Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Matthew 2 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 After Jesus was born in Bethlehem, Judea, in the days of King Herod, magi from the east arrived in Jerusalem, Bara Heroodis Mootichaa keessa, erga Iisaan magaalaa Beetlihem Yihuudaatti argamtu keessatti dhalatee booddee, beektonni baʼa biiftuutii gara Yerusaalem dhufan;
2 saying, "Where is the one born king of the Jews? For we saw his star in the east and have come to worship him." isaanis, “Mootiin Yihuudootaa inni dhalate sun eessa jira? Nu urjii isaa baʼa biiftuutti arginee isaaf sagaduu dhufneerra” jedhanii gaafatan.
3 When Herod the king heard this, he was troubled, and all Jerusalem with him. Heroodis Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti ni jeeqame; Yerusaalemis guutummaatti isa wajjin jeeqamte.
4 He gathered all the people's chief priests and scribes, asking where the Christ was to be born. Innis luboota hangafootaa fi barsiistota seeraa hunda saba keessaa walitti qabee Al-Masiihiin eessatti akka dhalatu isaan gaafate.
5-6 They told him, "In Bethlehem of Judea, for this is what was written through the prophet: Isaanis akkana jedhanii deebisaniif; “Beetlihem Yihuudaatti dhalata; kunis dubbii nabiiʼiyyichi, “ ‘Yaa Beetlihem ishee biyya Yihuudaa, ati gonkumaa bulchitoota Yihuudaatii gad miti; bulchaan saba koo Israaʼelin tiksu si keessaa ni baʼaatii’ jedhee barreesse sanaa dha.”
6 'Yet you, Bethlehem, in Judah's land, are certainly not the least among Judah's rulers; for from you a ruler will emerge who will shepherd Israel, my people.'" Not in this edition
7 Then Herod secretly summoned the magi and learned from them the exact time the star had appeared. Ergasii Heroodis beektota sana dhoksaatti waamee yeroo itti urjiin sun mulʼate isaan irraa hubate.
8 He sent them to Bethlehem, saying, "Go, search carefully for the child. When you find him, come back and tell me, so that I too may go and worship him." Innis, “Dhaqaatii jabeessaa mucicha barbaadaa. Yeroo argitanitti immoo akka anis dhufee isaaf sagaduuf natti himaa” jedhee Beetlihemitti isaan erge.
9 After hearing the king, they set out; the star they had seen in the east went ahead of them until it stopped over where the child was. Isaanis erga waan mootichi jedhe sana dhagaʼanii booddee karaa isaanii itti fufan; urjiin isaan baʼa biiftuutti argan sunis hamma iddoo mucichi ture gaʼee dhaabatutti isaan dura deeme.
10 When they saw the star, they rejoiced with overwhelming joy. Isaanis yeroo urjii sana arganitti akka malee gammadan.
11 Entering the house, they saw the child with Mary his mother, fell down and worshiped him. They opened their treasure boxes and gave him gifts: gold, frankincense, and myrrh. Akkuma mana ol seenaniinis mucicha, haadha isaa Mariyaam wajjin argan; kufaniis sagadaniif. Qorxii isaaniis bananii kennaa warqee, ixaanaa fi qumbii dhiʼeessaniif.
12 Warned in a dream not to return to Herod, they went back to their own country by a different route. Beektonnis akka gara Heroodisitti hin deebineef waan abjuudhaan of eeggachiisni isaaniif kennameef karaa biraatiin biyya isaaniitti deebiʼan.
13 After they left, an angel of our Father appeared to Joseph in a dream: "Get up, take the child and his mother, flee to Egypt, and stay until I tell you—Herod is about to search for the child to kill him." Yommuu beektonni sun deemanitti, kunoo malaʼikkaan Gooftaa abjuudhaan Yuusufitti mulʼatee, “Sababii Heroodis mucicha ajjeesuu barbaaduuf kaʼiitii mucichaa fi haadha isaa fudhadhuutii Gibxitti baqadhu. Hamma ani yeroo ati itti deebitu sitti himutti achuma turi” jedheen.
14 And he got up and took the child and his mother by night and left for Egypt, Kanaafuu Yuusuf kaʼee mucichaa fi haadha isaa halkaniin fudhatee Gibxitti qajeele;
15 and stayed there until Herod died, fulfilling what our Father said through the prophet: "Out of Egypt I called my son." hamma Heroodis duʼuttis achi jiraate. Kunis akka wanni Gooftaan karaa nabiiʼiyyichaatiin, “Ani Gibxii ilma koo waameera” jedhe sun raawwatamuuf taʼe.
16 Then Herod, seeing the magi had outwitted him, grew furious and sent men to kill all boys two years old and under in Bethlehem and its whole region, matching the time he'd learned from the magi. Heroodis yommuu akka beektonni sun isa gowwoomsan hubatetti akka malee aare; innis akka yeroo beektota sana irraa bareetti, ijoollee dhiiraa warra umuriin isaanii waggaa lamaa fi hammasii gad taʼe kanneen Beetlihemii fi naannoo ishee keessa jiraatan hunda nama itti ergee ficcisiise.
17 This fulfilled what was spoken through Jeremiah the prophet: Kanaanis wanni Ermiyaas nabiiʼiyyichi dubbate ni raawwatame. Innis akkana jedha:
18 "A voice was heard in Ramah, weeping and loud mourning, Rachel weeping for her children; she refused to be comforted, because they are no more." “Sagaleen booʼichaatii fi wawwaannaa guddaan tokko Raamaa keessaa dhagaʼame; sababii isaan hin jirreef, Raahel ijoollee isheetiif booʼaa jirti; jajjabaachuus ni didde.”
19 But when Herod died, an angel of our Father appeared in a dream to Joseph in Egypt, Erga Heroodis duʼee booddee, malaʼikkaan Gooftaa tokko Gibxitti abjuudhaan Yuusufitti mulʼatee,
20 saying, "Get up, take the child and his mother, go to Israel's land, for those seeking the child's life are dead." “Warri lubbuu mucichaa barbaadan waan duʼaniif kaʼiitii mucicha haadha isaa wajjin fudhadhuutii biyya Israaʼel dhaqi” jedheen.
21 So he got up, took the child and his mother, and went to Israel's land. Kanaafuu Yuusuf kaʼee mucichaa fi haadha isaa fudhatee biyya Israaʼel dhaqe.
22 Hearing that Archelaus was ruling Judea in place of his father Herod, he was afraid to go there. Warned in a dream, he withdrew to the region of Galilee. Garuu yommuu akka Arkelaawoos iddoo abbaa isaa, iddoo Heroodis Yihuudaa irratti moʼe dhagaʼetti achi dhaquu sodaate; abjuudhaanis waan of eeggachiisni isaaf kennameef gara aanaa Galiilaa deeme;
23 He went and lived in a town called Nazareth, fulfilling the prophets' words: "He will be called a Nazarene." achis dhaqee magaalaa Naazreeti jedhamtu keessa jiraate. Kunis dubbiin, “Inni Naaziricha jedhamee ni waamama” jedhamee karaa nabiiʼiyyootaatiin dubbatame sun akka raawwatamuuf taʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]