Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Solomon resolved to build a house for our Father's name, and a royal palace for himself. Solomoon maqaa Mootii Waan Maraatiif Galmi akka ijaaramu, manni mootumma'aa ka isaalle akka ijaaramu murteesse.
2 Solomon assigned 70,000 carriers, 80,000 stonecutters in the mountains, and 3,600 overseers over them. Inni namoota ba'aa ba'atanu kuma torbaatama, namoota kooba irraa dhakaa bocanu kuma saddeettama, namooti kum sadii fi dhibbi jaa ammoo hujii akka toowatanu godhe.
3 Solomon sent to Huram king of Tyre: "Deal with me as you did with my father David, sending him cedar to build his house to live in. Solomoon gara Hiiraamii mootii biyya Xiiroosii ergaa ergee, «Abbaan kiyya Daawiti mana mootumma'aa akka ijaarratuuf muka hindheensaa akkuma ergiteef, analle'eef ergi.
4 I am building a house for the name of my Father, to dedicate it to him—to burn fragrant incense before him, set out the bread of the Presence continually, offer burnt offerings morning and evening, on sabbaths, new moons, and appointed feasts of our Father. Israel must do this forever. Ani Galma Mootii Waan Maraa ka Waaqa kiyyaa ka hixaanni foolee dansa'aa keessatti aarfamu, ka daabboon Waaqaaf woyyoontu yennaa mara keessatti isa dura keyantu, galgalaa fi ganama kennansi gubamu itti dhikeeffamu, guyyaa Sanbataatii fi baatii ji'aatitti, yennaa jila Mootii Waan Maraa ta beekkanteetitti waan kana keessatti dhikeessanu, ijaariisaaf murteeffadheera. Kun kolbaa Israa'eliitiif seerata haga bara baraa ti.
5 The house I am building will be great, for our Father is greater than all gods. Waaqi keenna waaqota dhibii mara waan caaluuf, Galmi ani isaaf ijaaru gudda'a.
6 But who can build him a house, when heaven and the highest heavens cannot contain him? And who am I to build him one, except to burn sacrifices before him? Te'uu malee ol-gubba'aa fi ol-gubbaan olii eega isa qabatuu hin dandeenneeyyuu, eentu Galma isaaf ijaaruu dande'a ree? Addee kennansa isa duratti dhikeessanuuf qofa isaaf ijaara malee, ka Galma isaaf ijaaruu dande'u ani eennu ree?
7 Now send me a craftsman skilled in gold, silver, bronze, iron, purple, crimson, and blue yarn, and in engraving, to work with my skilled workers in Judah and Jerusalem, whom my father David provided. Maarre amma nama ogeessa worqii, meetii, sageettu'uu fi hujii sibiila dhibi'iille, woyaa dhiillee, woyaa bifa cuquliisaa dhowuu beeku naaf ergi. Akkasuma nama Yihuda'aa fi Yerusaalem keessa tee'ee, namoota ogeeyyii abbaan kiyya Daawiti qopheesse woliin meya adda addaa irratti woy qiriixee bifa itti baasee hujuu dande'u naaf ergi.
8 Send me also cedar, cypress, and red sandalwood from Lebanon, for I know your servants skillfully cut Lebanon's timber; my servants will join yours. Namooti keeti gaara Libaanonii irraa muka muriisa waan qabanuuf, Libaanon irraa muka hindheensaa, muka birbirsaatii fi muka sandali'ii naaf ergi; namooti kiyyalle namoota keeti woliin hin hujan.
9 Prepare plenty of timber for me, for the house I am building will be great and wonderful. Galmi Waaqaa ka ani ijaaraaru kun gudda'aa fi miidhagaa te'uu waan qabuuf, falaxaan hedduun naaf qophowuu ti.
10 For your servants who cut the timber I will give about 125,000 bushels of crushed wheat, 125,000 of barley, 115,000 gallons of wine, and 115,000 of oil." Ani tajaajiltoota teeti ta muka murtuuf, bullaa qamadi'ii kuntaala dhibba afurii fi afurtama, garbuu kuntaala dhibba afurii fi afurtama, akkasuma daadhii woyni'iille litirii kuma dhibba afur, zayitii ejersaa litirii kuma dhibba afur hin erga» jedhe.
11 Huram king of Tyre wrote Solomon: "Because the LORD loves his people, he made you their king." Achiin duuba mootichi Xiiroosii Hiiraam xalaya'aan Solomooniif deebisee, «Mootiin Waan Maraa kolbaa ifii waan jaalatuuf, akka ati mootii isaanii teetu si godhe» jedhe.
12 Huram said: "Blessed be the LORD, God of Israel, maker of heaven and earth! He gave King David a wise son with insight and understanding, to build a house for the LORD and a royal palace for himself. Hiiraam itti dabaleelle, «Mootiin Waan Maraa Waaqi Israa'elii ka ol-gubba'aa fi lafa dade leellifamuu ti! Inni ilma qaroo malaamessaa fi hubantii guddoo qabu ka Galma Mootii Waan Maraatii fi mana mootummaa ifiille ijaaratu mooticha Daawitiif kenneera.
13 Now I am sending you a skilled craftsman, gifted with understanding, Huram-abi, Ani amma ka hujii harkaatiin dandeettii qabu Huraam si'iif hin erga.
14 son of a woman of Dan's daughters, his father a man of Tyre—skilled in gold, silver, bronze, iron, stone, wood, purple, blue, and crimson yarn, and fine linen. He can do any engraving and carry out any design assigned to him, working with your craftsmen and those of my lord David, your father. Haati isaa dubartii sanyii Daanii ti; abbaan isaa nama biyya Xiiroosii ti. Inni hujii worqi'iitii fi meeti'ii, hujii sageettu'uutii fi sibiilaa, hujii dhaka'aatii fi mukaa, akkasuma woyaa bifa cuquliisaa, woyaa dhiille'ee fi diintuu quncee talba'aa irraa hujiisa beeka. Inni waan akka hujuuf gaafatame mara dhaka'aa fi muka irratti qiriixuu hin dande'a. Inni namoota keeti ka hujii harkaa hujuu beekanuu fi namoota goottaa kiyya, abbaa keeti Daawitii woliin hujuu hin dande'a.
15 So let my lord send his servants the wheat, barley, oil, and wine he promised, «Amma goottaa kiyya qamadi'ii fi garbuu, zayitii ejersaatii fi daadhii woyni'ii ta waadaa galte san ergi.
16 and we'll cut all the timber you need from Lebanon, float it to you as rafts by sea to Joppa, and you can haul it up to Jerusalem." Nuutille muka haga ati barbaaddu gaara Libaanonii irraa murree wolitti hiinee, abbaayaa irra haga Yophe'ee siif hin ergina; atille achii gara Yerusaalemii fudhatuu hin dandeetta» jedhe.
17 Solomon counted all the foreigners residing in the land of Israel, as his father David had; they numbered 153,600. Achiin duuba Solomoon akkuma abbaan isaa Daawiti dur laakkossiise, namoota alagaa biyya isaa keessa jiranu mara laakkossiise; namooti sunille kuma dhibba tokkoo fi kuma shantamii sadii fi dhibba jaa.
18 He assigned 70,000 as carriers, 80,000 as stonecutters in the mountains, and 3,600 as overseers to keep the people working. Isaan keessaa namooti kum torbaatam ba'aa akka ba'atanu, namooti kum saddeettami gaara irraa dhakaa akka bocanu, namooti kum sadii fi dhibbi jaa, hujii akka toowatanu godhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]