Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ruth 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Naomi had a relative through her husband, a prominent, wealthy man from Elimelech's clan, named Boaz. Naaʼomiin balbala Eliimelek keessaa fira dhirsa ishee namicha sooressa Boʼeez jedhamu tokko qabdi turte.
2 Ruth the Moabite said to Naomi, "Let me glean grain behind anyone who favors me." She said, "Go, my daughter." Ruut Moʼaabittiinis Naaʼomiiniin, “Ani nama fuula isaa duratti fudhatama argadhu duubaan qarmii funaannachuuf gara lafa qotiisaatti achi nan baʼa” jette. Naaʼomiinis, “Yaa intala koo dhaqi” jetteen.
3 So she went out and gleaned behind the harvesters, and she happened to come to the field belonging to Boaz, of Elimelech's family. Kanaafuu isheen gara lafa qotiisaa dhaqxee warra midhaan haaman duubaan qarmii funaannachuu jalqabde. Isheen utuma qarmii funaannachaa jirtuu akka lafti qotiisaa isheen keessa jirtu sun kan Boʼeez taʼe hubatte; Boʼeez kunis sanyii Eliimelek ture.
4 Just then Boaz came from Bethlehem, telling the harvesters, "May our Father be with you." "Our Father bless you," they replied. Yeruma sanatti Boʼeez Beetlihemii dhufee warra midhaan haamaniin, “Waaqayyo isin wajjin haa taʼu!” jedhee nagaa isaan gaafate. Isaanis deebisanii, “Waaqayyo si haa eebbisu!” jedhaniin.
5 Then Boaz said to his foreman, "Whose young woman is this?" Boʼeezis dura buʼaa hojjettoota isaatiin, “Intalli kun kan eenyuu ti?” jedhee gaafate.
6 The foreman answered, "She's the young Moabite woman who returned with Naomi from Moab's country. Dura buʼaan sunis akkana jedhee deebise; “Isheen nama Moʼaab; Naaʼomiin wajjin biyya Moʼaabii dhufte.
7 She said, 'Please let me glean and gather among the sheaves behind the harvesters.' She came and has stayed from morning till now, resting only briefly in the shelter." Isheenis, ‘Maaloo akka ani hojjettoota duubaan bissii gidduudhaan qarmii funaannadhu naa eeyyami’ jette. Isheen yeroo xinnoof gaaddisa jala boqotte malee ganamaa jalqabdee hamma ammaatti jabaattee hojjechaa turte.”
8 Boaz said to Ruth, "Listen, my daughter. Don't glean in another field or leave here; stay close to my young women. Kana irratti Boʼeez Ruutiin akkana jedhe; “Yaa intala koo na dhagaʼi. Gara lafa qotiisaa biraa dhaqxee qarmii hin funaanin; iddoo kanaas hin deemin. Asuma hojjettoota koo dubarran wajjin turi.
9 Watch the field they harvest and follow behind them. I've told the young men not to touch you. When thirsty, drink from the jars the young men filled." Lafa qotiisaa warri dhiiraa keessaa haaman ilaaliitii dubarran duukaa buʼi. Akka isaan siʼi hin tuqne ani warra dhiiraatti himeera. Yeroo dheebottus qodaa bishaanii dhiironni guutan keessaa budduuqsii dhugi.”
10 She bowed facedown to the ground and asked him, "Why have I found favor in your eyes that you notice me, a foreigner?" Kana irrattis isheen addaan lafatti gombifamtee, “Ani utuu nama biyya ormaa taʼee jiruu fuula kee duratti surraa argadhee ati na arguun kee kun maaliifi?” jettee isa gaafatte.
11 Boaz answered, "I've heard all you did for your mother-in-law since your husband died—how you left your father, mother, and homeland to come to a people you didn't know before. Boʼeez immoo akkana jedhee deebiseef; “Waan ati erga dhirsi kee duʼee jalqabee haadha dhirsa keetiitiif goote hundumaa, akka ati itti abbaa kee, haadha keetii fi biyya kee dhiiftee saba kanaan dura hin beekin wajjin jiraachuudhaaf dhuftes dhagaʼeera.
12 May our Father repay your deed; may our Father, the God of Israel, under whose wings you've come for refuge, reward you fully." Waaqayyo waan ati goote hundaaf gatii kee siif haa deebisu. Waaqayyo Waaqni Israaʼel kan ati qoochoo isaa jalatti baqachuudhaaf dhufte sun baayʼisee siif haa deebisu.”
13 "May I find favor in your eyes, my lord," she said, "for you've comforted me and spoken kindly to your servant, though I'm not one of your servants." Isheenis akkana jette; “Yaa gooftaa ko, ani yoo akka hojjettoota kee dubarran keessaa akka ishee tokkootti madaalamuu baadhe illee sababii ati na jajjabeessitee gara laafinaan ana garbittii keetti dubbatteef ani fuula kee duratti surraa argadheera.”
14 At mealtime Boaz said, "Come here, eat some bread, dip your piece in the wine vinegar." She sat beside the harvesters; he passed her roasted grain. She ate her fill and had some left. Boʼeezis yeroo laaqanaatti, “As kottu. Buddeenas fudhadhuutii wayinii dhangaggaaʼaatti cuuphadhu” jedheen. Yeroo isheen hojjettoota wajjin teessettis asheetii waadame kenneef. Isheenis nyaattee quuftee xinnoon irraa hafeef.
15 When she rose to glean, Boaz ordered his young men, "Let her glean even among the sheaves; don't shame her. Akkuma isheen qarmii funaannachuuf ol kaateenis Boʼeez akkana jedhee hojjettoota isaa ajaje; “Yoo isheen bissii gidduudhaa illee qarmii funaannatte ishee hin rifachiisinaa.
16 Instead, pull stalks from the bundles for her and leave them for her to pick up, and don't correct her." Qooda kanaa bissii keessaa tokko tokko luqqisaatii akka isheen funaannatuuf lafa bubuusaafii malee isheetti hin dheekkaminaa.”
17 She gleaned in the field till evening, then beat out what she'd gathered—about twenty quarts of barley. Kanaafuu Ruut hamma galgalaatti lafa qotiisaa keessaa funaannatte. Garbuu funaannatte sanas ni sukkuumatte; innis gara safartuu iifii tokkoo taʼe.
18 She carried it to town; her mother-in-law saw how much she'd gleaned. She also brought out and gave her what she'd saved after eating her fill. Isheenis garbuu sana baadhattee magaalaatti deebite; haati dhirsa ishees wanni isheen funaannatte hammam akka taʼe argite. Akkasumas Ruut waan guyyaa nyaattee quuftee ishee irraa hafe sana gad baaftee kenniteef.
19 Her mother-in-law asked, "Where did you gather today? Where did you work? Blessed be the man who noticed you!" Ruth named whose field: "The man I worked with today is Boaz." Haati dhirsa ishees, “Ati harʼa eessaa funaannatte? Eessa hojjechaa oolte? Namni xiyyeeffannoo kana siif kenne sun haa eebbifamu!” jette. Ergasiis Ruut waaʼee namicha lafa qotiisaa isaa keessaa funaannachaa oolte sanaa haadha dhirsa isheetti himte. Isheenis, “Maqaan namicha ani harʼa bira hojjechaa oole sanaa Boʼeez jedhama” jette.
20 Naomi told her daughter-in-law, "May our Father bless him, whose kindness hasn't left the living or the dead." She added, "He's a close relative, one of our redeemers." Naaʼomiinis, “Waaqayyo inni warra jiraniifis warra duʼaniifis gara laafina gochuu hin dhiifne sun isa haa eebbisu!” jette. Itti dabaluudhaanis, “Inni fira keenya kan dhiʼoo ti; warra nu dhaaluun irra jiru keessaas isa tokkoo dha” isheedhaan jette.
21 Then Ruth the Moabite said, "He even told me, 'Stay with my workers until they finish all my harvest.'" Ergasiis Ruut Moʼaabittiin, “Inni, ‘Hamma isaan midhaan koo hunda walitti qabanii fixanitti iyyuu hojjettoota koo wajjin turi’ naan jedheera” jetteen.
22 Naomi told her daughter-in-law Ruth, "Good, my daughter—go out with his young women, so you won't be harmed in another field." Naaʼomiinis niitii ilma ishee Ruutiin, “Yaa intala ko, dubarran isaa wajjin ooluun siif gaarii dha; ati yoo gara lafa qotiisaa nama biraa deemte, miidhaan sirra gaʼuu dandaʼaatii” jette.
23 She stayed close to Boaz's young women, gleaning until the barley and wheat harvests ended, and lived with her mother-in-law. Kanaafuu Ruut hamma garbuu fi qamadiin haamamee dhumutti tajaajiltoota Boʼeez dubarran wajjin turte. Haadha dhirsa ishee wajjinis jiraatte.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]