Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Matthew 3 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 In those days John the Baptist came, preaching in the wilderness of Judea, Bara sana Yahyaan gammoojjii Yihuudaa keessatti lallabaa dhufe;
2 "Repent, for the kingdom of our Father has come near." innis, “Mootummaan shamaayʼun dhiʼaateeraatii qalbii jijjiirradhaa” jedhe.
3 This is the one Isaiah the prophet spoke of, saying: "A voice calling out in the wilderness: Prepare the way of the Lord, make his paths straight." Kunis isa waaʼeen isaa karaa Isaayyaas nabiiʼiyyichaatiin, “Sagalee nama, ‘Gooftaadhaaf karaa qopheessaa; daandii qajeelaas isaaf hojjedhaa’ jedhee gammoojjii keessaa iyyu tokkoo” jedhamee dubbatame sanaa dha.
4 John wore clothes of camel hair, with a leather belt around his waist; his food was locusts and wild honey. Uffanni Yahyaa rifeensa gaalaa irraa hojjetame; innis mudhii isaatti sabbata teephaa hidhata ture. Nyaanni isaa immoo hawwaannisaa fi damma bosonaa ture.
5 Then Jerusalem and all Judea and all the region around the Jordan went out to him, Namoonnis Yerusaalem irraa, Yihuudaa hundaa fi biyya naannoo Yordaanos guutuu irraa gara isaa dhaqaa turan.
6 and they were baptized by him in the Jordan River, confessing their sins. Cubbuu isaaniis himachaa, Laga Yordaanos keessatti isaan cuuphamaa turan.
7 Seeing many Pharisees and Sadducees coming to be baptized, he said to them, "You brood of vipers! Who warned you to flee the coming wrath? Inni garuu yommuu Fariisotaa fi Saduuqota keessaa baayʼeen isaanii utuu gara iddoo inni itti cuuphaa turee dhufanuu argetti akkana jedheen; “Isin ijoollee buutii nana! Dheekkamsa dhufu jalaa akka baqattaniif eenyutu isinitti hime?
8 Bear fruit, then, worthy of repentance. Egaa ija qalbii jijjiirrannaa mirkaneessu naqadhaa.
9 Don't presume to say to yourselves, 'Abraham is our father,' for I tell you: our Father can raise up children for Abraham from these stones. Isin, ‘Abbaan keenya Ibraahimii dha’ ofiin jechuu waan dandeessan hin seʼinaa. Allaahan dhagoota kanneen irraa Ibraahimiif ijoollee kaasuu akka dandaʼu ani isinittan himaatii.
10 The axe already lies at the root of the trees, so every tree not bearing good fruit is cut down and thrown into the fire. Qottoon amma iyyuu hidda mukkeenii irra kaaʼameera; mukti ija gaarii hin naqanne hundinuus muramee ibiddatti darbatama.
11 "I baptize you with water for repentance, but the one coming after me is stronger than I am—I'm not worthy to carry his sandals. He will baptize you with the Holy Spirit and fire. “Ani qalbii jijjiirrannaadhaafin bishaaniin isin cuupha. Inni na duubaan dhufu garuu na caalaa jabaa dha; ani kophee isaa iyyuu baachuuf hin malu. Inni Hafuura Qulqulluu fi ibiddaan isin cuupha.
12 His winnowing fork is in his hand; he'll clear his threshing floor, gather his wheat into the barn, but burn the chaff with fire that never goes out." Inni afarsaa ittiin midhaan qulleessu of harkaa qaba; qamadii isaa gombisaatti naqata; oobdii isaa ni qulqulleessa; habaqii garuu ibidda hin dhaamneen guba.”
13 Then Jesus came from Galilee to the Jordan to John, to be baptized by him. Iisaan ergasii Yahyaan cuuphamuuf Galiilaadhaa gara Laga Yordaanos dhufe.
14 But John tried to stop him: "I need baptism from you, yet you come to me?" Yahyaan garuu, “Ani siin cuuphamuu na barbaachisa; ati immoo gara koo dhuftaa?” jedhee isa dhowwe.
15 Jesus replied to him, "Allow it now, for this is how we must fulfill all righteousness." So John allowed him. Iisaanis deebisee, “Ammaaf akkanuma haa taʼuu dhiisi; nu qajeelummaa hunda raawwachuudhaaf waan kana gochuu qabnaatii” jedheen. Yahyaanis isa dhowwuu dhiise.
16 After Jesus was baptized, he came up out of the water at once, and suddenly the heavens opened to him; he saw the Spirit of our Father coming down like a dove and settling on him. Iisaanis akkuma cuuphameen bishaan keessaa ol baʼe. Innis yommusuma shamaayʼuniin banamee, utuu Hafuurri Allaaha akkuma gugeetti gad buʼee isa irras qubatuu arge.
17 Then a voice from heaven said, "This is my Son, the one I love; I delight in him." Sagaleen tokkos shamaayʼun irraa, “Kun Ilma koo isa ani jaalladhuu dha; isatti baayʼee nan gammada” jedhe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]