Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Numbers 1 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses in the Sinai wilderness, in the tent of meeting, on the first day of the second month of the second year after they left the land of Egypt. He said: Erga sabni Israaʼel biyya Gibxiitii baʼee booddee waggaa lammaffaa keessaa, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti Rabbii Allaahan dunkaana wal gaʼii keessatti, Gammoojjii Siinaa keessatti Muusaatti dubbate. Innis akkana jedheen;
2 "Count the whole community of Israel's people, by clans and fathers' houses—every male, by name, head by head. “Waldaa saba Israaʼel hunda lakkaaʼaatii balbala balbalaanii fi maatii maatiidhaan maqaa dhiirotaa tokko tokkoon barreessaa.
3 Register everyone in Israel twenty and older who can serve in the army—you and Aaron—by their divisions. Namoota Israaʼel keessaa dhiirota umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hunda atii fi Haaruun kutaa kutaa isaaniitiin lakkaaʼaa.
4 A man from each tribe is to be with you, each one the head of his family. Tokkoo tokkoo gosaa keessaa namni hangafa maatii ofii isaa taʼe isin gargaaruu qaba.
5 "Names of the men who will stand with you: from Reuben, Elizur son of Shedeur. “Maqaan namoota isin gargaaruu qabanii kanneenii dha: “Gosa Ruubeen keessaa Eliizuur ilma Shedeeʼuur;
6 "From Simeon, Shelumiel son of Zurishaddai; gosa Simiʼoon keessaa Shilumiiʼeel ilma Zuriishadaayi;
7 "From Judah, Nahshon son of Amminadab; gosa Yihuudaa keessaa Nahishoon ilma Amiinaadaab;
8 "From Issachar, Nethanel son of Zuar; gosa Yisaakor keessaa Naatnaaʼel ilma Zuuwaar;
9 "From Zebulun, Eliab son of Helon; gosa Zebuuloon keessaa Eliiyaab ilma Heeloon;
10 "From the sons of Joseph: from Ephraim, Elishama son of Ammihud; from Manasseh, Gamaliel son of Pedahzur; ilmaan Yuusuf keessaa: gosa Efreem keessaa Eliishaamaa ilma Amiihuud; gosa Minaasee keessaa Gamaaliʼeel ilma Phedaasuur;
11 "From Benjamin, Abidan son of Gideoni; gosa Biniyaam keessaa Abiidaan ilma Gaadeyoon,
12 "From Dan, Ahiezer son of Ammishaddai; gosa Daan keessaa Ahiiʼezer ilma Amiishadaay;
13 "From Asher, Pagiel son of Ochran; gosa Aasheer keessaa Fagiʼeel ilma Okraan;
14 "From Gad, Eliasaph son of Deuel; gosa Gaad keessaa Eliyaasaaf ilma Deʼuuʼeel;
15 "From Naphtali, Ahira son of Enan. gosa Niftaalem keessaa Ahiiraa ilma Eenaan.”
16 "These were the community's called ones, leaders of their ancestral tribes, heads of Israel's clans." Namoonni kunneen warra dura buʼoota gosoota abbootii isaanii taʼanii waldaa sana keessaa filatamanii dha. Isaanis hangafoota balbalawwan Israaʼel turan.
17 So Moses and Aaron took these men who had been designated by name, Muusaa fi Haaruun namoota maqaan isaanii eerame kanneen fudhatanii,
18 on the first day of the second month they gathered the whole community. The people registered their ancestry by clan and family—every male twenty years old and older, listed by name, one by one, guyyaa jalqaba jiʼa lammaffaatti waldaa hunda walitti waaman. Namoonni sunis akkuma balbalaa fi maatii isaaniitti hidda dhaloota isaanii himatan; dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii maqaan isaanii tokko tokkoon galmeeffame;
19 as our Father had commanded Moses. So Moses counted them in the wilderness of Sinai. innis akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajajetti Gammoojjii Siinaa keessatti saba sana lakkaaʼe.
20 From Reuben's descendants, Israel's firstborn: recorded by clan and family, name by name, every male twenty years old and up, able to serve in war. Sanyii Ruubeen ilma Israaʼel hangaftichaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
21 Those counted from the tribe of Reuben were 46,500. Baayʼinni gosa Ruubeen nama 46,500 ture.
22 Simeon's descendants, by clans and families, counted by name, head by head: every male twenty years old and up, fit for the army. Sanyii Simiʼoon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti tokko tokkoon maqaa maqaadhaan barreeffaman.
23 Those counted from the tribe of Simeon were 59,300. Baayʼinni gosa Simiʼoon nama 59,300 ture.
24 From Gad's descendants: by clans, families, and names, every man twenty and older fit for military service. Sanyii Gaad keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
25 Those counted from the tribe of Gad were 45,650. Baayʼinni gosa Gaad nama 45,650 ture.
26 Judah's descendants, listed by clans and families, by name, every man twenty and older able to serve in the army: Sanyii Yihuudaa keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
27 those counted from the tribe of Judah were 74,600. Baayʼinni gosa Yihuudaa nama 74,600 ture.
28 Issachar's descendants, listed by clan and family, by name, every man twenty years and older fit for war: Sanyii Yisaakor keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
29 those counted from the tribe of Issachar were 54,400. Baayʼinni gosa Yisaakor nama 54,400 ture.
30 Zebulun's descendants: registered by clan and family, by name, every man twenty years old or older fit for military service. Sanyii Zebuuloon keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmeewwan balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
31 Those counted from the tribe of Zebulun were 57,400. Baayʼinni gosa Zebuuloon nama 57,400 ture.
32 Sons of Joseph, Ephraim's line: recorded by clan and family, by name, every man twenty and older fit for military service. Ilmaan Yuusuf keessaa: Sanyii Efreem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
33 Those counted from the tribe of Ephraim were 40,500. Baayʼinni gosa Efreem nama 40,500 ture.
34 Manasseh's descendants, listed by clans and families, by name, each man twenty years or older able to serve in the army: Sanyii Minaasee keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
35 those counted from the tribe of Manasseh were 32,200. Baayʼinni gosa Minaasee nama 32,200 ture.
36 From Benjamin's descendants, recorded by clan and family, by name, every man twenty years old and older, fit for military service: Sanyii Biniyaam keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
37 those counted from the tribe of Benjamin were 35,400. Baayʼinni gosa Biniyaam nama 35,400 ture.
38 From Dan's descendants, listed by clan and family, by name, every man twenty years old and older fit for war: Sanyii Daan keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
39 those counted from the tribe of Dan were 62,700. Baayʼinni gosa Daan nama 62,700 ture.
40 Asher's descendants, listed by clan and family, by name: every man twenty years old and up, fit for military service. Sanyii Aasheer keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaaniitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
41 Those counted from the tribe of Asher were 41,500. Baayʼinni gosa Aasheer nama 41,500 ture.
42 Naphtali's descendants: by clan and family, counted by name, every man twenty and older fit for war. Sanyii Niftaalem keessaa: Dhiironni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen lola dhaquu dandaʼan hundinuu akkuma galmee balbalaa fi maatii isaanitti maqaa maqaadhaan barreeffaman.
43 Those counted from the tribe of Naphtali were 53,400. Baayʼinni gosa Niftaalem nama 53,400 ture.
44 Moses, Aaron, and Israel's twelve leaders counted these men, each for his family. Dhiironni kunneen warra Muusaa fi Haaruun hangafoota Israaʼel kudha lamaaniin lakkaaʼaman turan; hangafoonni kunneenis tokkoon tokkoon isaanii iddoo buʼoota maatii isaanii turan.
45 All Israel's people were counted by families, every man twenty years old and older, fit to serve in Israel's army. Israaʼeloonni umuriin isaanii waggaa digdamaatii fi hammasii olii kanneen Israaʼel keessatti lolaaf baʼuu dandaʼan hundinuu akkuma maatii isaaniitti lakkaaʼaman.
46 All those counted came to 603,550. Walumaa galatti baayʼinni namaa 603,550 ture.
47 But the Levites were not counted among them by their ancestral tribe. Lewwonni garuu akka gosa abbootii isaaniitti warra kaan wajjin hin lakkaaʼamne.
48 For our Father had said to Moses: Rabbii Allaahan Muusaadhaan akkana jedhee ture:
49 "Do not count the tribe of Levi or list them among the Israelites. “Ati gosa Lewwii hin lakkaaʼin yookaan lakkoobsa saba Israaʼeloota kaaniitti hin dabalin.
50 Instead, put the Levites in charge of the tabernacle of the testimony, all its furnishings, and everything belonging to it. They must carry the tabernacle and its furnishings, care for it, and camp around it. Qooda kanaa akka Lewwonni itti gaafatamtoota dunkaana dhuga baʼumsaa, miʼa isaa hundaa fi waan inni qabu hundaa taʼaniif isaan muudi. Isaanis dunkaana qulqulluu fi miʼa isaa hunda haa baatan; dunkaanicha haa tajaajilan; naannoo isaas haa qubatan.
51 When the tabernacle sets out, Levites take it down; when it is pitched, Levites set it up. Any outsider who comes near is to be put to death. Yeroo dunkaanni qulqulluun deemuu qabutti Lewwonni dunkaana sana haa buqqisan; yeroo dunkaanichi dhaabamus Lewwonni haa dhaaban. Namni dunkaanichatti dhiʼaatu biraa haa ajjeefamu.
52 Israel's people are to camp, each by his own camp, each under his own banner, by their companies. Israaʼeloonnis tokkoon tokkoon namaa qubata isaa keessaa fi faajjii isaa jalatti kutaa kutaadhaan dunkaana isaanii haa dhaabbatan.
53 The Levites must camp around the tabernacle of the testimony, so no wrath falls on the Israelite community; the Levites are to guard the tabernacle of the testimony." Taʼus Lewwonni akka dheekkamsi Rabbii Allaah waldaa Israaʼelitti gad hin buuneef dunkaanota isaanii naannoo dunkaana dhuga baʼumsaa haa dhadhaabatan. Lewwonni eegumsa dunkaana dhuga baʼumsaatti itti gaafatamtoota taʼuu qabu.”
54 The people of Israel did everything our Father had commanded Moses; that is exactly what they did. Israaʼeloonni akkuma Rabbii Allaahan Muusaa ajaje sanatti waan kana hunda hojjetan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]