Goottaa Keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, badhaadhaa fi nageenni isiniif fakkanu.
3 His divine power gave us all we need for life and devotion to God, through knowing him who called us by his glory and excellence. Waaqa ulfinnaa fi dansummaa ifiitiin nu waame beekiisaan, hunni Waaqummaa isaa, waan jiruu teennaa fi ayyaantummaa dhuga'aatiif nuu barbaachisu duudii kenniteerti.
4 Through these he gave us his precious and very great promises, so that through them you may share the divine nature, having escaped the world's corruption from evil desires. Ulfinnaa fi dansummaa isaatiin, waadaa isaa ka akka malee gudda'aatii fi ka gatii gudda'aa dhagganneerra; karaa waan kanaatiin, sababa halchaa baddu'uutiin ta kaate, badii biyya lafaa keessa jirtu jalaa baatanee, amala Waaqumma'aa worra qoodamu teetaneertan.
5 So, making every effort, add goodness to your faith, and to goodness, knowledge; Sababa kanaaf, dhugeeffannaa irratti dansummaan akka dabalantu, dansummaa irratti beekkumsa,
6 to knowledge, self-control; to self-control, endurance; to endurance, devotion to God, beekkumsa irratti ifi qabatiisa, ifi qabatiisa irratti ciniinnatanee ossiisa, ciniinnatanee ossiisa irratti nama Waaqaa te'iisa,
7 to devotion to God, brotherly affection; to brotherly affection, love. nama Waaqaa te'iisa irratti, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa, akka obboleeyyanii woliif yaadiisa irratti jaalala nama maraa qabaadha'a.
8 If you have these qualities, growing, they'll keep you from being useless or fruitless in knowing our Lord Jesus Christ. Wonni kun isin keessa jiraattee heddataa yoo deente, Goottaa keenna Yesuus Kiristoos beekiisaan, akka isin worra woy hin baanee fi midhaan hin buunne akka hin teene isin hin eega.
9 Whoever lacks these things is blind, shortsighted, forgetting he was cleansed from his past sins. Nami waan kana hin qanne ammoo, nama fagoo hin dhagginee fi balla'a; inni cubbuu durii irraa qulloomuu ifii dedheera.
10 So, brothers and sisters, strive to confirm your calling and election; do these things and you will never stumble. Tanaaf obboleeyyan tiyya! Waamamiisaa fi filamiisa keessan mirkaneessiisaaf, worra caalchittanee dharraatanu te'a'a; tana yoo gootane dhugeeffannaa teessan irraa ijjumaa hin jiddanu.
11 This way you'll be richly given entrance into the eternal kingdom of our Lord and Savior Jesus Christ. Akka kanaan, gara mootummaa Goottaa keennaatii fi fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii, ta bara baraatitti akka galtanu middi guutuun isiniif hin kennama.
12 So I will always remind you of these things, though you know them and stand firm in the truth you now hold. Maarre isin amma waan kana beettanee, dhugaa qabattaneen jabaattanee jiraattanulle, ani yennaa maraa waan kana isin yaadachisiisa hin lakkisu.
13 I think it right to keep stirring you with reminders while I remain in this tent, Ani haga jiruu keessummumma'aa tanaan jiru, yaada keessan dammassuun kiyya sirrii te'ee natti mudhata.
14 since I know I'll soon set my tent aside, as our Lord Jesus Christ showed me. Sababille Goottaan keenna Yesuus Kiristoos akka natti mudhisetti jiruu lafa tanaa dafee lakkisee akka deemu hin beeka.
15 I will also strive so you can always recall these things after I depart. Ani deemeen duubale'etti, waan kana duudii akka isin yennaa mara qaabattanu godhu'uuf hin jabaadha.
16 For we didn't follow ingenious myths to tell you of our Lord Jesus Christ's power and coming—we were eyewitnesses of his majesty. Nuuti hunnaa fi deebi'ee dhufiisa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii yennaa isinitti beessinne, guddinna isaa iluma teennaan dhaggineeti malee, mammaassa beekkumsa namaatiin dadame irratti hundoonneetii moti.
17 He received honor and glory from our Father when a voice came to him from the Majestic Glory: "This is my Son, the one I love; I delight in him." Inni qoonqoon, «Kun Ilma kiyya ka ani jaaladhu, ani isatti guddoo gammadeera» jettu ulfinna gudda'aan yennaa dhutte, Waaqa Abbaa irraa guddinnaa fi ulfinna fudhateera.
18 We ourselves heard this voice come from heaven, for we were with him on the holy mountain. Yennaa isa woliin gaara woyyicha gubbaa jirru, nuutinuu qoonqoon tun ol-gubbaa irraa dhuttuun dhageenneerra.
19 We also have the prophetic word made more certain—you do well to attend to it, like a lamp shining in a dark place, until day dawns and the morning star rises in your hearts. Maarre dubbiin raagoti dubbatane irra caalaa nuu mirkanootteerti. Isin haga boruun dayya'ee bakkalchi ganamaa gadhaa keessan keessatti bawutti, dubbii tana akka ifa addee dukkanaatitti ifuuf xiyyeeffannaa kennitanu, dubbii raagoti dubbatte tanaaf yoo xiyyeeffannaa kennitane dansaa gootan.
20 Above all, you must understand that no prophecy of Scripture comes from one's own interpretation. Waan duudi'iin dura, dubbii raagaa ta Barreeffama Woyyicha keessa jirtu, eennulle yaada ifiitiin hiikiisaaf akka hin dandeenne hubatuu qaddan.
21 No prophecy ever came by human will, but men spoke from our Father, carried along by the Holy Spirit. Sababille dubbiin raagaa worra Ayyaana Woyyichaan sooreffameen Waaqa irraa dhutte malee, ijjumaa fedha namaatiin hin dhunne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]