Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

James 1 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 James, a servant of our Father and the Lord Jesus Christ, to the twelve tribes scattered among the nations: greetings. Yaaʼikuub garbicha Allaahatii fi kan Iisaa Al-Masiihi Gooftichaa irraa, Gara gosoota kudha lamaan bibittinnaaʼaniitti: Assalaam aleeyikum.
2 Consider it pure joy, my brothers and sisters, whenever you face trials of many kinds, Yaa obboloota ko, yommuu qorumsi adda addaa isin irra gaʼutti akka gammachuu guutuutti fudhadhaa;
3 because you know that the testing of your faith produces perseverance. amantiin keessan qoramuun isaa akka obsa isiniif argamsiisu beektuutii.
4 Let perseverance finish its work so that you may be mature and complete, lacking nothing. Akka isin bilchaatoo fi guutuu, warra hirʼina tokko iyyuu hin qabne taataniif obsi hojii isaa haa raawwatu.
5 If any of you lacks wisdom, ask our Father, who gives freely to all without criticizing, and it will be given you. Isin keessaa namni tokko iyyuu hanqina ogummaa yoo qabaate, Allaah utuu hin tuffatin nama hundumaaf arjummaan kennu haa kadhatu; isaafis ni kennama.
6 Ask in faith, without doubting, for the doubter is like a sea wave, driven and tossed by the wind. Inni garuu yommuu kadhatu amantiin haa kadhatu; hin shakkinis; namni shakku akka dambalii galaanaa kan bubbeen dhaʼamee oofamuu ti.
7 That person should not expect to receive anything from our Father. Namni sun waan tokko illee Gooftaa biraa nan argadha jedhee hin eeggatin;
8 Such a person is double-minded and unstable in all their ways. inni nama yaada lamaa ti; iddoo tokkos hin dhaabatu.
9 Let the believer in humble circumstances take pride in their high position, Obboleessi gad qabame ol qabamuu isaatiin of haa jaju.
10 but let the rich boast in their low state, since they'll pass like a wildflower. Sooressi garuu gad qabamuu isaatti of haa jaju; inni akkuma daraaraa margaa ni harcaʼaatii.
11 The sun rises with scorching heat and withers the grass. Its flower falls; its beauty vanishes. So the rich fade away amid their pursuits. Aduun hoʼa gubuun baatee marga gogsitiitii; daraaraan biqiltuu sanaas ni harcaʼa; miidhaginni isaas ni bada. Sooressis utuma hojii isaatiif olii gad fiiguu bada.
12 Blessed is the one who endures trial, because once tested they'll receive the crown of life our Father promised to those who love him. Namni qorumsa obsu eebbifamaa dha; inni yommuu qorametti jabaatee waan dhaabateef gonfoo jireenyaa kan Allaahan warra isa jaallataniif waadaa gale sana ni argataatii.
13 When tempted, no one should say, "Our Father is tempting me." Evil can't tempt our Father, and he tempts no one. Namni kam iyyuu yommuu qoramutti, “Allaahatu na qoraa jira” hin jedhin. Allaahan hamaadhaan hin qoramuutii; innis nama tokko illee hin qoru;
14 But each person is tempted, dragged away and lured by their own evil desire. tokkoon tokkoon namaa garuu yommuu hawwii ofii isaa hamaa sanaan harkifamee gowwoomfamutti qorama.
15 Then desire conceives and gives birth to sin; sin, full-grown, gives birth to death. Hawwiinis yommuu ulfooftetti cubbuu dhalti; cubbuun immoo yommuu guutumaan guutuutti guddattetti duʼa dhalti.
16 Don't be deceived, my dear brothers and sisters. Yaa obboloota koo jaallatamoo, hin dogoggorinaa.
17 Every good and perfect gift is from above, coming down from the Father of lights, who never changes or casts a shifting shadow. Kennaan gaariin hundinuu, kennaan mudaa hin qabne hundinuus Abbaa ifaa isa akka gaaddidduu hin geeddaramne sana biraa gubbaadhaa gad buʼa.
18 By his choice, he gave us birth through the word of truth, so we'd be a kind of firstfruits of his creation. Innis akka nu uumama isaa hundumaaf gosa hangafa taanuuf akkuma fedhii isaatti dubbii dhugaatiin nu dhalche.
19 Know this, my dear brothers and sisters: everyone should be quick to listen, slow to speak, slow to anger, Yaa obboloota koo jaallatamoo, waan kana hubadhaa: Namni hundinuu dhagaʼuutti haa ariifatu; dubbachuuf suuta haa jedhu; aaruuttis suuta haa jedhu;
20 because human anger does not produce the righteousness of our Father. aariin namaa qajeelummaa Allaaha hin hojjetuutii.
21 So strip off all moral filth and excess evil; humbly receive the word planted in you, able to save your souls. Kanaaf xuraaʼummaa hundaa fi hammina isin keessa jiraatu hunda of irraa fageessaa; dubbii lubbuu keessan fayyisuu dandaʼu kan isin keessatti facaafame sana garraamummaan fudhadhaa.
22 Do not merely listen to the word, and so deceive yourselves. Do what it says. Isin garuu warra dubbicha hojii irra oolchitan taʼaa malee warra dhagaʼuu qofaan of gowwoomsitan hin taʼinaa.
23 Anyone who hears the word but doesn't act on it is like one who looks at his natural face in a mirror, Namni dubbicha dhagaʼee hojii irra hin oolchine kam iyyuu nama of-ilaalee keessatti fuula isaa ilaallatu fakkaata;
24 and, after looking at himself, goes away and immediately forgets what he looks like. innis erga of ilaalee booddee ni deema; yommusuma maal akka fakkaatu ni irraanfata.
25 But whoever peers into the perfect law of freedom, continuing in it—not a forgetful hearer but a doer who acts—will be blessed in his doing. Garuu namni seera bilisaa kan hirʼina hin qabne sana hubatee ilaalu, kan akka seera sanaattis jiraatu, kan waan dhagaʼes hojii irra oolchuu malee hin irraanfanne sun waan hojjetu keessatti ni eebbifama.
26 If anyone thinks himself religious but doesn't control his tongue, he deceives his own heart—his religion is worthless. Namni waan amantaa qabu of seʼu, kan garuu arraba isaa hin luugamanne yoo jiraate inni of gowwoomsa; amantaan isaas faayidaa hin qabu.
27 Pure and spotless religion before our Father is this: caring for orphans and widows in their distress, and keeping oneself unstained from the world. Amantaan Allaah Abbaa keenya duratti qulqulluu taʼee fi kan mudaa hin qabne isa kana: kunis ijoollee abbaa fi haadha hin qabnee fi haadhota hiyyeessaa rakkina isaanii keessatti kunuunsuu fi xuraaʼummaa addunyaa irraa of eeggachuu dha.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]