Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

John 14 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 "Do not let your hearts be troubled. Believe in our Father; believe also in me. “Garaan keessan hin raafamin. Allaahatti amanaa; nattis amanaa.
2 In my Father's house are many rooms. If it were not so, would I have told you that I am going to prepare a place for you? Mana Abbaa koo keessa iddoo jireenyaa baayʼeetu jira; utuu akkana taʼuu baatee silaa isinittin hima ture. Ani iddoo isinii qopheessuuf achin dhaqaatii.
3 And if I go and prepare a place for you, I'll come back and take you to myself, so you'll be where I am. Anis yoon dhaqee iddoo isinii qopheesse, akka isinis iddoo ani jiru jiraattaniif deebiʼee dhufeen ofitti isin fudhadha.
4 And you know the way to where I am going." Isinis karaa iddoo ani dhaquu ni beektu.”
5 Thomas said to him, "Lord, we don't know where you're going—how can we know the way?" Toomaasis, “Yaa Gooftaa, ati eessa akka dhaqxu nu hin beeknu; yoos akkamitti karaa sana beekuu dandeenya ree?” jedheen.
6 Jesus told him, "I am the way, and the truth, and the life. No one comes to the Father except through me. Iisaanis akkana jedhee deebiseef; “Karaa fi dhugaan, jireenyis anuma. Yoo anaan taʼe malee eenyu iyyuu gara Abbaa hin dhufu.
7 Had you known me, you would have known my Father too. Starting now, you know him and have seen him." Utuu na beektanii silaa Abbaa koos akkasuma ni beektu turtan; ammaa jalqabdaniis isa beektu; isas argitaniirtu.”
8 Philip said to him, "Lord, show us the Father, and that will be enough for us." Fiiliphoos, “Yaa Gooftaa, Abbaa nutti argisiisi; kun nu gaʼaatii” jedheen.
9 Jesus said, "Philip, I've been with you this long, and you don't know me? Whoever has seen me has seen the Father. How can you say, 'Show us the Father'? Iisaanis akkana isaan jedhe; “Yaa Fiiliphoos, ani yeroo dheeraa akkanaa isin wajjin jiraadhee, ati amma illee na hin beeknee? Namni na arge Abbaas argeera. Yoos ati akkamitti, ‘Abbaa nutti argisiisi’ jechuu dandeessa ree?
10 Don't you believe I'm in the Father, and the Father in me? The words I speak to you aren't my own—the Father living in me does his works. Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru ati hin amantuu? Ani dubbii isinitti dubbadhu kana ofuma kootiin hin dubbadhu. Garuu Abbaa isa na keessa jiraatutu hojii isaa hojjeta.
11 Believe me: I'm in the Father, the Father in me—or else believe because of the works themselves. Akka ani Abbaa keessa jiru, Abbaanis akka na keessa jiru na amanaa; yookaan sababii hojii sanaatiif na amanaa.
12 Truly, truly, I tell you, whoever believes in me will do the works I do, and will do even greater works, because I am going to the Father. Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; namni natti amanu hojii ani hojjedhu ni hojjeta. Ani waanan gara Abbaa dhaquuf inni waan kana caalu iyyuu ni hojjeta.
13 Whatever you ask in my name, I will do it, so the Father may be glorified in the Son. Akka Abbaan Ilmaan ulfina argatuuf ani waan isin maqaa kootiin kadhattan kam iyyuu nan raawwadha.
14 If you ask me anything in my name, I will do it. Yoo isin maqaa kootiin waan kam iyyuu na kadhattan ani nan raawwadha.
15 "If you love me, you will keep my commandments. “Isin yoo na jaallattan ajaja koo eegaa.
16 And I will ask the Father, and he will give you another Helper, the Holy Spirit, to be with you forever, Ani Abbaa nan kadhadha; innis akka inni bara baraan isin wajjin jiraatuuf Jajjabeessaa biraa isinii kenna;
17 the Spirit of truth, whom the world cannot receive, since it neither sees him nor knows him. But you know him, since he remains with you and will be in you. inni Hafuura dhugaa ti. Addunyaan waan isa hin arginee fi waan isa hin beekneef isa fudhachuu hin dandaʼu. Isin garuu waan inni isin wajjin jiraatuuf, isin keessas waan jiruuf isa ni beektu.
18 I will not leave you as orphans; I will come to you. Ani akka ijoollee haadhaa fi abbaa hin qabneetti isin hin dhiisu; gara keessan nan dhufa.
19 Soon the world won't see me anymore, but you will see me. Because I live, you will live too. Yeroo muraasa booddee addunyaan deebiʼee na hin argu; isin garuu na argitu. Sababii ani jiraadhuuf isinis ni jiraattu.
20 On that day you'll know: I'm in my Father, you in me, and I in you. Akka ani Abbaa koo keessa jiru, akka isin na keessa jirtan akka anis isin keessa jiru gaafas ni beektu.
21 Whoever has my commandments and keeps them loves me, and my Father will love whoever loves me. I will love him and show myself to him." Namni ajajawwan koo qabu, isaanis kan eegu, inni na jaallata. Nama na jaallatu Abbaan koo ni jaallata; anis isa nan jaalladha; isattis of nan mulʼisa.”
22 Judas, not Iscariot, asked, "Lord, why show yourself to us and not to the world?" Yihuudaa Keeriyoticha utuu hin taʼin inni Yihuudaan kaan, “Yaa Gooftaa, ati maaliif addunyaatti utuu hin taʼin nutti of mulʼisuu barbaadda?” jedheen.
23 Jesus replied, "Anyone who loves me will keep my word, and my Father will love that person, and we will come to them and make our home with them. Iisaanis akkana jedhee deebiseef; “Namni na jaallatu kam iyyuu dubbii koo ni eega. Abbaan koo isa ni jaallata; nus gara isaa ni dhufna; iddoo jireenyaas isa wajjin ni godhanna.
24 Whoever doesn't love me doesn't keep my words. And the word you hear isn't mine but the Father's who sent me. Namni na hin jaallanne dubbii koo hin eegu. Dubbiin isin dhageessan kunis kan Abbaa na erge sanaati malee kan koo miti.
25 I have spoken these things to you while I am still with you. “Ani utuman isin wajjin jiruu waan kana isinitti dubbadheera.
26 But the Helper, the Holy Spirit, whom the Father will send in my name, will teach you everything and remind you of everything I said to you. Jajjabeessaan sun, Hafuurri Qulqulluun kan Abbaan maqaa kootiin ergu garuu waan hunda isin barsiisa; waan ani isinitti hime hundas isin yaadachiisa.
27 Peace I leave you; my own peace I give you. Not as the world gives, I give it. Don't let your hearts be troubled or afraid. Ani nagaa isin biratti nan hambisa; nagaa koos isiniif nan kenna. Ani akka addunyaan kennutti isiniif hin kennu. Garaan keessan hin raafamin; hin sodaatinis.
28 You heard me say to you, 'I'm going away, and I'm coming to you.' If you loved me, you'd have rejoiced, because I'm going to the Father, for the Father is greater than I. “Isin akka ani, ‘Ani nan deema; deebiʼees gara keessan nan dhufa’ jedhe dhageessaniirtu. Utuu na jaallattanii silaa gara Abbaa dhaquu kootti ni gammaddu turtan; Abbaan na caalaatii.
29 And now I've told you before it happens, so that when it happens you'll believe. Akka yommuu wanni kun taʼutti isin amantaniif utuu wanni kun hin taʼin ani amma duraan dursee isinitti himeera.
30 I won't talk with you much longer—this world's ruler is coming. He has no hold on me, Waan bulchaan addunyaa kanaa dhufuuf, ani siʼachi isin wajjin baayʼee hin dubbadhu; inni narraa homaa hin qabu;
31 but I do exactly as the Father commanded me, so the world may know I love the Father. Get up, let's leave this place." garuu akka ani Abbaa jaalladhu addunyaan akka beekuuf, ani akkuma Abbaan na ajajetti nan hojjedha. “Kaʼaa, asii ni deemnaa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]