Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

2 Chronicles 1 guj

Show guj only
Verse × ×
1 Solomon son of David strengthened his hold on his kingdom; our Father was with him, making him very great. Ilmi Daawitii Solomoon mootummaa ifii jabeeffate; Mootiin Waan Maraa Waaqi isa eebbisee, mooticha jabaa isa godhe.
2 Solomon spoke to all Israel—the commanders of thousands and hundreds, the judges, and every leader in Israel, the family heads. Achiin duuba Solomoon kolbaa Israa'elii mara, ajajjoota kumaa, ajajjoota dhibbaa, abbootii mura'aatii fi sooreyyii mootumma'aa mara, sooreyyii maati'ii mara ajajee,
3 Solomon and the whole assembly went to the high place at Gibeon, where our Father's tent of meeting stood, which Moses, our Father's servant, made in the wilderness. Dunkaaniin Woldeenna'aa ta Waaqaa, ta tajaajilaan Mootii Waan Maraa Muuseen goomolee keessatti huje waan achi jirtuuf, Solomoonii fi kolbaan marti gara addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessaa dhaqane.
4 But David had brought the ark of our Father up from Kiriath-jearim to the place he prepared for it, pitching a tent for it in Jerusalem. Te'uu malee, Daawiti Saanduqa Gondooro'oo ka Waaqaa, ta Kiriiyat-Ya'ariim jiru fidee, dunkaanii Yerusaalem keessatti dhaabe keessa keyeeraayyu.
5 The bronze altar Bezalel son of Uri, son of Hur, made was there before the tabernacle of our Father; so Solomon and the assembly sought our Father there. Addeen ciinca'aa ta ilmi Urii Baxaali'el, akaakoon Huurii, sageettuu irraa huje achi Dunkaanii Woyyittii Mootii Waan Maraa dura jirtiiyyu; maarre Solomoonii fi kolbaan sun achitti fedhii Mootii Waan Maraa barbaadane.
6 Solomon went up to the bronze altar before our Father at the tent of meeting and offered 1,000 burnt offerings on it. Solomoon gara addee ciinca'aa ta sageettuu irraa hujantee, Dunkaanii Woldeenna'aa bira fuula Mootii Waan Maraa dura jirtuu ol bayee, achi irratti kennansa gubamu kuma tokko dhikeesse.
7 That night our Father appeared to Solomon and said to him, "Ask what I should give you." Halkan san Waaqi Solomoonitti mudhatee, «Waan ani sii kennu mara na gaafadhu» jedheen.
8 Solomon said to our Father, "You showed great covenant love to David my father, and made me king in his place. Solomoon deebisee Waaqaan, «Ati abbaa kiyya Daawititti jaalala keeti guddaa ka bara baraa mudhittee, akka ani addee isaatitti mootii te'u na gooteerta.
9 Now, my Father, confirm your promise to my father David, for you made me king over a people as many as the earth's dust. Ee, Mootii Waan Maraa Waaqa, ati kolbaa bindillaa biyya lafaa irratti mootii waan na gooteef, waadaan ati abbaa kiyya Daawitiif galte muummowuu ti.
10 Give me wisdom and knowledge now to lead this people, for who can govern this great people of yours?" Qarumma'aa fi beekkumsa ani ittiin kolbaa tana bulchu naaf kenni; yoo tun hin te'in kolbaa teeti hunnaamettii tana eentu bulchuu dande'a ree?» jedhe.
11 Our Father said to Solomon, "Because this was in your heart—you asked not for riches, wealth, or honor, nor your enemies' lives, nor long life, but for wisdom and knowledge to govern my people, over whom I made you king, Waaqi Solomooniin, «Ati durummaa, qabeenna, ulfinna yookiin diinoti keeti akka dhumatanu, ifiifuu bara dheeraa akka leetuuyyuu hin gaafanne; ammoo kolbaa tiyya ta ani irratti mootii si godhe akka bulchituuf, qarumma'aa fi beekkumsa akka sii kennuuf waan na gaafatteef,
12 wisdom and knowledge are given you. I will also give you riches, wealth, and honor no king before you had, and none after you will." ani qarumma'aa fi beekkumsa sii hin kenna; kana maleelle qarummaa, qabeennaa fi ulfinna moototi si'iin duraa hin qanne, ka moototi si'iin duuba mootii te'u'uu jiranulle hin qabaanne sii kenna» jedhe.
13 So Solomon went from Gibeon's high place, from before the tent of meeting, to Jerusalem, and reigned over Israel. Achiin duuba Solomoon addee waaqonfanna'aa ta Giibe'on keessaa ta Dunkaanii Woldeenna'aa duraatii ka'ee, gara Yerusaalemii deebi'e. Inni achi tee'ee kolbaa Israa'elii bulche.
14 Solomon gathered chariots and horsemen; he had 1,400 chariots and 12,000 horsemen, which he stationed in the chariot cities and with the king in Jerusalem. Solomooniin mootichi garreettota fardo'oon harkifamanu kuma tokkoo fi dhibba afurii fi abbootii fardo'oo kuma kudhanii lama wolitti qabate; inni garreettota fardo'oon harkifamanu san keessaa garii qachoota garreettoti keessa keyamanu keessa keyee, garii ifi bira qachaa Yerusaalemii keessa keye.
15 In Jerusalem the king made silver and gold like stones, and cedar as plentiful as foothill sycamore-figs. Mootichi meeti'ii fi worqiin Yerusaalem keessatti akka dhaka'aa akka bacattu, birbirsille akka muka harru'uu ka biyya kooba jalaa akka bacatu godhe.
16 Solomon's horses came from Egypt and Kue; the king's traders bought them from Kue at market price. Solomoon fardoo ifii biyya Gibxi'iitii fi biyya Qiliiqiya'aa keessaa fichisiise; daldaltooti mootichaa biyya Qiliiqiya'aa keessaa bitanee fidane.
17 They imported a chariot from Egypt for about fifteen pounds of silver, a horse for about four; through them they exported these to all the kings of the Hittites and Aram. Garreettaa fardaan harkifamu tokko beesee meeti'ii dhibba jaan, farda tokko beesee meeti'ii dhibba tokkoo fi shantamaan biyya Gibxi'ii keessaa bitan; dabarsaneelle mootii Heetotaatii fi mootii Sooriya'aatitti gurgurane.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]