Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 This is the family line of Aaron and Moses, when our Father spoke with Moses on Mount Sinai. Yeroo Waaqayyo Tulluu Siinaa irratti Museetti dubbatetti seenaan sanyii Aroonii fi Musee kanaa dha.
2 These are the names of the sons of Aaron: Nadab the firstborn, then Abihu, Eleazar, and Ithamar. Maqaan ilmaan Aroon: Naadaab hangafticha, Abiihuu, Eleʼaazaarii fi Iitaamaar.
3 These are the names of Aaron's sons, the anointed priests whom Moses ordained to serve as priests. Kunneen maqaawwan ilmaan Aroon jechuunis luboota muudaman kanneen akka luboota taʼanii tajaajilaniif dibaman sanaa ti.
4 Nadab and Abihu died before our Father in the wilderness of Sinai when they offered unauthorized fire before him; they had no children. So Eleazar and Ithamar served as priests before Aaron their father. Naadaabii fi Abiihuu garuu yeroo Gammoojjii Siinaa keessatti ibidda hin eeyyamamin fuula Waaqayyoo duratti dhiʼeessanitti fuuluma isaa duratti duʼan. Isaan ilmaan tokko illee hin qaban ture. Kanaafuu Eleʼaazaarii fi Iitaamaar bara abbaan isaanii Aroon lubbuun jiraatetti luboota taʼanii tajaajilan.
5 Then our Father said to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
6 "Bring the tribe of Levi near and set them before Aaron the priest, to serve him. “Gosa Lewwii fidiitii akka isaan Aroon lubicha gargaaraniif isa dura dhaabi.
7 They are to keep his duties and those of the whole community before the tent of meeting, performing the tabernacle's service. Isaanis hojii dunkaana qulqulluu hojjechuudhaan waan isa irraa barbaadamuu fi waan waldaa hunda irraa barbaadamu fuula dunkaana wal gaʼii duratti haa raawwatan.
8 They are to guard all the tent of meeting's equipment and the Israelites' duty, doing the tabernacle's service. Isaan hojii dunkaana qulqulluu hojjetanii dirqama Israaʼelootaa guutuudhaan miʼa dunkaana wal gaʼii hunda haa eegan.
9 Give the Levites to Aaron and his sons; they are given entirely to him from among Israel's people. Lewwota sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenni; isaan warra saba Israaʼel keessaa guutumaan guutuutti isatti kennamanii dha.
10 Appoint Aaron and his sons to guard their priesthood; any outsider who comes near must die." Ati akka isaan luboota taʼanii tajaajilaniif Aroonii fi ilmaan isaa muudi; namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu garuu ajjeefamuu qaba.”
11 Then our Father said to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
12 "Look, I have taken the Levites from among the Israelites in place of every firstborn that opens the womb among the Israelites. The Levites are mine. “Kunoo ani Israaʼeloota keessaa qooda dhiira hangafa dubartoota Israaʼel hundaa Lewwota fudhadheera. Lewwonni kan koo ti;
13 Every firstborn is mine. The day I struck down every firstborn in Egypt, I set apart for myself every firstborn in Israel—both man and animal. They will be mine. I am your Father." hangafti hundinuu kan kootii. Ani yeroo biyya Gibxi keessatti hangafa hunda ajjeesetti hangafa Israaʼel hunda jechuunis namas taʼu horii ofii kootiif addaan baafadheera. Isaan kan koo taʼan. Ani Waaqayyo.”
14 Then our Father spoke to Moses in the wilderness of Sinai: Waaqayyo Gammoojjii Siinaa keessatti Museedhaan akkana jedhe;
15 "Count Levi's sons by fathers' houses and clans; count every male a month old and up." “Lewwota maatii isaaniitii fi balbala isaaniitiin lakkaaʼi. Dhiira jiʼa tokkoo yookaan hammasii olii hunda lakkaaʼi.”
16 So Moses counted them at the word of our Father, just as he had been commanded. Museen akkuma dubbiin Waaqayyoo isa ajajetti isaan lakkaaʼe.
17 These were the sons of Levi by their names: Gershon, Kohath, and Merari. Kunneen maqaawwan ilmaan Lewwii ti: Geershoon, Qohaatii fi Meraarii.
18 These are the names of the sons of Gershon by their clans: Libni and Shimei. Kunneen maqaawwan ilmaan Geershoonii ti: Loobeenii fi Shimeʼii.
19 The sons of Kohath by their clans: Amram, Izhar, Hebron, and Uzziel. Balbalawwan Qohaatotaa: Amraam, Yizihaar, Kebroonii fi Uziiʼeel.
20 Merari's sons by clan: Mahli and Mushi. These are the Levite clans by fathers' houses. Balbalawwan Meraarotaa: Mahilii fi Muusii. Kunneen akkuma maatii isaaniitti balbalawwan Lewwotaa ti.
21 From Gershon: the Libnite clan and the Shimeite clan—these are the Gershonite clans. Balbalawwan Liibnii fi Shimeʼii kan Geershoon turan; isaanis balbalawwan Geershoonotaa ti.
22 The number of males counted, a month old or older, was 7,500. Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 7,500 ture.
23 The clans of the Gershonites camped behind the tabernacle on the west. Balbalawwan Geershoonotaa karaa lixa biiftuutiin dunkaana qulqulluu dugda duubaan qubatan.
24 The leader of the fathers' house of the Gershonites was Eliasaph son of Lael. Hoogganaan balbalawwan Geershoonotaas Eliyaasaaf ilma Laaʼel ture.
25 Gershon's sons at the tent of meeting cared for the tabernacle, the tent, its covering, and the entrance screen of the tent of meeting. Itti gaafatamni Geershoononni dunkaana wal gaʼii keessatti qabanis dunkaana qulqulluu, dunkaanaa fi irra buusaa isaa, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii irra jiru,
26 The courtyard's curtains and its entrance screen, surrounding the tabernacle and altar, and its cords for all its service. golgaawwan oobdii, golgaa balbala dallaa kan dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru, funyoo fi tajaajila akkanaa kennu hunda eeguu ture.
27 From Kohath came the Amramite clan, the Izharite clan, the Hebronite clan, and the Uzzielite clan; these are the clans of the Kohathites. Balbalawwan Amraamotaa, Yizihaarotaa, Kebroonotaa fi Uziiʼeelotaa balbalawwan Qohaatii ti; isaanis balbalawwan Qohaatotaa turan.
28 Males a month old and up numbered 8,600, in charge of the sanctuary. Baayʼinni dhiirota jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundaa 8,600 ture. Qohaatonni iddoo qulqulluu sana eeguutti itti gaafatamtoota turan.
29 The clans of the sons of Kohath camped on the south side of the tabernacle. Balbalawwan Qohaatotaa karaa kibba dunkaana qulqulluutiin qubatan.
30 The leader of the fathers' house of the Kohathite clans was Elizaphan son of Uzziel. Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Qohaatotaas Eliisaafaan ilma Uziiʼeel ture.
31 They cared for the ark, the table, the lampstand, the altars, the sanctuary vessels used in service, the screen, and all its work. Isaanis taabota, minjaala, baattuu ibsaa, iddoowwan aarsaa, miʼa iddoo qulqulluu ittiin tajaajilan, golgaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda eeguutti itti gaafatamtoota turan.
32 Eleazar son of Aaron the priest was chief leader of the Levites, in charge of those guarding the sanctuary. Hoogganaan Lewwotaa hangafti Eleʼaazaar ilma Aroon lubichaa ture. Innis warra itti gaafatamtoota eegumsa iddoo qulqulluu turan sana irratti dibame.
33 From Merari: the Mahlite clan and the Mushite clan—these are Merari's clans. Balbalawwan Mahelootaa fi Muusotaa kan Meraarii turan; isaanis balbalawwan Meraarotaa ti.
34 The number of males counted, a month old or older, was 6,200. Baayʼinni dhiirota umuriin isaanii jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen lakkaaʼaman hundaa 6,200 ture.
35 Leader of Merarite clans' ancestral house: Zuriel son of Abihail; they camped on the tabernacle's north side. Hoogganaan maatiiwwan balbalawwan Meraarotaas Zuriiʼel ilma Abiihaayilii ti; isaanis karaa kaaba dunkaana qulqullummaatiin qubatan.
36 Merari's sons were charged with the tabernacle's frames, crossbars, posts, bases, all its equipment, and all its service, Meraaronnis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubaawwan isaa, miillawwan isaa, miʼa isaa hundaa fi wantoota tajaajila akkanaa kennan hunda,
37 as well as the posts of the surrounding courtyard with their bases, pegs, and cords. akkasumas utubaawwan oobdii sanatti naannaʼanii jiran, miillawwan isaanii, qofoo dunkaanaa fi funyoowwan isaa eeguuf muudaman.
38 Camped east of the tabernacle, in front of the tent of meeting toward sunrise, were Moses, Aaron, and his sons, who kept charge of the sanctuary for the Israelites; any outsider who approached was to be put to death. Museen, Aroonii fi ilmaan Aroon dunkaana qulqulluu irraa karaa baʼaa, qixa baʼa biiftuutiin fuula dunkaana wal gaʼii dura qubatan. Isaanis iddoo Israaʼelootaa buʼanii iddoo qulqulluu eeguutti itti gaafatamtoota turan. Namni biraa kan iddoo qulqulluu sanatti dhiʼaatu haa ajjeefamu.
39 All the Levites whom Moses and Aaron counted at our Father's command, by their clans, every male a month old and up: 22,000. Lewwonni lakkaaʼaman hundi kanneen Musee fi Aroon ajaja Waaqayyootiin akkuma balbala balbala isaaniitti lakkaaʼan, dhiironni jiʼa tokkoo fi hammasii olii hundi 22,000 turan.
40 Then our Father said to Moses, "Count every firstborn male of Israel a month old or older, and record the number of their names. Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Dhiirota Israaʼel hangafoota kanneen jiʼa tokkootii fi hammasii olii hunda lakkaaʼii maqaa isaanii barreessi.
41 Take the Levites for me—I am your Father—in place of every firstborn among the people of Israel, and the Levites' livestock in place of every firstborn among Israel's livestock." Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota naa fudhadhu; qooda ilmaan hangafa horii Israaʼelootaa hundaas horii Lewwotaa naa fudhadhu. Ani Waaqayyo.”
42 So Moses counted every firstborn among the people of Israel, just as our Father had commanded him. Museen akkuma Waaqayyo isa ajajetti hangafoota Israaʼel hunda lakkaaʼe.
43 All firstborn males, a month or older, listed by name: 22,273. Dhiironni hangafoonni jiʼa tokkoo fi hammasii olii kanneen maqaa maqaan barreeffaman hundii 22,273 turan.
44 Then our Father spoke to Moses: Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe;
45 "Take the Levites instead of every firstborn among Israel's people, and the Levites' livestock instead of theirs. The Levites will be mine. I am your Father. “Qooda ijoollee Israaʼel kanneen hangafa taʼan hundaa Lewwota fudhadhu; qooda horii Israaʼelootaas horii Lewwotaa fudhadhu. Lewwonni kan koo ti. Ani Waaqayyo.
46 To redeem the 273 firstborn Israelites exceeding the Levites' count. Israaʼeloota hangafoota 273 kanneen baayʼina Lewwotaa caalan furuuf,
47 Collect about 2 ounces per person, by sanctuary standard (each measure about half an ounce of silver). tokkoo tokkoo isaaniitiif akkuma madaalii saqilii iddoo qulqulluutti saqilii shan shan fuudhi; saqiliin tokko geeraa digdama.
48 Give the money to Aaron and his sons as the redemption price for the extra firstborn sons." Maallaqa Israaʼeloota dabalaman furuuf fuudhame sanas Aroonii fi ilmaan isaatti kenni.”
49 So Moses collected the redemption money from the firstborn sons who exceeded the number of the Levites; Museen maallaqa sana Israaʼeloota lakkoobsaan warra Lewwotaan furamaniin ol taʼan sana irraa fuudhe.
50 from Israel's firstborn sons he took 1,365—about 2 ounces, by the sanctuary standard. Innis akka madaalii saqilii iddoo qulqulluutti meetii saqilii 1,365 ulfaattu Israaʼeloota hangafa irraa fuudhe.
51 Moses gave the redemption money to Aaron and his sons, by our Father's word, just as our Father commanded Moses. Museenis akkuma dubbii Waaqayyootti, akkuma Waaqni Musee ajajetti maallaqa furii sana Aroonii fi ilmaan isaatti kenne.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]