Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Numbers 2 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Then our Father spoke to Moses and Aaron, saying: Rabbii Allaahan Muusaa fi Haaruuniin akkana jedhe:
2 "The Israelites are to camp, each by his standard, with banners of their ancestral houses, facing the tent of meeting all around, they are to camp. “Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa faajjii ofii isaanii jalatti faajjii maatii isaa wajjin dunkaana irraa xinnuma fagaatee naannoo dunkaana wal gaʼii haa qubatu.”
3 "To the east, toward sunrise: the camp of Judah, by their divisions, under its standard. Leader of Judah's people: Nahshon son of Amminadab. Gama baʼaatiin, karaa baʼa biiftuutiin: kutaawwan qubata Yihuudaa faajjii isaanii jala haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Yihuudaa Nahishoon ilma Amiinaadaabii ti.
4 His division, those counted, numbered 74,600. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 74,600.
5 "Camping next to him: the tribe of Issachar; the leader of Issachar's sons is Nethanel son of Zuar. Gosti Yisaakor isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Yisaakor Naatnaaʼel ilma Zuuwaar ture.
6 His division, those counted, numbered 54,400. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 54,400.
7 "Then the tribe of Zebulun; leader of Zebulun's sons: Eliab son of Helon. Gosti Zebuuloon kanatti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Zebuuloon Eliiyaab ilma Heeloonii ti.
8 His division, those counted, numbered 57,400. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 57,400.
9 "All counted in Judah's camp: 186,400, by their divisions. They set out first. Namoonni qubata Yihuudaatti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 186,400 turan. Isaanis duraan dursanii qajeelu.
10 "South side: the banner of Reuben's camp, by divisions. Leader of Reuben's people: Elizur son of Shedeur. Gama kibbaatiin: kutaawwan qubata Ruubeen faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ijoollee Ruubeen Eliizuur ilma Shedeeʼuurii ti.
11 His division, those counted, numbered 46,500. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 46,500.
12 "Camping beside him: the tribe of Simeon; leader of Simeon's people, Shelumiel son of Zurishaddai. Gosti Simiʼoon isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan gosa Simiʼoon Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayii ti.
13 His division, those counted, numbered 59,300. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 59,300.
14 "Then the tribe of Gad: leader of Gad's people, Eliasaph son of Deuel. Gosti Gaad isaanitti haa aanu. Hoogganaan gosa Gaad Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeelii ti.
15 His division, those counted, numbered 45,650. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 45,650.
16 "Those counted in Reuben's camp, by their divisions: 151,450. They set out second. Namoonni qubata Ruubeenitti lakkaaʼaman hundis akkuma kutaa kutaa isaaniitti 151,450 turan. Isaan kunneenis warra duraatti aananii deemu.
17 "Then the tent of meeting sets out, with the Levites' camp in the middle of the camps. They set out in the order they camp, each in place, under their banners. Ergasiis dunkaanni wal gaʼiitii fi qubanni Lewwotaa qubatawwan gidduu haa deeman. Isaanis akkuma toora qubata isaaniitti tokkoon tokkoon isaanii iddoo isaanii eeggatanii faajjii isaanii jala haa deeman.
18 "West side: Ephraim's camp standard, by their divisions; leader of Ephraim's people is Elishama son of Ammihud. Gama dhiʼaatiin gareen qubata Efreem faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan ilmaan Efreem Eliishaamaa ilma Amiihuudii ti.
19 His division, those counted, numbered 40,500. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 40,500.
20 "Beside him: the tribe of Manasseh, led by Gamaliel son of Pedahzur. Gosti Minaasee isaanitti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Minaasee Gamaaliʼeel ilma Phedaasuurii ti.
21 His division, those counted, numbered 32,200. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 32,200.
22 "Then the tribe of Benjamin, led by Abidan son of Gideoni. Gosti Biniyaam itti haa aanu. Hoogganaan ilmaan Biniyaam Abiidaan ilma Gaadeyoonii ti.
23 His division, those counted, numbered 35,400. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 35,400.
24 "All counted in Ephraim's camp: 108,100, by their divisions. They set out third. Namoonni qubata Efreemitti lakkaaʼaman hundis kutaa kutaa isaaniitti 108,100 turan. Isaan kunneen immoo kutaa sadaffaa taʼanii deeman.
25 "Dan's camp standard stands on the north side, by divisions. Ahiezer son of Ammishaddai leads Dan's people. Gama kaabaatiin kutaawwan qubata Daan faajjii isaanii jalaan haa qubatan. Hoogganaan gosa Daan Ahiiʼezer ilma Amiishadaayii ti.
26 His division, those counted, numbered 62,700. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 62,700.
27 "Camping next to it: the tribe of Asher, its leader Pagiel son of Ochran. Gosti Aasheer isaanitti aanee haa qubatu. Hoogganaan ijoollee Aseer Fagiʼeel ilma Okraanii ti.
28 His division, those counted, numbered 41,500. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 41,500.
29 "Then the tribe of Naphtali; Naphtali's leader is Ahira son of Enan. Gosti Niftaalem itti haa aanu. Hoogganaan ijoollee Niftaalem Ahiiraa ilma Eenaanii ti.
30 His division, those counted, numbered 53,400. Lakkoobsi kutaa isaas namoota 53,400.
31 "All counted in Dan's camp: 157,600. They set out last, by their standards." Namoonni qubata Daaniitti lakkaaʼaman hundis 157,600 turan. Isaanis dhuma irratti faajjii isaanii jalaan haa deeman.
32 These are Israelites counted by their clans, all camp divisions: 603,550. Namoonni kunneen saba Israaʼel warra akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼamanii dha. Lakkoobsi warra qubata keessaa kanneen kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaman hundaa 603,550.
33 But the Levites were not counted among the Israelites, just as our Father had commanded Moses. Lewwonni garuu akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sanatti Israaʼeloota kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
34 So the Israelites did all our Father commanded Moses. So they camped by their standards, and so they set out, each by clan, by ancestral family. Akkasiin Israaʼeloonni waan Rabbii Allaahan Muusaa ajaje hunda hojjetan; isaanis haaluma kanaan faajjii isaanii jala haa qubatan; haaluma kanaanis tokkoon tokkoon isaanii balbalaa fi maatii isaanii wajjin baʼanii haa deeman.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]