Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ruth 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then her mother-in-law Naomi said, "My daughter, shouldn't I seek a home for you, so it goes well for you? Gaaf tokko Naaʼomiin haati dhirsa ishee akkana isheedhaan jette; “Yaa intala ko, ani akka ati itti boqottuuf mana mijaaʼaa siif barbaaduu hin qabuu?
2 Isn't Boaz, whose young women you were with, our relative? Tonight he winnows barley at the threshing floor. Boʼeez namichi ati tajaajiltoota isaa dubarran sana wajjin turte sun fira keenya mitii? Inni edana oobdiitti garbuu qulleeffata.
3 Wash, perfume yourself, put on your cloak, and go down to the threshing floor. Don't reveal yourself to the man until he finishes eating and drinking. Kanaafuu dhidhiqadhuutii shittoo dibadhu; uffata kee isa bareedaa illee uffadhu. Ergasiis gara oobdichaa dhaqi; inni garuu hamma nyaatee dhugee raawwatutti akka ati achi jirtu hin beekin.
4 When he lies down, note the place; go uncover his feet and lie down—he'll tell you what to do." Yeroo inni rafutti iddoo inni rafe hubadhu. Ergasii dhaqiitii wayyaa miilla isaa irraa saaqii ciisi. Innis waan ati gochuu qabdu sitti hima.”
5 And Ruth said to her, "All that you say I will do." Ruutis, “Ani waan ati jettu hunda nan godha” jettee deebifte.
6 So she went down to the threshing floor and did everything her mother-in-law had told her. Kanaafuu Ruut gara oobdii sanaatti gad buutee waan haati dhirsa ishee godhi jetteen hundumaa goote.
7 Boaz ate, drank, and felt good, then lay down at the end of the grain heap. She came secretly, uncovered his feet, and lay down. Boʼeezis erga nyaatee dhugee gammadee booddee achi fagaatee tuulaa midhaanii bira rafuu dhaqe. Ruutis suuta jettee dhaqxee miilla isaa irraa wayyaa saaqxee rafte.
8 At midnight the man was startled, turned over, and there lay a woman at his feet! Halkan walakkaatti wanni tokko namicha rifachiise; innis yommuu of irra garagalee ilaaletti dubartii miilla isaa jala ciiftu tokko arge.
9 "Who are you?" he asked. "I am Ruth, your servant," she said. "Spread your cloak's corner over your servant, for you are a redeemer." Innis, “Ati eenyu?” jedhee gaafate. Isheenis, “Ana Ruut tajaajiltuu kee ti. Ati sababii na dhaaluuf fira dhiʼoo taateef handaara wayyaa keetii narra buusi” jetteen.
10 He said, "Blessed are you by our Father, my daughter. This last kindness is better than the first, since you didn't chase young men, poor or rich. Innis deebisee akkana jedheen; “Yaa intala too, Waaqayyo si haa eebbisu; arjummaan kun arjummaa ati kanaan dura goote sana caala; ati dargaggeessa yookaan sooressa yookaan hiyyeessa faana hin deemneetii.
11 Now, my daughter, don't be afraid. I'll do all you ask, for my whole town knows you're a worthy woman. Ammas yaa intala koo hin sodaatin. Ani waan ati gaafattu hunda siif nan godha. Sabni magaalaa koo keessa jiraatu hundi akka ati dubartii amala gaarii qabdu taate ni beeka.
12 Now it is true that I am a redeemer, yet there is a redeemer nearer than I. Akka ani fira dhiʼoo taʼe beekamaa dha; taʼus namni dhaaluudhaaf ana caalaa fira dhiʼoo taʼe jira.
13 Stay tonight. In the morning, if he'll redeem you—good, let him redeem. If not, as our Father lives, I will redeem you. Lie down until morning." Asuma buli; bori ganama namichi yoo si dhaaluu barbaade gaarii dha; inni si haa dhaalu. Yoo inni si dhaaluu hin barbaanne garuu dhugaa Waaqayyo jiraataa, ani sin dhaala. Hamma lafti bariitutti asuma ciisi.”
14 She lay at his feet until morning, rose before anyone was recognizable, for he said, "No one may know a woman came to the threshing floor." Kanaafuu isheen hamma lafti bariitutti miilla isaa jala ciifte; garuu utuu namni tokko iyyuu hin beekin dursitee kaate; Boʼeez, “Dubartiin gara oobdii kanaa dhufuun ishee beekamuu hin qabu” jedheeraatii.
15 He said, "Bring the shawl you're wearing; hold it out." She held it out. He measured six portions of barley, put it on her, and went into the city. Akkasumas, “Wayyaa irraan uffatte ofi irraa fuudhii diriirsii qabi” jedheen. Isheenis ni diriirsite; inni garbuu safartuu jaʼa safaree ishee baachise. Ergasiis gara magaalaatti deebite.
16 When Ruth came to her mother-in-law, Naomi asked, "How did it go, my daughter?" She told her all the man had done for her. Yommuu Ruut gara haadha dhirsa isheetti deebitetti Naaʼomiin, “Yaa intala ko, wanni sun akkam taʼe?” jettee ishee gaafatte. Isheenis waan Boʼeez isheef godhe hunda itti himte;
17 She said, "He gave me these six measures of barley, saying, 'Don't return to your mother-in-law empty-handed.'" itti dabaltees, “ ‘Gara haadha dhirsa keetti harka duwwaa hin deebiʼin’ jedhee garbuu safartuu jaʼaa kana naa kenne” jetteen.
18 Naomi said, "Wait, my daughter, until you know the outcome, for the man won't rest until he settles it today." Naaʼomiin immoo, “Yaa intala ko, hamma waan dhufu argitutti obsi. Namichi hamma dubbiin kun harʼa fala argatutti hin boqotu” isheedhaan jette.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]