Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ruth 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 When the judges ruled, a famine struck the land, and a man from Bethlehem in Judah went with his wife and two sons to stay a while in the fields of Moab. Bara abbootiin murtii bulchaa turanitti beelli biyyatti buʼe; namichi Beetlihem Yihuudaa keessa jiraatu tokko niitii isaatii fi ilmaan isaa lamaan fudhatee biyya Moʼaab jiraachuu dhaqe.
2 The man was named Elimelech, his wife Naomi, and his two sons Mahlon and Chilion—Ephrathites from Bethlehem in Judah. They went to the territory of Moab and stayed there. Maqaan namichaa Eliimelek, maqaan niitii isaa Naaʼomiin, maqaan ilmaan isaa lamaanii immoo Mahiloonii fi Kiliiyoon jedhama ture. Isaanis namoota Efraataa kan biyya Yihuudaa Beetlihem keessa jiraatan turan. Jarris biyya Moʼaab dhaqanii achi jiraatan.
3 Then Elimelech, Naomi's husband, died, and she was left with her two sons. Eliimelek dhirsi Naaʼomiin ni duʼe; isheenis ilmaan ishee lamaan wajjin hafte.
4 They married Moabite women—Orpah and Ruth—and lived there about ten years. Isaanis dubartoota Moʼaab fuudhan; isheen tokko Orphaa kaan immoo Ruut jedhamti. Erga isaan waggaa kudhan achi jiraatanii booddee,
5 Both Mahlon and Chilion also died, and Naomi was left without her two children and husband. Mahiloonii fi Kiliiyoon ni duʼan. Naaʼomiinis ilmaan ishee lamaanii fi dhirsa ishee dhabdee kophaa hafte.
6 In Moab's fields, Naomi heard that our Father had attended his people, giving them food, so she set out with her two daughters-in-law to return from there. Isheenis utuu Moʼaab jirtuu akka Waaqayyo saba isaa yaadatee nyaata kenneef dhageesse; Naaʼomiinii fi Niitonni ilmaan ishees gara biyya isheetti deebiʼuuf qophaaʼan.
7 She left the place where she had been, with her two daughters-in-law, and they went on the road back to the land of Judah. Isheenis iddoo jiraachaa turtee kaatee niitota ilmaan ishee wajjin gara biyya Yihuudaatti deebiʼuuf karaa qabatte.
8 Naomi told her two daughters-in-law, "Return, each to your mother's home. May our Father deal kindly with you, as you dealt with the dead and with me. Ergasiis Naaʼomiin niitota ilmaan ishee lamaaniin akkana jette; “Tokkoon tokkoon keessan gara mana haadhota keessaniitti deebiʼaa. Akkuma dhirsoota keessan kanneen duʼanii fi anaafis arjoomtan sana Waaqayyo isiniif haa arjoomu.
9 May our Father give each of you rest in another husband's home." Then she kissed them, and they wept aloud. Waaqayyo tokkoo tokkoo keessaniifis mana dhirsa itti heerumtaniitti boqonnaa isinii haa kennu.” Isheenis ergasii isaan dhungate; isaanis sagalee ol fudhatanii booʼanii
10 And they said to her, "No—we will return with you to your people." “Waawuu, nu si wajjin gara saba keetiitti deebina” jedhaniin.
11 Naomi said, "Go back, my daughters. Why go with me? Do I have more sons in my womb to become your husbands? Naaʼomiin garuu akkana jette; “Yaa intallan ko, gara mana keessaniitti deebiʼaa. Maaliif na wajjin deemtu? Ani siʼachi ilmaan dhirsa isiniif taʼuu dandaʼan daʼaa?
12 Return, my daughters, go, for I'm too old to marry. Even if I said there's still hope, even if I had a husband tonight and bore sons, Yaa intallan koo gara mana keessaniitti deebiʼaa; ani dhirsa biraatti heerumuudhaaf dulloomeera. Yoo ani abdii qaba jedhee halkanuma kana heerumee ilmaan daʼe illee,
13 would you wait for them until grown? Would you stay unmarried for them? No, my daughters—it's far more bitter for me than you, since our Father's hand has turned against me." isin hamma isaan guddatanitti ni eeggattuu? Isaan eeggachuuf jettanii utuu hin heerumin haftuu ree? Lakkii yaa intallan koo. Kun isin caalaa natti ulfaata; harki Waaqayyoo natti garagaleeraatii!”
14 At this they wept aloud again. Then Orpah kissed her mother-in-law goodbye, but Ruth clung to her. Isaan amma illee sagalee isaanii ol fudhatanii booʼan. Kana irratti Orphaan haadha dhirsa ishee dhungattee nagaatti jetteen; Ruut garuu isheetti marmite.
15 Naomi said, "Look, your sister-in-law went back to her people and her gods. Go back with her." Naaʼomiinis, “Kunoo, waarsaan kee gara saba isheetii fi waaqota isheetti deebiʼaa jirti. Atis ishee wajjin deebiʼi” jetteen.
16 Ruth said, "Don't push me to leave you or turn back from following you. Where you go, I'll go; where you stay, I'll stay. Your people will be my people, and your God my God. Ruut garuu akkana jettee deebifte; “Akka ani si dhiisu yookaan si biraa deebiʼu na hin dirqisiisin. Iddoo ati deemtu nan deema; iddoo ati jiraattus nan jiraadha. Sabni kee saba koo ni taʼa; Waaqni kees Waaqa koo ni taʼa.
17 Where you die I will die, and there I will be buried. May our Father punish me ever so severely if anything but death separates you and me." Iddoo ati itti duututti anis nan duʼa; achittis nan awwaalama. Siʼachi yoo duuti gargari nu baase malee yoo ani si dhiisee deeme Waaqayyo na haa adabu; adabbiin sunis akka malee haa cimu.”
18 When Naomi saw that Ruth was determined to go with her, she said no more to her. Naaʼomiinis yeroo akka Ruut ishee wajjin deemuuf murteessite hubattetti ishee dirqisiisuu dhiifte.
19 So both of them traveled until they reached Bethlehem. When they entered Bethlehem, the whole town stirred over them, and the women said, "Is this Naomi?" Kanaafuu dubartoonni lachuu hamma Beetlihemitti deeman. Yommuu isaan Beetlihem gaʼanittis sababii isaaniitiif guutummaan magaalattii raafamte; dubartoonnis, “Isheen kun Naaʼomiinii?” jedhan.
20 "Don't call me Naomi," she said. "Call me Mara—the Almighty has dealt very bitterly with me. Isheenis akkana isaaniin jette; “Naaʼomiin jettanii na hin waaminaa! Sababii Waaqni Waan Hunda Dandaʼu jireenya koo hadheesseef Maaraa jedhaatii na waamaa.
21 I went away full, but our Father has brought me back empty. Why call me Naomi, when our Father has afflicted me and the Almighty has brought misfortune upon me?" Ani harka guutuudhaan baʼe; Waaqayyo garuu harka duwwaa na deebise. Isin maaliif Naaʼomiin naan jettu? Waaqayyo na dhiphiseera; Waaqni Waan Hunda Dandaʼu rakkina natti fideeraatii.”
22 So Naomi returned from the fields of Moab with Ruth the Moabite, her daughter-in-law, who came back with her. They reached Bethlehem as barley harvest began. Kanaafuu Naaʼomiin, niitii ilma ishee Ruut Moʼaabittii wajjin yeroo garbuun haamamuu jalqabutti Moʼaabii gara Beetlihemitti deebite.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]