Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Numbers 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Our Father spoke to Moses and Aaron, saying: Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe:
2 "Count the Kohathites among the Levites, by clan and ancestral house. “Lewwota keessaa gosa Qohaatotaa balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
3 From thirty to fifty years old, all who enter the service to work in the tent of meeting. Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
4 "This is the service of Kohath's sons in the tent of meeting: the most holy things. “Hojiin Qohaatonni wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼaniin wal qabatee dunkaana wal gaʼii keessatti hojjetan kanaa dha.
5 When the camp moves, Aaron and his sons take down the screening curtain and cover the ark of the testimony with it. Yommuu qubanni deemuuf kaʼutti Aroonii fi ilmaan isaa ol galanii golgaa daʼeessu sana gad haa buusan; golgaa sanaanis taabota kakuu seeraatti haa haguugan.
6 They are to cover it with fine leather, spread an all-blue cloth over that, and set its poles. Waan kanattis gogaa duugame uffisanii huccuu bifti isaa guutumaan guutuutti cuquliisa taʼe irraan haa afan. Danqaraawwanis iddoo iddoo isaanii keessa haa galchan.
7 "On the table of the Presence they'll spread a blue cloth, put the plates, dishes, bowls, and pouring jars on it; the regular bread stays on it. “Isaanis huccuu bifa cuquliisaa tokko minjaala Buddeena Ilaalchaatti uffisanii gabatee, caabii fi waciitii akkasumas okkotee ittiin dhibaayyuu dhiʼeessan isa irra haa kaaʼan; buddeenni yeroo hunda achii hin dhabamne sunis isa irra haa kaaʼamu.
8 They are to spread a scarlet cloth over them, cover it with fine leather, and fit its poles. Huccuu bildiimaa isaan irra haa diriirsan; gogaa duugame itti haa uwwisan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
9 "They will take a blue cloth, cover the lampstand of light, its lamps, tongs, trays, and all its oil vessels used to service it. “Huccuu bifti isaa cuquliisaa fuudhanii baattuu ibsaa kan ibsuuf tolchame ibsaa isaa wajjin, waan ittiin foʼaa ibsaa kutanii fi baattuu daaraa, meeshaawwan zayitii kanneen hojii kanaaf oolan hundas ittiin haa haguugan.
10 They are to wrap it and all its vessels in fine leather and set it on the carrying frame. Ergasiis waan kanaa fi miʼa isaa hunda gogaa duugameen maranii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
11 "Over the golden altar they are to spread blue cloth, cover it with fine leather, and insert its poles. “Huccuu biftii isaa cuquliisa taʼes iddoo aarsaa kan warqee irraa hojjetametti uffisanii gogaa duugame itti haa haguugan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
12 They must take all the service utensils used in the sanctuary, put them in blue cloth, cover with fine leather, and place them on the pole. “Meeshaawwan ittiin iddoo qulqulluu keessa tajaajilan hundas fuudhanii huccuu bifa cuquliisaatiin maranii gogaa duugameen haguuganii wasaasaa ittiin waa baatan irra haa kaaʼan.
13 "They are to remove the ashes from the altar and spread a purple cloth over it. “Isaanis iddoo aarsaa irraa daaraa haranii huccuu diimaa dhiilgee itti haa uffisan.
14 On it they are to put all its serving vessels—firepans, forks, shovels, basins, all the altar's vessels—then spread over it a fine leather covering and insert its poles. Ergasiis miʼa iddoo aarsaa ittiin tajaajilan hunda, baattuu ibiddaa, qabduuwwan foonii, meeshaa ittiin daaraa hammaaranii fi waciitii isa irra haa kaaʼan. Gogaa duugamee isa irraan haa afan; danqaraawwan isaas iddoo isaanii keessa haa galchan.
15 "When Aaron and his sons finish covering the holy things and all vessels of the holy place, and the camp sets out, Kohath's sons come to carry them, but they must not touch the holy things or die. These are Kohath's sons' burdens in the tent of meeting. “Erga Aroonii fi ilmaan isaa meeshaawwan qulqulluu sanaa fi miʼa qulqulluu hunda haguuganii fixanii booddee yeroo qubanni sun godaanuuf kaʼutti Qohaatonni miʼa kana baachuudhaaf haa dhufan. Isaan garuu miʼa qulqulluu sana hin tuqin; yoo tuqan ni duʼuutii. Qohaatonni waan dunkaana wal gaʼii keessa jiru hunda haa baatan.
16 "Eleazar son of Aaron the priest is responsible for the lamp oil, fragrant incense, daily grain offering, and anointing oil—responsible for the whole tabernacle, everything in it, the sanctuary and its furnishings." “Eleʼaazaar ilmi Aroon lubichaa itti gaafatamaa zayitii ibsaa, ixaana urgaaʼaa, kennaa midhaanii kan yeroo baayʼee dhiʼeeffamuu fi zayitii ittiin dibanii haa taʼu. Inni dunkaana qulqulluu hundaa fi waan isa keessa jiru hundatti, miʼaa fi meeshaawwan isaa qulqulluuttis itti gaafatamaa haa taʼu.”
17 Our Father spoke to Moses and Aaron, saying: Waaqayyo Musee fi Arooniin akkana jedhe;
18 "Do not let the tribe of the Kohathite clans be cut off from among the Levites. “Balbalawwan gosa Qohaatii Lewwota keessaa hin balleessinaa.
19 Do this for them so they live and not die when they approach the most holy things: Aaron and his sons must enter, assigning each his task and burden. Akka isaan yommuu wantoota waan hunda caalaa qulqulluu taʼanitti dhiʼaatanitti, akka lubbuun jiraatan malee hin duuneef waan kana isaaniif godhaa: Aroonii fi ilmaan isaa iddoo qulqulluu seenanii waan tokkoon tokkoon namaa hojjetuu fi baatu haa qoqqoodan.
20 But they must not go in and look at the holy things, even for a moment, or they will die." Qohaatonni garuu akka hin duuneef yeroo xinnaaf illee wantoota qulqulluu ilaaluudhaaf ol seenuu hin qaban.”
21 Our Father spoke to Moses, saying: Waaqayyo Museen akkana jedhe;
22 "Take a census of the sons of Gershon also, by their fathers' houses and their clans. “Geershoonotas maatii maatii isaanii fi balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼi.
23 Count those thirty to fifty years old who serve, doing work at the tent of meeting. Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuu dhufan hunda lakkaaʼi.
24 "This is the service of the clans of the Gershonites, in serving and in carrying: “Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa hojii hojjechuu fi baʼaa baachuudhaan tajaajilan kanaa dha:
25 They carry the tabernacle's curtains, the tent of meeting, its covering, the fine-leather covering over it, and the screen for the tent of meeting's entrance, Isaan golgaa dunkaana qulqulluu, dunkaana wal gaʼii, uffata isaa fi irra buusaa isaa kan gogaa duugame irraa hojjetame, golgaa balbala dunkaana wal gaʼii,
26 the courtyard curtains, the entrance screen for the courtyard gate, surrounding tabernacle and altar, their cords, and all their service equipment—they are to do whatever these need. golgaawwan dallaa dunkaana qulqulluu fi iddoo aarsaatti naannaʼee jiru sanaa, golgaa balbala isaa, funyoo fi miʼa tajaajila kanaaf fayyadu hunda baatu. Geershoononni waan wantoota kanaan hojjetamuu qabu hunda haa hojjetan.
27 Aaron and his sons direct all the Gershonites' service—their carrying and duties; assign them all they must carry. Tajaajilli Geershoonotaa hundi baʼaa baachuus taʼu hojiin biraa ajaja Aroonii fi ilmaan isaa kennaniin haa adeemsifamu. Waan isaan baachuu qaban hundas akkuma itti gaafatama isaaniitti qoqoodaafii.
28 This is the service of the Gershonite clans at the tent of meeting, their duty under Ithamar son of Aaron the priest. Tajaajilli balbalawwan Geershoonotaa dunkaana wal gaʼiitti kennan kanaa dha. Hojiin isaaniis Iitaamaar ilma Aroon lubichaatiin haa qajeelfamu.
29 "As for the sons of Merari, you are to count them by their clans and their fathers' houses. “Meraarota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼi.
30 Count everyone thirty to fifty years old who enters the service to work at the tent of meeting. Dhiirota umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii hojjechuuf dhufan hunda lakkaaʼi.
31 This is their task, their service at the meeting tent: the frames, bars, posts, and bases of the tabernacle. Wanni isaan yeroo hojii dunkaana wal gaʼii hojjetanitti godhan kanaa dha: kunis tuggeewwan dunkaana qulqulluu, dagaleewwan isaa, utubootaa fi miillawwan isaanii,
32 The courtyard's pillars all around, with their bases, pegs, and cords, all their equipment and service—assign by name what each must carry. utuboota oobdiitti naannaʼanii jiran miillawwan isaanii wajjin, qofoowwan dunkaanaa, funyoowwan, miʼa isaanii hundaa fi wantoota hojii kanaaf fayyadan hunda baachuu dha. Isinis waan tokkoon tokkoon namaa baatu addaan baasaatii ramadaafii.
33 This is the Merarite clans' service in the Tent of Meeting, under Ithamar son of Aaron the priest." Tajaajilli balbalawwan Meraarotaa qajeelfama Iitaamaar ilma Aroon lubichaa jala dunkaana wal gaʼii keessatti kennan kanaa dha.”
34 So Moses, Aaron, and the leaders of the congregation counted the sons of the Kohathites by their clans and their families, Museen, Aroonii fi hooggantoonni waldaas Qohaatota balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
35 thirty to fifty years old, all who joined the service for work in the tent of meeting. Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessaa sana keessa hojjechuuf dhufan hundi
36 Those counted by their clans were 2,750. balbala balbalaan lakkaaʼamanii 2,750 turan.
37 The count of Kohathite clans, all who served in the tent of meeting, whom Moses and Aaron counted at our Father's command through Moses. Kun lakkoobsa balbalawwan Qohaatota warra dunkaana wal gaʼii keessa hojjechaa turanii ti. Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin isaan lakkaaʼan.
38 Those counted of the sons of Gershon, by their clans and their fathers' houses, Geershoononni balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
39 from thirty to fifty years old, all who entered service work at the tent of meeting. Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjechuuf dhufan hundi
40 Those counted by their clans and their fathers' houses were 2,630. balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼamanii 2,630 turan.
41 These were counted from the Gershonite clans, all who served in the tent of meeting, whom Moses and Aaron counted at our Father's command. Balbalawwan Geershoonotaa, warri hojii dunkaana wal gaʼii keessa hojjetan kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyootti lakkaaʼan hundi kanneenii dha.
42 Those counted of the clans of the sons of Merari, by their clans and their fathers' houses, Meraaronnis balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼaman.
43 from age thirty to fifty, all who entered service for work in the tent of meeting, Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii dunkaana wal gaʼii keessa tajaajiluu dhufan hundi
44 those counted by their clans were 3,200. balbala balbala isaaniitiin lakkaaʼamanii 3,200 turan.
45 These were counted of the clans of Merari's sons, whom Moses and Aaron counted at our Father's command through Moses. Warri balbalawwan Meraarotaa keessaa lakkaaʼaman kanneen Musee fi Aroon akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kenname sanaatti lakkaaʼan kanneenii dha.
46 All those whom Moses, Aaron, and Israel's leaders counted among the Levites, by clans and ancestral houses. Museen, Aroonii fi hooggantoonni Israaʼel Lewwota hunda balbala balbalaa fi maatii maatii isaaniitiin lakkaaʼan.
47 From thirty to fifty years old, everyone who served and carried loads in the tent of meeting. Dhiironni umuriin isaanii waggaa soddomaa hamma shantamaa kanneen hojii tajaajilaa hojjechuu fi dunkaana wal gaʼii baachuu dhufanii
48 Those counted were 8,580. lakkaaʼaman hundi 8,580 turan.
49 By our Father's command, Moses appointed each to his service and burden, and counted them, as our Father commanded Moses. Isaanis akkuma ajaja Waaqayyoo kan karaa Museetiin kennameetiin tokkoon tokkoon isaanii waan hojjechuu qabanitti ramadaman; wanni isaan baachuu qabanis isaanitti himame. Akkasiin isaan akkuma Waaqayyo Musee ajajetti lakkaaʼaman.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]