Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Then Solomon began building our Father's house in Jerusalem, on Mount Moriah, where our Father had appeared to his father David, at the site David had prepared on Ornan the Jebusite's threshing floor. Achiin duuba Solomoon Yerusaalem keessatti gaara Moriiyaa irratti, addee dur Mootiin Waan Maraa abbaa isaa Daawititti mudhatetti Galma Waaqaa ijaariisa jalqabe; Daawiti addee Mootiin Waan Maraa isatti mudhate sanitti eeddummee Ornaanii nama biyya Yibusootaa keessatti Galma Waaqaa ijaariisaaf qophowe.
2 He began building in the second month, second day, in the fourth year of his reign. Solomoon mootii te'ee woggaa arfeesso'oo, ji'a lammeesso'oo keessa, guyyaa lammeesso'ootitti Galma Waaqaa san ijaariisa jalqabe.
3 These are the foundations Solomon laid for building the house of our Father: length about ninety feet by the earlier standard, width about thirty feet. Galmi Waaqaa ka Solomoon ijaariisa jalqabe, mikii bara durii dheerinni isaa ciqilee jaatama, badhinni isaa ciqilee diddama.
4 The portico across the house's front, along the width of the house, was about thirty feet wide; its height was 120 feet. He covered the inside with pure gold. Soroon isaa karaa fuula duraatiin, akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, ol dheerinni isi'iille ciqilee dhibbaa fi diddama; inni keessa isi'iille worqii qulluu itti gonfe.
5 He paneled the large room with cypress wood, covered it in fine gold, and added palm trees and chains. Kolloon guddittiin Galma sanii muka hindheensaatiin ijaarantee, worqiin qulluun itti gonfantee, fakkiin muka meexxi'iitii fi haachabaa irratti kaafamane.
6 He adorned the house with precious stones for beauty, and the gold was from Parvaim. Mootichi Solomoon Galma san dhakaa gatii guddo'ootiin miidhasse; worqiin inni ittiin seese sun worqii biyya Faarwaayimii ti.
7 He covered the house—beams, thresholds, walls, doors—with gold, and carved cherubim on the walls. Maarre inni buusaa heellichoo Galmaa, keessa isaa, dhaaba isaa, saanqa'aa fi mikikkila balbalaa isaa mara worqii itti gonfee, fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qaddu dhaaba isaa irratti kaase.
8 He made the Most Holy Place, its length matching the house's width—about thirty feet—and its width also thirty feet. He overlaid it with about twenty-three tons of fine gold. Inni Addee Irra Caalaa Woyyittiille ijaarsise. Dheerinni isi'ii akkuma badhinna Galma sanii ciqilee diddama, badhinni isi'iille ciqilee diddama. Inni dhaaba isi'ii worqii qulluu kiiloogiraama kuma diddamaa fi dhibba afur geettu itti gonfe.
9 Nails weighed about twenty ounces of gold; he covered the upper rooms with gold. Mismaarri worqi'ii gara giraama dhibba shanii fi torbaatamaa ti; inni kolloota mana mana irraalle worqii itti gonfe.
10 In the Most Holy Place he made two carved cherubim, gilded them. Inni Addee Irra Caalaa Woyyittii keessatti fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu lama muka irraa hujisiisee, worqii itti gonfe.
11 Together the cherubim's wings spanned about thirty feet: one wing of the first cherub, about seven and a half feet, touched the house wall; its other wing, also about seven and a half feet, touched the second cherub's wing. Dheerinni koola dada ol-gubba'aa ta koola qadduu sun ta lamaaniituu wolumatti ciqilee diddama; koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ta tokkeesso'oo gara tokkoon ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka lammeesso'oo bira geya.
12 The second cherub's wing, about seven and a half feet, touched the house wall; its other wing, also about seven and a half feet, joined the first cherub's wing. Koolli dada ol-gubba'aa ta koola qadduu ka lammeesso'oo, koolli tokkochi ciqilee shan dheeratee, dhaaba Galma Waaqaa bira geya; gara kaanille'een ciqilee shan dheeratee, koola dada ol-gubba'aa ka tokkeesso'oo biralle geya.
13 The wings of these cherubim spread about thirty feet; they stood on their feet, facing the main hall. Dadi ol-gubba'aa ta koola qaddu sun koola ifii Galma keessa ciqilee diddama diriirsanee, kolloo guddittii Galma saniititti fuula galanee miila ifiitiin dhaabbatan.
14 He made the curtain of blue, purple, and crimson yarn and fine linen, with cherubim woven into it. Mootichi Solomoon Addee irra caalaa Woyyittii saniif gollaa bifa cuquliisaa, bifa dhiille'ee, bifa diima'aa quncee talba'aa dansaa irraa hujee fakkii dada ol-gubba'aa ta koola qadduu irratti huje.
15 In front of the house he made two pillars, each about fifty-three feet tall, topped with a capital about seven and a half feet high. Mootichi Solomoon utuboota ciqilee soddomii shan dheeratanu lama Galma Waaqaa duratti hujisiise. Mataa utuboota sanii tokko tokkoo isaanii irratti guutuu ciqilee shan shan dheerattu hujisiise.
16 He made chains like a necklace, put them atop the pillars, made one hundred pomegranates, and fastened them to the chains. Inni haachaba wolitti xaxee miidhassee, qaccee utuboota sanii irra keyee, midhaan, «Muka rumaan» jedhamuu dhibba hujee haachaba saniin wolitti qassiise.
17 He set up the pillars in front of the temple, one to the right, one to the left, naming the right one Jachin and the left one Boaz. Inni utuboota san balbala Galma Waaqaa dura tokkocha gara middaatitti, kaan gara bita'aatitti dhaabe; ka gara middaa jiru, «Yaakiin», ka gara bita'aa jiru, «Bo'az» jedhee moggaase.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]