Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Daniel 11 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 And I, in the first year of Darius the Mede, stood up to support and strengthen him. Anis bara Daariyoos namicha Meedon keessaa waggaa tokkoffaatti isa jajjabeessuu fi eeguuf isa bira dhaabadheen ture.
2 Now I'll tell you the truth: look, three more kings will rise in Persia, then a fourth far richer than all. Strengthened by his wealth, he will stir up everyone against Greece's kingdom. “Egaa ani dhugaan sitti hima: Mootonni biraa sadii Faares keessatti ni kaʼu; ergasiis mootiin afuraffaan warra kaan hunda irra sooressa taʼe tokko ni kaʼa. Innis erga qabeenya isaatiin jabina argatee booddee tokkoo tokkoo namaa mootummaa Giriik irratti ni kakaasa.
3 Then a mighty king will arise, who will rule with great dominion and do as he pleases. Ergasii mootiin jabaan tokko ni kaʼa; innis humna guddaadhaan ni bulcha; waan fedhes ni hojjeta.
4 Once he rises, his kingdom will break apart and split toward the four winds of heaven—not to his descendants, nor with the power he held, for his kingdom will be uprooted and given to others besides them. Erga inni dhufee booddee mootummaan isaa diigamee gara qilleensota shamaayʼun afraniitti gargar qoqqoodama. Mootummaan isaa buqqaʼee mootota biraatiif waan kennamuuf sanyii isaatti hin darbu yookaan humna inni argatee ture sana hin qabaatu.
5 The king of the south will grow strong; one of his commanders will grow stronger than him and rule—his dominion will be vast. “Mootiin Kibbaa ni jabaata; ajajjoota loltoota isaa keessaa tokko garuu isa caalaa iyyuu jabaatee humna guddaadhaan mootummaa sana bulcha.
6 After some years they will ally: the daughter of the king of the south will come to the king of the north to make an agreement. But she won't keep her strength, nor will he or his arm stand. She will be handed over—with her escort, her father, and her supporter—in those times. Waggoota muraasaan booddee isaan tokko taʼu; walii galtee godhachuufis intalli mooticha Kibbaa gara mootii Kaabaa ni dhaqxi; garuu humna ishee qabattee turuu hin dandeessu; innii fi humni isaa jabaatee hin jiraatu. Bara sana keessa isheen, qondaaltota ishee, abbaa isheetii fi nama ishee gargaare wajjin dabarfamtee ni kennamti.
7 A shoot from her roots will rise in his place, attack the army, enter the north king's fortress, act against them, and prevail. “Hidda sanyii ishee keessaas namni tokko iddoo ishee qabachuuf ni kaʼa. Innis humnoota mootii Kaabaa dhaʼee daʼannoowwan isaas cabsee ni seena; lolees isaan moʼata.
8 He will take their gods captive to Egypt, with their metal images and precious silver and gold vessels; for years he will stay away from the king of the north. Inni waaqeffatamtoota isaanii, fakkiiwwan isaanii kan sibiilaatii fi miʼoota isaanii gati jabeeyyii meetii fi warqee boojiʼee gara Gibxitti ni geessa. Waggoota muraasaafis mootii Kaabaa waraanuu ni dhiisa.
9 The king of the north will invade the king of the south's realm, then return home. Ergasii mootiin Kaabaa daangaa mootii Kibbaa ni qabata; garuu of irra garagalee biyya isaatti deebiʼa.
10 His sons will arm for war, gather a vast army that keeps coming, overflows, sweeps through, then renews war to his stronghold. Ilmaan isaa waraanaaf qophaaʼanii humna waraanaa guddaa tokko walitti qabatu; humni kunis akkuma lolaa namni of irraa deebisuu hin dandeenye tokkootti hamma daʼannoo isaatti duulee lola.
11 The southern king, enraged, will march out to fight the northern king, who musters a vast army; but the army is given into the southern king's hand. “Ergasiis mootiin Kibbaa aariidhaan duulee mootii Kaabaa kan loltoota hedduu walitti qabate sana ni waraana; loltoonni hedduun sun garuu ni moʼamu.
12 When the crowd is carried off, his heart grows proud; he strikes down tens of thousands, yet fails. Mootiin Kibbaa sun yommuu loltoota baayʼee boojiʼutti garaan isaa of tuulummaadhaan guutamee kuma baayʼees ni gogorraʼa; garuu moʼichi isaa itti hin fufu.
13 The king of the north will again raise a horde bigger than before, then after years come with a great army and vast supplies. Mootiin kaabaa humna waraanaa kan isa duraa sana caalaa guddaa walitti qabataatii; waggoota baayʼee booddees humna waraanaa guddaa kan guutummaatti hidhate qabatee ni dhufa.
14 In those times many will rise against the king of the south; violent men of your people will lift themselves up to fulfill the vision, but fail. “Yeroo sanatti namoonni baayʼeen mootii Kibbaatti ni kaʼu. Mulʼataa sana raawwachuuf uummata kee keessaa finciltoonni ni kaʼu; garuu ni kufu.
15 The king of the north will come, raise a siege ramp, and take a fortified city; the south's forces will not stand, nor its elite troops—no strength remains to stand. Ergasii mootiin Kaabaa dhufee tuulaa biyyoo hojjetee magaalaa dallaadhaan marfamte ni qabata. Humnoonni waraana Kibbaas of irraa deebisuuf humna ni dhabu; loltoonni isaanii jajjaboon iyyuu isaan dura dhaabachuuf humna dhabu.
16 His invader does as he pleases; none can stand before him. He will stand in the splendid land, destruction in his hand. Inni itti duule sun waanuma fedhe hojjeta; namni tokko iyyuu of irraa isa deebisuu hin dandaʼu. Inni Biyya Bareedduu sana keessa jabaatee dhaabata; ishee balleessuufis humna qabaata.
17 He will set out to enter with his kingdom's full strength, and make terms with him; he will give him a daughter of women to ruin it, but it will not stand or benefit him. Inni jabina mootummaa isaa guutuudhaan dhufuu murteessa; mootii Kibbaa wajjinis walii galtee godhata. Inni mootummaa sana kuffisuuf intala isaa itti heerumsiisa; karoorri isaa kun garuu hin milkaaʼu yookaan isa hin fayyadu.
18 Then he'll turn to the coastlands and take many, but a commander will end his arrogance, turning it back on him. Ergasii inni gara biyyoota qarqara galaanaa jiraniitti yaada isaa deebifatee baayʼee isaanii qabata; garuu ajajaan tokko of tuulummaa isaa ni fashaleessa; of tuulummaa isaas matuma isaatti deebisa.
19 Then he will turn his face toward the fortresses of his own land, stumble, fall, and be found no more. Kana irratti inni fuula isaa gara daʼannoowwan biyya isaatti deebifata; garuu gufatee kufa; deebiʼees hin argamu.
20 In his place will rise one who sends a tax collector for the glory of the kingdom; within a few days he'll be broken—not in anger, not in battle. “Namni iddoo isaa buʼu ulfina mootummaa eegsisuuf warra gibira walitti qaban ni erga. Taʼus inni utuu aariidhaan yookaan waraanaan hin taʼin yeroo gabaabaa keessatti bada.
21 A despised man will rise in his place, denied royal honor. He'll come in a time of ease and seize the kingdom through flattery. “Iddoo isaas nama tuffatamaa ulfinni mootummaa hin kennaminiifitu qabata. Inni utuu sabni nagaadhaan jiraatuu mootummaatti duulee dabaan qabata.
22 Armies will be swept away before him and broken, and the prince of the covenant as well. Ergasii raayyaan guddaan tokko fuula isaa duraa ni haxaaʼama; innii fi hangafni kakuus ni balleeffamu.
23 Once allied with him, he will act dishonestly and grow strong with only a few people. Inni erga isa wajjin walii galtee godhatee booddee hojii gowwoomsaa hojjeta; namoota muraasa wajjinis aangoo qabata.
24 In a time of security, he will enter the province's richest regions and do what neither his fathers nor their fathers did—scattering plunder, spoil, and goods among them, devising schemes against fortresses, but only for a time. Yeroo kutaawwan biyya sooreyyiin nagaadhaan jiraatanitti isaanitti duulee waan abbootiin isaa yookaan akaakileen isaa hin hojjetin hojjeta. Innis waan boojiʼame, waan saamamee fi qabeenya duuka buʼoota isaatiif ni qoqqooda. Inni daʼannoowwan jigsuuf ni malata; garuu yeroo muraasaaf waan kana godha.
25 He will rouse his strength and courage against the king of the south with a great army. The king of the south will fight with a very great, mighty army—but won't stand, for plots will be devised against him. “Inni raayyaa loltootaa guddaadhaan ciminaa fi jabinaa isaa mootii Kibbaa irratti ni kakaasa. Mootiin Kibbaas loltoota akka malee baayʼee fi humna qabaniin waraana labsa; garuu sababii mariin isa irratti mariʼatamuuf of irraa ittisuu hin dandaʼu.
26 Those who eat his food will break him; his army is swept away, and many fall slain. Warri maaddii mootichaa irraa nyaachaa turan isa balleessuu yaalu; loltoonni isaa ni barbadaaʼu; baayʼeen isaaniis waraana keessatti dhumu.
27 Both kings' hearts bent on evil will speak lies at one table, but it will fail—the end awaits its appointed time. Mootonni garaan isaanii hammina yaadu lamaan minjaala tokkotti naannaʼanii tataaʼanii wal sobu; garuu sababii barri dhumaa yeroo murteeffametti dhufuuf wanni kun isaaniif hin milkaaʼu.
28 He returns to his land with great wealth, heart against the holy covenant; he acts, then returns to his land. Mootiin Kaabaa qabeenya guddaadhaan gara biyya isaatti deebiʼa; garaan isaa garuu kakuu qulqulluu morma. Waanuma fedhe itti hojjetee gara biyya isaatti deebiʼa.
29 At the appointed time he will return and head south, but this time won't match the earlier or the latter. “Yeroo murteeffamettis deebiʼee Kibba weerara; yeroo kanatti garuu haalli isaa kan duraa sanaan adda taʼa.
30 For ships of Kittim will come against him; he loses heart, turns back, rages against the holy covenant, and acts. He returns and favors those who abandon the holy covenant. Dooniiwwan Kitiim isa mormu; innis abdii kutata. Ergasii duubatti deebiʼee kakuu qulqulluutti dheekkamsa isaa buusa. Deebiʼees warra kakuu qulqulluu dhiisan jaallata.
31 His forces will rise, defile the sanctuary fortress, end the daily sacrifice, and set up the abomination that causes desolation. “Humni loltoota isaas dallaa mana qulqullummaa jabaa sana xureessuuf ni kaʼa; aarsaa guyyaa guyyaas ni hambisa. Ergasiis isaan xuraaʼummaa badiisa fidu tokko dhaabu.
32 He will corrupt those who violate the covenant with flattery, but people who know their Father will stand firm and act. Inni warra kakuu sana dhiisan gowwoomsee ni dogoggorsa; warri Allaah isaanii beekan garuu jabaatanii dhaabachuudhaan isa mormu.
33 The wise among the people will teach many, but will fall for a time by sword, flame, captivity, and plunder. “Ogeeyyiin yoo yeroodhaaf goraadeedhaan dhuman illee yookaan gubaman illee yookaan boojiʼaman illee yookaan saamaman illee namoota hedduu ni barsiisu.
34 When they fall, they will receive a little help, and many will join them with flattery. Isaan yeroo dhumuu gaʼanitti gargaarsa xinnaa argatu; fakkeessitoonni hedduunis isaan deeggaru.
35 Some of the wise will stumble, to be refined, purified, and cleansed until the end time, for it still awaits the set time. Ogeeyyii keessaa tokko tokko akka hamma dhumaatti calalamaniif, akka qulqulleeffamanii warra hirʼina hin qabne taʼaniif ni gufatu; wanni kun amma iyyuu yeroo murteeffametti ni dhufaatii.
36 The king will do as he pleases, lifting and enlarging himself above every god, speaking shocking things against our Father. He will flourish until the wrath is spent, since what is decreed will happen. “Mootiin waan jaallate hojjeta. Inni Allaah kam iyyuu caalaa ol ol of qabee Allaah waaqeffatamtootaa mormuudhaan waan dhagaʼamee hin beekne dubbata. Inni hamma yeroon dheekkamsaa guutamutti ni milkaaʼa; wanni murteeffame sun guutamuu qabaatii.
37 He will disregard his fathers' gods, women's desired one, and every god—he will set himself above them all. Inni waaqeffatamtoota abbootii isaatiif yookaan kan dubartoonni isa jaallataniif yookaan Allaah kamiif iyyuu ulfina hin kennu; garuu hunda isaanii caalaa ol ol of qaba.
38 Instead he'll honor a god of fortresses, unknown to his fathers, with gold, silver, precious stones, and costly gifts. Qooda isaanii waaqeffatamaa tolfamaa daʼannoowwaniitiif ulfina kenna; inni waaqeffatamaa abbootiin isaa hin beekin warqee fi meetiidhaan, dhagaawwan gati jabeeyyii fi kennaawwan gati jabeeyyiidhaan ulfeessa.
39 With a foreign god he attacks the strongest fortresses. He greatly honors those who acknowledge him, gives them rule over many, and divides land for a price. Inni gargaarsa waaqeffatamaa ormaatiin daʼannoowwan jajjaboo waraana; warra isa jalatti bulanis akka malee kabaja. Namoota baayʼee irrattis bulchitoota isaan godhee gatiidhaan lafa qoodaaf.
40 At the end time, the king of the south will engage him, and the king of the north will storm against him with chariots, horsemen, and many ships. He will invade the lands, overflow, and pass through. “Bara dhumaa keessa mootiin Kibbaa waraana itti bana; mootiin Kaabaas fardeen, gaariiwwanii fi dooniiwwan hedduudhaan akkuma dambalii isa irra garagala. Biyyoota baayʼee weeraree akkuma lolaa isaan keessa baʼee darba.
41 He enters the beautiful land; many fall, but Edom, Moab, and Ammon's chief sons escape his hand. Akkasumas Biyya Bareedduu weerara. Biyyoonni baayʼeen harka isaa jala galu; Edoom, Moʼaabii fi hooggantoonni Amoon garuu isa jalaa ni baʼu.
42 He will stretch out his hand against the lands, and the land of Egypt will not escape. Innis biyyoota baayʼee irratti aangoo isaa ni babalʼifata; Gibxis hin miliqxu.
43 He will rule gold and silver treasures, and all Egypt's riches, with Libyans and Cushites at his heels. Qabeenya warqeetii fi meetii, akkasumas badhaadhummaa Gibxi hunda toʼannaa ofii isaa jala galfata; namoonni Liibiyaatii fi Itoophiyaas isa jalatti bulu.
44 But news from the east and north will terrify him, and he'll set out in great rage to destroy and annihilate many. Garuu oduun baʼaa fi kaabaa dhufu isa sodaachisa; inni namoota baayʼee balleessuu fi fixuuf aarii guddaadhaan ni baʼa.
45 He will pitch his palace tents between the seas and the beautiful holy mountain, then come to his end with no helper. Dunkaana mootummaa isaas galaanotaa fi tulluu bareedaa qulqulluu gidduu ni dhaabbata. Taʼu illee inni dhuma ofii isaatti ni dhufa; namni tokko iyyuu isa hin gargaaru.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]