Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Proverbs 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 My son, do not forget my teaching, but let your heart keep my commandments, Yaa ilma ko, barumsa ani siif kennu hin dagatin; ajaja koos garaatti qabadhu;
2 for they will add length of days and years of life and peace to you. isaan bara baayʼee fi umurii dheeraa, nagaa fi badhaadhummaa siif dabaluutii.
3 Do not let covenant love and faithfulness leave you; bind them around your neck, write them on the tablet of your heart. Jaalallii fi amanamummaan yoom iyyuu sirraa hin fagaatin; morma keetti hidhadhu; gabatee garaa kee irrattis barreeffadhu.
4 So you will find favor and a good reputation with our Father and with people. Ati karaa kanaan fuula Waaqaatii fi fuula namaa duratti surraa fi maqaa gaarii ni argatta.
5 Trust in our Father with all your heart, and do not lean on your own understanding. Garaa kee guutuun Waaqayyoon amanadhu; hubannaa kees hin abdatin;
6 In all your ways know him, and he will make your paths straight. karaa kee hunda keessatti isa dursi; innis daandii kee siif qajeelcha.
7 Do not be wise in your own eyes; fear our Father, and turn away from evil. Ani ogeessa ofiin hin jedhin; Waaqayyoon sodaadhu; waan hamaa irraas fagaadhu.
8 This will bring healing to your body and refreshment to your bones. Wanni kun dhagna keetiif fayyaa kenna; lafee kee illee ni haaromsa.
9 Honor our Father with your wealth and with the firstfruits of all your produce, Qabeenya keetiin, mataa midhaan keetii hundaanis Waaqayyoon kabaji;
10 then your barns will be filled with plenty, and your vats will overflow with new wine. yoos gombisaan kee hamma irraan dhangalaʼutti guutama; iddoon cuunfaa wayinii keetiis daadhiidhaan guutamee irraan dhangalaʼa.
11 My son, do not despise the discipline of our Father or be weary of his correction, Yaa ilma ko, adabbii Waaqayyoo hin tuffatin; dheekkamsa isaas hin jibbin.
12 for our Father disciplines the one his heart loves, just as a father disciplines the son he delights in. Waaqayyo akkuma abbaa ilma ofii isaa jaallatu tokkootti warra jaallatu ni adabaatii.
13 Blessed is the one who finds wisdom, and the one who gains understanding, Namni ogummaa argatu kan hubannaas argatu eebbifamaa dha;
14 for the gain from her is better than gain from silver, and her profit better than gold. ogummaan meetii caalaa faayidaa qabaatii; warqee caalaas buʼaa namaaf buusa.
15 She is more precious than jewels, and nothing you desire can compare with her. Gatiin ishee gatii lula diimaa caala; wanni ati akka malee hawwitu kam iyyuu isheedhaan wal qixxaachuu hin dandaʼu.
16 Long life is in her right hand; in her left hand are riches and honor. Jireenyi dheeraan harka ishee mirgaa keessa jira; badhaadhummaa fi ulfinni harka ishee bitaa keessa jiru.
17 Her ways are pleasant, and all her paths are peace. Karaan ishee karaa nama gammachiisuu dha; daandiin ishee hundis nagaa dha.
18 She is a tree of life to those who take hold of her; those who hold her fast are called blessed. Isheen warra jabeessanii ishee qabataniif muka jireenyaa ti; warri itti cichanii ishee qabatan immoo ni eebbifamu.
19 Our Father by wisdom founded the earth; by understanding he established the heavens; Waaqayyo ogummaadhaan hundee lafaa buuse; hubannaadhaanis samiiwwan iddoo isaanii kaaʼe;
20 by his knowledge the depths burst open, and the clouds drop down the dew. beekumsa isaatiin tuujubawwan gargar qoodaman; duumessoonnis fixeensa coccobsan.
21 My son, do not lose sight of these; keep sound wisdom and discretion, Yaa ilma ko ogummaa fi hubannaa dhugaa eeggadhu; isaanis fuula kee duraa hin dhabamin;
22 and they will be life for your soul and an adornment for your neck. isaan jireenya siif taʼu; morma kee miidhagsuufis faaya mormaa siif taʼu.
23 Then you will walk on your way securely, and your foot will not stumble. Yoos ati karaa kee nagumaan deemta; miilli kees hin gufatu;
24 If you lie down, you will not be afraid; when you lie down, your sleep will be sweet. ati yoo raftu hin sodaattu; hirribni kees yoo ati raftu sitti miʼaawa.
25 Do not be afraid of sudden terror, or of the ruin of the wicked when it comes, Balaa akkuma tasaa sitti dhufu yookaan badiisa hamoota galaafatu hin sodaatin;
26 for our Father will be your confidence and will keep your foot from being caught. Waaqayyo irkoo siif taʼaatii; akka miilli kee kiyyoodhaan hin qabamnes si eega.
27 Do not withhold good from those who deserve it, when it is in your power to do it. Ati yeroo waan tokko gochuudhaaf aangoo qabdutti, warra wanni gaariin isaaniif malu irraa waan sana hin hanqisin.
28 Do not say to your neighbor, "Go, and come back, and tomorrow I will give it"—when you have it with you. Utuu amma waa qabduu, ollaa keetiin, “Yeroo biraa deebiʼii kottu; ani bori siifin kennaatii” hin jedhin.
29 Do not plot evil against your neighbor, who lives trustingly beside you. Ollaa kee kan si amanee si cina jiraatu miidhuuf jettee waan hamaa itti hin yaadin.
30 Do not quarrel with anyone for no reason, when he has done you no harm. Nama tokko utuu inni homaa si hin godhin akkasumaan hin miidhin.
31 Do not envy a violent man, and do not choose any of his ways, Nama dabaatti hin hinaafin; yookaan karaa isaa tokko illee hin filatin.
32 for the devious person is detestable to our Father, but he takes the upright into his confidence. Waaqayyo nama jalʼaa ni jibbaatii; nama qajeelaa garuu ofitti aanfata.
33 The curse of our Father is on the house of the wicked, but he blesses the home of the righteous. Abaarsi Waaqayyoo mana nama hamaa irra buʼa; inni garuu mana nama qajeelaa ni eebbisa.
34 Toward the mockers he is scornful, but to the humble he gives grace. Inni qoostota of tuultotatti ni qoosa; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna.
35 The wise will inherit honor, but fools get only disgrace. Ogeeyyiin ulfina dhaalu; gowwoota garuu inni ni qaanessa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]