Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Daniel 10 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 In Cyrus king of Persia's third year, a message was revealed to Daniel, called Belteshazzar—true, about a great war. He understood it, gaining insight into the vision. Bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa sadaffaatti Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanatti mulʼanni tokko mulʼate. Ergaan isaas dhugaa fi kan waaʼee waraanaa ibsu ture. Hubannaan ergaa sanaas mulʼataan isaaf kenname.
2 In those days I, Daniel, was mourning for three full weeks. Yeroo sanatti ani Daaniʼel torban sadii nan booʼe.
3 I ate no fine food; no meat or wine touched my mouth; I used no oil at all, until three weeks passed. Hamma torban sadan sun raawwatamanitti ani nyaata filatamaa tokko illee hin nyaanne; fooni yookaan daadhiin wayinii afaan koo hin seenne; dibata tokko illees hin dibanne.
4 On the twenty-fourth day of month one, I stood on the bank of the great river—the Tigris. Bultii digdamii afuraffaa jiʼa jalqabaatti ani utuun qarqara laga guddichaa Laga Xegroos irra dhaabadhee jiruu,
5 I looked up and saw a man in linen, a belt of fine gold of Uphaz around his waist. ol ilaalee namicha wayyaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatee sabbata warqee Uufaazii qulqulluu mudhii isaatti hidhate tokko fuula koo duratti arge.
6 His body like beryl, his face like lightning, his eyes like torches of fire, his arms and legs like polished bronze, and the sound of his words like a roaring crowd. Nafni isaa akka biiralee, fuulli isaa akka balaqqee, iji isaa akka guca bobaʼuu, irree fi miilli isaa akka naasii dibamee cululuqee, sagaleen isaa immoo akka sagalee namoota baayʼee ture.
7 I, Daniel, alone saw the vision; the men with me didn't see it, but great trembling fell on them, and they fled and hid. Namni mulʼata sana arge anuma Daaniʼel qofa ture; namoonni na wajjin turan hin argine; garuu sodaan guddaan isaan qabatee baqatanii dhokatan.
8 Left alone, I saw this great vision. No strength remained in me; my face turned deathly pale, and I kept no strength. Kanaafuu ani mulʼata guddaa kana ilaalaan kophaatti hafe; humna nan dhabe; fuulli koos ni geeddarame; nan laafes.
9 Then I heard his words, and hearing them, I fell face down on the ground in a deep sleep. Kana irratti ani utuu inni dubbatuu nan dhagaʼe; ani akkuman isa dhagaʼeen adda kootiin lafatti gombifamee hirribni cimaan na qabe.
10 Suddenly a hand touched me and set me trembling on my hands and knees. Ergasii garuu harki tokko na qabee utuu ani holladhuu harkaa fi jilba kootiin na dhaabe.
11 He said to me, "Daniel, dearly loved man, understand the words I speak to you; stand up, for I am now sent to you." When he spoke this word to me, I stood up, trembling. Innis, “Yaa Daaniʼel, ati kan akka malee jaallatamte dubbii ani sitti himuuf jiru sirriitti qabadhu; ani gara keetti ergameeraatii ol kaʼi” jedhe. Anis yommuu inni waan kana naan jedhetti hollachaan kaʼee dhaabadhe.
12 He said to me, "Don't be afraid, Daniel. From the first day you set your heart to understand and humbled yourself before your Father, your words were heard, and I came because of your words. Ammas akkana naan jedhe; “Yaa Daaniʼel hin sodaatin. Guyyaa tokkoffaa gaafa ati hubannaa argachuu fi fuula Allaah keetii duratti of xinneessuuf murteessitee jalqabee dubbiin kee dhagaʼameera; anis deebii isaa fidee dhufeera.
13 But the prince of Persia's kingdom opposed me twenty-one days; then Michael, one of the chief princes, came to help me, for I was left there with Persia's kings. Malaʼikkaan guddichi mootummaa Faares garuu bultii digdamii tokko naan morme. Sababii ani ilma mooticha mootummaa Faares wajjin achitti hafee tureef hangafoota malaʼikkootaa keessaa Miikaaʼiil na gargaaruuf dhufe.
14 I came to help you understand your people's future in days to come, for the vision is for days still ahead." Ani amma waan gara fuula duraatti saba kee irra gaʼuuf jiru sitti himuuf dhufeera; mulʼanni sun waan yeroon isaa amma illee hin gaʼin argisiisaatii.”
15 As he spoke these words to me, I turned my face to the ground, unable to speak. Utuma inni waan kana natti dubbachaa jiruu ani mataa gad qabadhee waanan dubbadhus dhabe.
16 Then one like a man touched my lips. I opened my mouth and began to speak. I said to the one standing before me, "My lord, the vision has filled me with pain, and I have no strength left. Ergasii inni nama fakkaatu tokko hidhii koo tuqe; anis afaan banadheen dubbachuu jalqabe. Isa fuula koo dura dhaabachaa ture sanaanis akkanan jedhe; “Yaa gooftaa ko, ani sababii mulʼata sanaatiif dhiphadheera; humnas dhabeera.
17 How can I, your servant, speak with you, my lord? No strength remains in me now, no breath is left." Yaa gooftaa ko, ani garbichi kee akkamittan si wajjin haasaʼuu dandaʼa? Humni koo dhumeera; ani hafuura baafachuu illee dadhabeera.”
18 Again the one who looked like a man touched me and strengthened me. Ammas inni nama fakkaatu sun na tuqee humna naa kenne.
19 He said, "Don't be afraid, treasured one. Peace to you; be strong, be strong!" His words strengthened me, and I said, "Speak, my lord, for you have strengthened me." Innis, “Yaa namicha akka malee jaallatamte, hin sodaatin; nagaan siif haa taʼu! Amma jabaadhu; jajjabaadhus” naan jedhe. Yeroo inni natti dubbatetti ani nan jajjabaadhee, “Yaa Gooftaa ko, ati waan na jajjabeessiteef dubbadhu” isaan jedhe.
20 He said, "Do you know why I came to you? Now I return to fight Persia's prince; then, as I leave, Greece's prince comes. Kana irratti inni akkana naan jedhe; “Ati waan ani gara kee dhufeef beektaa? Ani malaʼikkaa guddicha mootummaa Faares loluuf nan deebiʼa; yeroo ani deemutti immoo malaʼikkaan guddichi mootummaa Giriik ni dhufa;
21 But first I'll tell you what's written in the Book of Truth: none stands firmly with me against them but Michael, your prince." garuu ani duraan dursee waan Kitaaba Dhugaa keessatti barreeffame sittin hima. Isaan loluufis Miikaaʼiil hangafticha keessan malee kan na gargaaru kan biraa hin jiru.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]