Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Proverbs 26 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Like snow in summer and like rain at harvest, honor is not fitting for a fool. Akkuma cabbii yeroo bonaa yookaan bokkaa yeroo haamaa, nama gowwaaf ulfinni hin malu.
2 Like a fluttering sparrow or a darting swallow, an undeserved curse does not come to rest. Akkuma simbirri barriftu yookaan daaloteen barriftu abaarsi sababii malee dhufu nama irra hin buʼu.
3 A whip for the horse, a bridle for the donkey, and a rod for the backs of fools. Alangaan fardaaf, luugamni harreef, uleen immoo dugda gowwaatiif mala!
4 Do not answer a fool according to his foolishness, or you yourself will be like him. Gowwaadhaaf akka gowwummaa isaatti hin deebisin; yoo akkas goote ati mataan kee iyyuu akkuma isaa taata.
5 Answer a fool according to his foolishness, or he will be wise in his own eyes. Gowwaadhaaf deebii gowwummaa isaatiif malu kenni; yoo kanaa achii inni ogeessa of seʼaa.
6 Whoever sends a message through a fool cuts off his own feet and drinks down violence. Harka nama gowwaatti ergaa ergachuun, akkuma miilla ofii irraa muruu yookaan summii dhuguu ti.
7 Like the legs of a lame man hanging useless is a proverb in the mouth of fools. Afaan nama gowwaa keessatti, fakkeenyi akkuma miilla naafaa ti.
8 Like binding a stone in a sling is giving honor to a fool. Namni gowwaadhaaf ulfina kennu, akkuma nama furrisaatti dhagaa guduunfuu ti.
9 Like a thornbush in the hand of a drunkard is a proverb in the mouth of fools. Fakkeenyi afaan gowwaa keessatti akkuma qoraattii harka nama machaaʼee keessaa ti.
10 Like an archer who wounds everyone is one who hires a fool or hires any passerby. Namni gowwaa yookaan kara deemaa qaxaratu akkuma adamsaa nama hunda xiyyaan madeessuu ti.
11 As a dog returns to its vomit, so a fool repeats his foolishness. Akkuma sareen diddiga isheetti deebitu sana, gowwaan gowwummaa isaa irra deddeebiʼa.
12 Do you see someone wise in his own eyes? There is more hope for a fool than for him. Ati nama akka ilaalcha ofii isaatti ogeessa taʼe argitaa? Isa irra gowwaatu abdii caalu qaba.
13 The lazy person says, "There is a lion in the road! A lion in the streets!" Dhibaaʼaan, “Leenci karaa irra jira; leenci sodaachisaan daandii irra jira!” jedha.
14 As a door turns on its hinges, so the lazy person turns on his bed. Akkuma saanqaan muchoo isaa irra naannaʼu, dhibaaʼaan siree ofii irra gaggaragala
15 The lazy person buries his hand in the dish; it wearies him to bring it back to his mouth. Dhibaaʼaan harka isaa waciitii keessa kaaʼa; gara afaan isaatti deebifachuuf ni dhibaaʼa.
16 The lazy person is wiser in his own eyes than seven who answer wisely. Dhibaaʼaan namoota hubannaadhaan deebii kennan torba caalaa ogeessa of seʼa.
17 Like grabbing a dog by the ears is a passerby who meddles in a quarrel not his own. Namni lola nama biraa keessa seenu, akkuma nama harkaan gurra saree qabuu ti.
18 Like a madman shooting firebrands, arrows, and death, Akkuma maraatuu ibidda yookaan xiyya namatti gad dhiisu tokkoo
19 so is the one who deceives his neighbor and says, "I was only joking!" namni, “Ani nan qoose!” jedhee ollaa isaa gowwoomsus akkasuma.
20 Without wood a fire goes out, and without a gossip a quarrel dies down. Ibiddi yoo qoraan dhabe ni dhaama; hamiin yoo hin jiraanne, lolli ni qabbanaaʼa.
21 As charcoal to embers and wood to fire, so a quarrelsome person kindles strife. Akkuma cileen barbadaa ibiddaa bobeessee qoraan ibidda qabsiisu sana namni lola jaallatu lola kakaasa.
22 The words of a gossip are like choice morsels; they sink down into the inmost parts. Dubbiin hamattuu akkuma gurshaa miʼaawuu ti; gara kutaa garaattis gad buʼa.
23 Like a glaze covering an earthen pot are smooth lips with an evil heart. Dubbiin gaariin garaa hamaa keessaa baʼu akkuma okkotee meetiin irra dibamee ti.
24 An enemy disguises himself with his lips, but in his heart he harbors deceit. Namni maqaa namaa balleessu tokko arrabuma ofiitiin nama tolaa of fakkeessa; garaa isaa keessatti immoo gowwoomsaa guduunfata.
25 When he speaks graciously, do not believe him, for seven abominations fill his heart. Yoo dubbiin isaa sitti miʼaawe iyyuu isa hin amanin; wanni jibbisiisaan torba garaa isaa guuteeraatii.
26 Though his hatred is hidden by deceit, his wickedness will be exposed in the assembly. Jalʼinni isaa sobaan haguugamee dhokfamuu dandaʼa; hamminni isaa garuu fuula waldaa duratti ifatti baʼa.
27 Whoever digs a pit will fall into it, and a stone rolls back on the one who rolls it. Namni boolla qotu boolla keessa buʼa; nama dhagaa gangalchus, dhagaan sun isumatti deebiʼa.
28 A lying tongue hates those it crushes, and a flattering mouth works ruin. Arrabni sobu tokko warruma miidhu sana jibba; afaan saadu tokkos badiisa fida.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]