Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024

Daniel 12 OOCS

Show OOCS only
Verse × ×
1 At that time Michael, the great prince guarding your people's children, will arise. There will be distress unmatched since nations began, until then. At that time your people—all listed in the book—will be rescued. “Yeroo sanatti Miikaaʼiil hangafni malaʼikkootaa inni saba kee eegu ni kaʼa. Yeroon rakkinaa kan erga saboonni uumamanii jalqabee hamma gaafasiitti takkumaa taʼee hin beekne tokko ni dhufa. Yeroo sanatti garuu namoonni kee kanneen maqaan isaanii kitaabicha keessatti galmeeffamee jiru hundi ni baraaramu.
2 Many sleeping in earth's dust will wake—some to everlasting life, some to shame and everlasting contempt. Warri biyyoo lafaa jala ciciisan baayʼeen ni kaʼu: Gariin jireenya bara baraatiif, kaan immoo qaanii fi salphina bara baraatiif kaʼu.
3 The wise will shine like the sky's brightness; those who turn many to righteousness, like stars, forever and ever. Ogeeyyiin akkuma ifa shamaayʼuniiwwaniitti calaqqisu; warri nama baayʼee gara qajeelummaatti fidanis akkuma urjiitti bara baraa hamma bara baraatti ni ifu.
4 But you, Daniel, close these words and seal the book until the end time. Many will roam back and forth, and knowledge will grow. Yaa Daaniʼel, ati garuu hamma bara dhumaatti dubbii kitaaba maramaa cufiitii chaappessi. Namoonni baayʼeen beekumsa dabalachuuf asii fi achi fiigu.”
5 Then I, Daniel, looked and saw two others standing, one on each bank of the river. Ani Daaniʼel nan ilaale; kunoo fuula koo dura namoonni biraa lama dhadhaabatanii turan; tokko qarqara lagaa gamanaan, inni lammaffaan immoo qarqara lagaa gamasiin ture.
6 One asked the linen-clad man above the river's waters, "How long till these wonders end?" Isaan keessaa tokko namicha uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatii ol jiruun, “Waantonni dinqii kunneen raawwatamuuf yeroo hammamtu hafa?” jedhe.
7 I heard the man dressed in linen, above the river's waters, lift his right hand and left toward heaven and swear by the One who lives forever: for a time, times, and half a time; when the shattering of the holy people's power is finished, all these things will be finished. Namichi uffata quncee talbaa irraa hojjetame uffatee bishaanota lagaatiin ol ture sun harka isaa mirgaatii fi bitaa ol qabe; anis isaa, “Wanni kun baraan, barootaaf walakkaa baraatiif taʼa. Yeroo humni namoota qulqulluu dhuma irratti cabutti wanni kun hundi fiixaan baʼa” jedhee isa bara baraan jiraatu sanaan kakatu nan dhagaʼe.
8 I heard, but didn't understand, so I said, "My lord, what is the end of these things?" Anis nan dhagaʼe; garuu hin hubanne. Kanaafuu ani, “Yaa gooftaa ko, dhumni waan kana hundaa maal taʼa?” jedheen gaafadhe.
9 He said, "Go, Daniel, for the words are shut and sealed until the time of the end. Innis akkana jedhee deebise. “Yaa Daaniʼel, sababii hamma bara dhumaatti dubbiin sun chaappaan chaappeffameef ati karaa kee qabadhu.
10 Many will be purified, whitened, refined; the wicked will keep doing evil. None of the wicked will understand, but the wise will understand. Namoonni baayʼeen ni qulqulleeffamu; warra hirʼina hin qabne ni taʼu; ni calalamus; hamoonni garuu ittuma fufanii hammaatu. Namoota hamoo keessaa tokko iyyuu hin hubatan; ogeeyyiin garuu ni hubatu.
11 From the daily sacrifice's removal and the setting up of the abomination that causes desolation: 1,290 days. “Gaafa aarsaan guyyaa guyyaatti dhiʼaatu hambifamee jalqabee hamma gaafa wanni jibbisiisaan badiisa fidu sun achi dhaabatuutti guyyoota 1,290 taʼa.
12 Blessed is the one who waits and reaches the 1,335 days. Namni obsee dhuma guyyoota 1,335 qaqqabu eebbifamaa dha.
13 But you, go to the end. You will rest, then stand for your inheritance at the end of the days." “Ati garuu hamma dhumaatti karaa kee qabadhu. Ati ni boqotta; dhuma barootaattis dhaala kee kan siif qoodame fudhachuuf ni kaata.”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

OOCS

Biblica® Katabbiiwwan Qulqulluu, Turjumaana Ammayyaa Banamaa™ Mirgi seeraan eegama © 2024 Biblica, Inc. Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures™ Copyright © 2024 by Biblica, Inc.
Biblica® Open Oromo Contemporary Scriptures 2024 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]