Skip to content
The Believer's Library

Guji Oromo Bible

1 John 2 guj

Show guj only
Verse × ×
1 My dear children, I write this so you won't sin. But if anyone does sin, we have an advocate before the Father—Jesus Christ, the righteous one. Ijoollee, akka isin cubbuu hin hunyeef tana isiniif barreessa; eennulle cubbuu yoo huje ammoo, wobii Abbaa biraa qanna; innille Yesuus Kiristoosii balchicha.
2 He himself is the atoning sacrifice for our sins, and not ours only but also the whole world's. Inni woreega gumaa cubbuu teennaa ti; cubbuu biyya lafaa duudi'iif malee, cubbuu teenna calla'aaf moti.
3 By this we know that we have come to know him: if we keep his commandments. Yoo ajaja isaatiif ajajanne, Waaqa beekiisa keenna hin beenna.
4 Whoever says, "I know him," yet doesn't keep his commands, is a liar—the truth isn't in him. Nami, «Ani isa beeka» jedhaa, ajaja isaatiif hin ajajanne dharaamessa; dhugaalle isa keessa hin jirtu.
5 But whoever keeps his word, the love of our Father is truly complete in him. This is how we know we are in him: Nami jecha Waaqaatiif ajajamu ammoo, jaalaltiin inni Waaqaaf qabu guutu'u. Isaan jiraatuu keenna tanaan beenna.
6 Whoever claims to remain in him ought to walk in the very way he walked. Nami «Waaqaan jiraadha» jedhu, akka Yesuus le'e le'uu qaba.
7 Dear ones, I write you no new command, but an old one, held since the start—the old command is the word you heard. Jaalota tiyya! Ani ka isiniif barreessaaru, ajajuma dullacha dur jalqabaa jalqaddanee isin qaddanu san malee, ajaja haareyaa moti. Ajaji dullachi jechuma isin dhageettane.
8 Again, I write you a new command—true in him and in you—because the darkness is passing and the true light already shines. Te'uu malee, dukkanti dabariisatti, ifi dhugichi ifiisatti waan jiruuf, Kiristoosii fi isin biratti dhugaa ka te'e, ajaja haareya isiniif barreessa.
9 Anyone who says they're in the light but hates their brother or sister is in the dark even now. Nami, «Ani ifa keessa jira» jedhaa obboleessa ifii jibbu, ammalle dukkanuma keessa jira.
10 Whoever loves his brother or sister abides in the light, and in him there is no cause for stumbling. Nami obboleessa ifii jaalatu ifa keessa le'a; wonni nama gufachiisulle isa keessa hin jiru.
11 But whoever hates his brother or sister is in the dark, walking in the dark, not knowing where he's going—the dark has blinded his eyes. Nami obboleessa ifii jibbu ammoo dukkana keessa le'a, dukkana keessa ideema, dukkantille ila isaa waan qaddeef gara itti ideemiisatti jiruuyyu hin beeku.
12 I write to you, little children, because your sins are forgiven for his name's sake. Ijoolle! Cubbuu teessaniif maqaa Kiristoosiitiin araarri waan kennameef isiniif barreessa.
13 I write to you, fathers, because you know the One from the beginning. I write to you, young men, because you have defeated the evil one. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneertanuuf isiniif barreessa. Dargaggoota! Hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
14 Children, I write because you know the Father. Fathers, I write because you know the One from the beginning. Young men, I write because you're strong, and our Father's word lives in you, and you've overcome the evil one. Ijoolle! Abbaa waan beettaneef isiniif barreessa. Abbooti'i! Ka jalqabaa jalqabee jiru waan beettaneef isiniif barreessa. Dargaggoota! Jajjaba waan teetaneef, jechi Waaqaalle isin keessa waan jiruu fi hamaalessa waan injifattaneef isiniif barreessa.
15 Do not love the world, or anything in the world. Whoever loves the world, the love of the Father is not in him. Biyya lafaa yookiin waan biyya lafaa hin jaalatina'a; nama biyya lafaa jaalatu, jaalaltiin Waaqa Abba'aa isa keessa hin jirtu.
16 Everything in the world—the craving of the flesh, the craving of the eyes, and the pride of life—is not from the Father but from the world. Wonni biyya lafaa keessa jiru maraa: halchaan foonii, halchaan ilaatii fi waan qabanuun kooruun, biyya lafaa irraa dhutti malee, Waaqa Abbaa irraa hin dhuttu.
17 The world and its cravings are passing away, but whoever does the will of our Father remains forever. Biyyi lafaatii fi halchaan isi'ii marti hin tarti; nami fedhii Waaqaa muummessu ammoo haga bara baraa le'a.
18 Children, it is the last hour. As you heard antichrist comes, so now many antichrists have come; by this we know it's the last hour. Ijoolle! Saatiin tun ta muumme'ee ti. Ka Kiristoos mormu akka dhufu kanaan duraa dhageettaneertan; ammumaayyuu worri Kiristoos mormu hedduun dhufeera. Maarre akka saatiin muumme'ee geette nuuti tanaan beenna.
19 They went out from us, but were not of us; if they had been of us, they would have stayed with us. But they left, to show that none of them belonged to us. Isaan nu keessaa bayane malee, keennaa moti; adoo keenna te'anee sila nu'uma woliin jiraataniiyyu. Isaan ammoo nu lakkisanee deemiisaan keenna te'uu dhabuu isaanii mudhisane.
20 But you have an anointing from the Holy One, and you all know the truth. Isin ammoo Kiristoos Ayyaana Woyyichaan muudeera; waan maraa isin martinuu hin beettan.
21 I write to you not because you don't know the truth, but because you do—and no lie comes from the truth. Isin dhugaa beekuu dhaddaneef adoo hin te'in, dhuga'aa fi dhugaa keessaa dharti akka hin baane waan beettanuuf isiniif barreessa.
22 Who is the liar, if not the one denying Jesus is the Christ? This is the antichrist, denying the Father and the Son. Yesuus Masiihii moti jedhee ka mormatu malee, dharaamessi eennu ree? Ka Abba'aa fi Ilma mormatu kun mormattuu Kiristoosii ti.
23 No one who denies the Son has the Father. Whoever confesses the Son has the Father also. Nami Ilma mormatu Abbaa hin fudhatu; nami Ilma dhugeessu Abbaalle hin dhugeessa.
24 You—let what you heard from the start remain in you. If what you heard from the start remains in you, you too will remain in the Son and the Father. Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa jiraattuu ti! Wonni isin jalqabaa jalqaddanee dhageettane gadhaa keessan keessa yoo jiraatte, isinille Ilmaa fi Abba'aan hin jiraattan.
25 And this is the promise that he himself made to us—eternal life. Addiin inni nu'uuf kenne tun jiruu bara baraa ti.
26 I write these things to you about those who are trying to lead you astray. Marroo worra isin dokonkorsuutiif, ani tana isiniif barreessa.
27 As for you, the anointing you received from him remains in you, and you don't need anyone to teach you. But since his anointing teaches you about everything—true, not a lie—remain in him, just as it taught you. Ayyaanni isin Kiristoos irraa fudhattane ammoo isin keessa hin jiraata; inni waan isin barsiisuuf, eennulle akka isin barsiisuuf hin barbaachisu. Inni waan mara isin hin barsiisa; wonni inni barsiisulle dhuga'a, dharti keessa hin jirtu. Maarre akkuma Ayyaanni Woyyichi isin barsiisetti Kiristoosiin jiraadha'a!
28 And now, little children, remain in him, so that when he appears we may have confidence and not shrink from him in shame at his coming. Yoona, ijoolle! Yennaa Kiristoos mudhatu sodaa malee akka jiraannuu fi guyyaa dhufa isaa akka hin fokkifanne isaan jiraadha'a!
29 If you know he's righteous, you also know that all who do right are born of him. Akka inni balchaa te'e yoo beettane, nami balchummaa huju maraa ilma Waaqaa akka te'e hin beettan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

guj

The Word for the World International and Bible Society of Ethiopia
Guji Oromo Bible · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]