Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 13 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 Now, before the Passover festival, Jesus knew his hour had come to leave this world to his Father. Having loved his own in the world, he loved them to the end. Yeroon sun Ayyaana Faasiikaatiin dura ture. Iisaanis akka addunyaa kana keessaa gara Abbaa dhaquudhaaf saʼaatiin isaa gaʼe ni beeke. Innis warra kan isaa taʼan kanneen addunyaa keessa turan ni jaallate; hamma dhumaattis isaan jaallate.
2 During supper, the devil had already put into Judas son of Simon Iscariot's heart the plan to betray Jesus. Yeroo irbaataatti ibliis akka inni Iisaa dabarsee kennuuf Yihuudaa Keeriyoticha ilma Simoon keessa duraan dursee yaada kaaʼe.
3 Jesus, knowing that the Father had given everything into his hands, and that he had come from him and was returning to him, Iisaanis akka Abbaan waan hunda harka isaatti kenne, akka Allaah biraa dhufee fi akka gara Allaahatti deebiʼu illee beeka ture;
4 rose from supper, took off his outer clothes, picked up a towel, and tied it around his waist. kanaaf irbaata irraa kaʼee, wayyaa isaa kan irraan uffate of irraa fuudhee lafa kaaʼe; fooxaas mudhiitti hidhate.
5 Then he poured water into a basin and began washing the disciples' feet, drying them with the towel tied around him. Ergasii gabateetti bishaan naqatee miilla barattootaa dhiquu fi fooxaa mudhiitti hidhate sanaanis haquu jalqabe.
6 He came to Simon Peter, who said to him, "Lord, are you going to wash my feet?" Inni gara Simoon Phexros dhufe; Phexrosis, “Yaa Gooftaa, situ miilla koo naa dhiqaa?” jedheen.
7 Jesus answered him, "You do not realize now what I am doing, but later you will understand." Iisaan immoo deebisee, “Waan ani hojjechaa jiru ati amma hin beektu; booddee garuu ni hubatta” jedheen.
8 "You will never wash my feet," Peter said. Jesus answered, "Unless I wash you, you share nothing with me." Phexrosis, “Hin taʼu; ati gonkumaa miilla koo naa hin dhiqxu” jedheen. Iisaanis deebisee, “Yoo ani siif dhiquu baadhe ati na biraa qooda hin qabaattu” jedheen.
9 Simon Peter said to him, "Lord, not only my feet, but also my hands and head!" Simoon Phexrosis deebisee, “Yaa Gooftaa, yoos harka koo fi mataa koos malee miilla koo qofa hin taʼin” jedheen.
10 Jesus told him, "One who has bathed needs only to wash his feet—he is fully clean. You are clean, but not all of you." Iisaanis, “Namni dhagna isaa dhiqate tokko miilla isaa qofa dhiqachuu isa barbaachisa; dhagni isaa guutuun qulqulluu dha. Isin qulqulluu dha; garuu hunda keessan miti” jedheen.
11 He knew who would betray him; that's why he said, "Not all of you are clean." Innis nama dabarsee isa kennuuf jiru beeka tureetii; sababiin inni, “Qulqulluun hunda keessan miti” jedheefis kanuma.
12 After washing their feet and dressing, he reclined again and said to them, "Do you understand what I have done for you? Innis erga miilla isaanii dhiqee booddee, uffata isaa uffatee iddoo isaatti deebiʼee taaʼe. Akkanas jedheen; “Isin waan ani isiniif godhe hubattanii?
13 You call me Teacher and Lord, and rightly so, for that is what I am. Isin, ‘Barsiisaa’, ‘Gooftaas’ naan jettu; anis waan isuma isin jettan taʼeef isin dhuguma jettan.
14 So if I, your Lord and Teacher, washed your feet, you too must wash each other's feet. Yoos erga ani Gooftaa fi Barsiisaan keessan miilla keessan isinii dhiqee, isinis akkasuma miilla walii dhiquu qabdu.
15 For I have given you an example, that you should do as I have done for you. Akkuma ani isinii godhe kana isinis akka gootaniif ani fakkeenya isinii kenneera.
16 Truly, truly, I say to you, a servant isn't greater than his master, nor a messenger greater than his sender. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; garbichi gooftaa isaa hin caalu; malaʼikkaanis kan isa erge hin caalu.
17 If you know these things, you are blessed if you do them. Egaa isin yoo waan kana beektanii hojii irra oolchitan isin eebbifamoo dha.
18 "I don't mean all of you—I know those I've chosen. But Scripture must be fulfilled: 'The one eating my bread has raised his heel against me.' “Ani waaʼee hunda keessanii dubbachaa hin jiru; ani warran filadhe nan beeka. Kun garuu dubbiin Katabbii Qulqulluu kan, ‘Inni buddeena koo nyaate koomee isaa natti ol fudhate’ jedhu sun akka guutamuuf.
19 I tell you now, before it happens, so you'll believe, once it happens, that I AM. “Isin yommuu wanni kun taʼutti akka ani Isa taʼe akka amantaniif utuu inni hin taʼin amma isinitti nan hima.
20 Truly, truly, I tell you, whoever welcomes someone I send welcomes me, and whoever welcomes me welcomes the one who sent me." Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; kan nama ani ergu kam iyyuu simatu hundinuu na simata; kan na simatu hundis isa na erge sana simata.”
21 After saying this, Jesus, troubled in spirit, testified, "Truly, truly, I tell you, one of you will betray me." Iisaanis erga kana dubbatee booddee hafuuraan jeeqamee, “Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; isin keessaa tokko dabarsee na kenna” jedhee dhugaa baʼe.
22 The disciples looked at one another, at a loss to know which of them he meant. Barattoonni akka inni waaʼee eenyuu dubbate wallaalanii wal ilaalan.
23 One of his disciples, the one Jesus loved, was reclining at his side. Barattoota keessaas inni Iisaan isa jaallatu tokko Iisaatti irkatee maaddiitti dhiʼaatee ture.
24 So Simon Peter motioned to him to ask which one Jesus meant. Simoon Phexrosis, “Mee eenyuu jechuu isaa akka taʼe isa gaafadhu!” jedhee nyaaraan barataa sanatti hime.
25 Leaning back against Jesus, he asked him, "Lord, who is it?" Innis qoma Iisaatti hirkatee, “Yaa Gooftaa, eenyu innii?” jedhee gaafate.
26 Jesus answered, "It's the one I'll give this bread to, once I've dipped it." Then he dipped the bread and gave it to Judas, son of Simon Iscariot. Iisaanis deebisee, “Namichi ani buddeena afaan kaaʼata tokkoo caabii keessa cuuphee kennuuf isa” jedhe. Innis buddeena caabii keessa cuuphee Yihuudaa ilma Simoon Keeriyotichaatiif kenne.
27 After Judas took the bread, Satan entered into him. So Jesus told him, "Do quickly what you're doing." Yihuudaas akkuma inni buddeenicha fudhateen Sheeyxaanni itti gale. Iisaanis, “Waan gochuuf jirtu dafii godhi” isaan jedhe.
28 But no one reclining at the table understood why he said this to him. Warra nyaataaf tataaʼan keessaas namni tokko iyyuu waan inni akkas isaan jedheef hin hubanne.
29 Since Judas held the money bag, some thought Jesus meant, 'Buy what we need for the feast,' or, 'Give something to the poor.' Sababii Yihuudaan korojoo maallaqaa baachaa tureefis isaan keessaa namoonni tokko tokko waan Iisaan, akka inni waan Ayyaanaaf barbaachisu bitu yookaan akka inni hiyyeeyyiif waa kennu isatti hime seʼan.
30 As soon as Judas had taken the bread, he went out. And it was night. Yihuudaanis akkuma buddeena sana fudhateen gad baʼe. Yeroon sunis halkan ture.
31 After Judas left, Jesus said, "Now the Son of Man is glorified, and my Father is glorified in him. Erga Yihuudaan gad baʼee booddee Iisaan akkana jedhe; “Amma Ilmi Namaa ulfaateera; Allaahanis isaan ulfina argateera.
32 If my Father is glorified in him, my Father will also glorify the Son in himself and glorify him immediately. Allaahan erga isaan ulfina argatee, Allaahan ofuma isaatiin Ilma ulfeessa; inni takkumaan isa ulfeessa.
33 Dear children, I'm with you a little longer. You'll look for me, and as I told the Jewish leaders, so I tell you now: where I'm going, you can't come. “Yaa ijoolle, ani yeroo gabaabaaf isin wajjinan jira. Isin na barbaaddu; ani akkuma Yihuudootaan, ‘Iddoo ani dhaqu isin dhufuu hin dandeessan’ jedhe sana ammas isiniin nan jedha.
34 I give you a new command: love one another. As I have loved you, so you must love one another. “Akka isin wal jaallattaniif ani ajaja haaraa isiniifin kenna. Akkuma ani isin jaalladhetti isinis akkasuma wal jaalladhaa.
35 By this everyone will know that you are my disciples, if you love one another." Yoo isin jaalala waliif qabaattan namoonni hundinuu akka isin barattoota koo taatan kanaan ni beeku.”
36 Simon Peter said to him, "Lord, where are you going?" Jesus answered, "Where I'm going you can't follow me now, but you'll follow later." Simoon Phexrosis, “Yaa Gooftaa, eessa dhaqxa?” jedhee isa gaafate. Iisaanis, “Ati amma iddoo ani dhaqu na faana dhaquu hin dandeessu; gara booddeetti garuu na duukaa buuta” jedhee deebiseef.
37 Peter asked, "Lord, why can't I follow you now? I'll lay down my life for you." Phexrosis, “Yaa Gooftaa, ani maaliifan amma si duukaa buʼuu hin dandeenye? Ani siif jedhee lubbuu koo nan kenna” jedheen.
38 Jesus replied, "You will lay down your life for me? Truly, truly, I tell you: the rooster won't crow until you have denied me three times." Iisaanis deebisee, “Ati dhuguma naaf jettee lubbuu kee ni kennitaa? Ani dhuguman, dhuguman sitti hima; ati utuu indaanqoon hin iyyin yeroo sadii na ganta” jedheen.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]