Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

1 John 3 guj

Show guj only
Verse × ×
1 See what kind of love our Father has given us, that we should be called children of our Father! And we are. The world doesn't know us because it didn't know him. Ijoollee Waaqaa jedhannee akka waammannuuf, Abbaan attam guddisee akka nu jaalate ilaala'a! Maarre nuutille ijoollee isaa ti. Biyyi lafaa Waaqa waan hin beenneef, nu hin beettu.
2 Beloved, we are our Father's children now; what we will become has not yet been shown. But we know that when he appears, we will be like him, since we will see him as he is. Jaalota tiyya! Nuuti ijoollee Waaqaa ti; duuba maan akka teenu haga ammaatitti beekkamee hin jiru. Te'uu malee yennaa Kiristoos deebi'ee dhufu akkuma inni jiruun waan isa dhagginuuf, akka isaa akka teenu hin beenna.
3 And everyone who has this hope in him purifies himself, just as he is pure. Nami Kiristoositti addii tana qabu mara, akkuma Kiristoos qulqullichaa ifi hin qulqulleessa.
4 Everyone who keeps committing sin also commits lawlessness; sin is lawlessness. Cubbuun seera balleessiisa waan teeteef, nami cubbuu huju mara seera Waaqaa balleessee yakka.
5 You know he appeared to take away our sins, and in him is no sin. Kiristoos cubbuu teenna balleessiisaaf akka dhufee fi ifii ammoo akka cubbuu hin qanne isin hin beettan.
6 Whoever remains in him doesn't go on sinning; whoever goes on sinning hasn't seen or known him. Nami Kiristoosiin le'u cubbuu hin huju; nami cubbuu huju isa hin dhaggine, yookiin isaa hin beenne.
7 Little children, let no one deceive you. Whoever practices righteousness is righteous, just as he is righteous. Ijoolle! Eennulle me isin sobuu ti! Akkuma Kiristoos balchaa te'e, nami balchummaa huju balcha'a.
8 Whoever keeps on sinning is of the devil, for the devil has been sinning from the beginning. The reason the Son of our Father appeared was to destroy the works of the devil. Durriisi jalqabaa jalqabee cubbuu waan hujuuf, nami cubbuu huju maraa ilma Durriisaa ti. Ilmi Waaqaa hujii Durriisaa balleessiisaaf mudhate.
9 No one born of our Father keeps on sinning, because his seed abides in him; and he cannot keep on sinning, because he has been born of our Father. Nami Waaqa irraa dhalate adabi Waaqaa isa keessa waan jiraatuuf cubbuu hin huju, hujiisaafille hin dande'u.
10 This shows who our Father's children are, and who the devil's children are: whoever doesn't do what's right isn't from our Father, nor is anyone who doesn't love their brother or sister. Nami balchummaa hin hunyee fi nami obboleessa ifii hin jaalanne mara ka Waaqaatii moti; ijoolleen Waaqaatii fi ijoolleen Durriisaa kanaan gargar baafamanee beekkaman.
11 For this is the message you have heard from the beginning: that we should love one another. Ergaan isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane, «Wol jaalatuu qanna» ta jettu tana.
12 Not like Cain, who belonged to the evil one and killed his brother. Why did he kill him? Because his own deeds were evil and his brother's were righteous. Akka Qaayinii te'uu hin qannu; inni ka hamaalessaa te'ee obboleessa ifii ijjeese. Inni maaf isa ijjeese? Hujiin isaa hantuu teetee, hujiin obboleessa isaa balchittii waan teeteef isa ijjeese.
13 Do not be surprised, brothers and sisters, if the world hates you. Obboleeyyan tiyya! Kolbaan biyya lafaa yoo isin jibbite hin maadeffatina'a!
14 We know we've passed from death to life, because we love each other. Whoever doesn't love remains in death. Nuuti obboleeyyan teenna waan jaalanuuf du'a keessaa gara jiru'uutitti akka dabarre hin beenna. Nami nama hin jaalane du'a keessatti hafa.
15 Everyone who hates his brother or sister is a murderer, and you know no murderer has eternal life remaining in him. Nami obboleessa ifii jibbu, nama nama ijjeese; nami nama ijjeese, jiruu bara baraa akka ifi keessaa hin qanne isinuu hin beettan.
16 This is how we know love: Christ laid down his life for us; we too should lay down our lives for one another. Kiristoos lubbuu ifii dabarsee waan nu'uuf kenneef, jaalaltiin maan akka teete tanaan beenna; nuutille lubbuu teenna dabarsinee obboleeyyan teennaaf kennuu qanna.
17 But if anyone has the world's goods and sees his brother or sister in need, yet closes his heart to them, how does our Father's love remain in him? Nami karra qabu tokko obboleessi isaa rakkatuun dhaggaa yoo gadhaa itti jabaate, attamiin jaalaltiin Waaqaa isa keessa jiraatti ree?
18 Little children, let us not love with words or talk, but in deed and in truth. Ijoolle! Dubbi'iin yookiin afaan calla'aan adoo hin te'in, huji'ii fi dhuga'aan wol jaalannuu ti.
19 By this we'll know we come from the truth, and settle our heart before him, Nuuti ka dhuga'aa te'uu keennaa fi fuula Waaqaa dura ifi-addi'iin dhikaatu'uuf akka dandeennu tanaan beenna.
20 whenever our heart condemns us; for our Father is greater than our heart, and he knows everything. Yennaa wodanaan keenna nutti muru maraa, Waaqi wodanaa keenna waan caaluuf, waan maraa beeka.
21 Beloved, if our heart does not condemn us, we have confidence before our Father; Jaalota tiyya! Yoo wodanaan keenna nutti muruu dhabe, Waaqa duratti ifi-addii qanna.
22 whatever we ask, we receive from him, because we keep his commands and do what pleases him. Nuuti ajaja Waaqaatiif waan ajajannuu fi waan isa gammachiisu waan hunyuuf, waan isa gaafanne maraa isa irraa hin fudhanna.
23 This is his command: believe in his Son Jesus Christ's name, and love one another as he commanded us. Ajaji Waaqaa, Ilma isaa Yesuus Kiristoositti akka dhugeeffannuu fi akkuma inni nu ajaje akka wol jaalannu.
24 Whoever keeps his commands remains in our Father, and our Father in them. This is how we know he remains in us: by the Holy Spirit he gave us. Worri ajaja Waaqaatiif ajajamu Waaqaan le'a; Waaqille isaan keessa le'a. Ayyaana inni nu'uuf kenneen, akka Waaqi nu keessa jiru beenna.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]