Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Malachi 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Look, I am sending my messenger, and he will prepare the way before me. Then suddenly the Lord whom you are seeking will come to his temple—the messenger of the covenant in whom you delight. Look, he is coming, says the Father of heaven's armies. “Kunoo ani ergamaa koo isa fuula koo duraan karaa naaf qopheessu nan erga. Ergasii Gooftaan isin eeggattan akkuma tasaa gara mana qulqullummaa isaa ni dhufa; ergamaan kakuu kan isin hawwitan sun ni dhufa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
2 "But who can endure the day he comes? Who can stand when he appears? He is like a refiner's fire, like a launderer's soap. Garuu eenyutu guyyaa dhufaatii isaa sana obsuu dandaʼa? Yeroo inni mulʼatuttis eenyutu isa dura dhaabachuu dandaʼa? Inni akka ibidda nama sibiila baqsee qulqulleessuu yookaan akka saamunaa nama wayyaa miicuu ti.
3 He will sit refining and purifying silver; he will purify Levi's sons and refine them like gold and silver, and they will bring offerings to our Father in righteousness. Inni akkuma nama meetii baqsee qulqulleessuu ni taʼa; Lewwotas calalee akka warqeettii fi meetiitti qulqulleessa. Ergasiis Waaqayyo namoota qajeelummaadhaan aarsaa isaaf fidan ni qabaata;
4 Then Judah and Jerusalem's offering will please our Father, as in days past, as in former years." akkuma bara darbee, akkuma waggoota duraa aarsaan Yihuudaatii fi Yerusaalem Waaqayyoon ni gammachiisa.
5 I will come near to judge you, a swift witness against sorcerers, adulterers, those who swear falsely, who cheat the worker of his wages, oppress the widow and orphan, push aside the foreigner, and do not fear me, says the Father of heaven's armies. “Kanaafuu ani murtiif gara keessan nan dhufa. Ani falfaltootatti, sagaagaltootatti, warra sobaan kakatanitti, warra mindaa hojjettootaa dhowwatanitti, warra haadhota hiyyeessaa fi ijoollee abbaa hin qabne hacuucanitti, warra alagoota murtii qajeelaa dhowwatanii fi na hin sodaannetti dhugaa baʼuuf nan ariifadha” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
6 For I, your Father, do not change; therefore you, children of Jacob, have not been destroyed. “Ani Waaqayyo hin geeddaramu. Kanaafuu yaa ilmaan Yaaqoob isin hin barbadoofne.
7 Since your ancestors' days you have turned from my statutes and not kept them. Return to me, and I will return to you, says the Father of heaven's armies. But you ask, 'How are we to return?' Isin bara abbootii keessaniitii jalqabdanii sirna koo irraa jalʼattaniirtu; hin eegnes. Gara kootti deebiʼaa; anis gara keessanitti nan deebiʼaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin deebina?’ jettanii gaafattu.
8 Will a person rob their Father? Yet you rob me. But you ask, 'How have we robbed you?' In the tenth and the offerings. “Namni Waaqa ni saamaa?” Taʼus isin na saamtan. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si saamne?’ jettanii gaafattu. “Kudhan keessaa tokkoo fi aarsaadhaan.
9 You are cursed with a curse, for you are robbing me—the whole nation of you. Isin guutummaan saba keessanii sababii na saamtaniif abaarsa jala jirtu.
10 Bring the full tenth into the storehouse, so there's food in my house. Test me in this, says the Father of heaven's armies, and see if I won't open heaven's windows for you and pour out blessing for you until there's no more need. Akka mana koo keessa nyaanni jiraatuuf, kudhan keessa tokko guutummaatti gombisaatti galchaa. Kanaan na qoraatii akka ani karra burqaa samii banee hamma isin iddoo itti kuufattan dhabdanitti eebba guddaa isiniif hin roobsine ilaalaa” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
11 I will rebuke the devourer for you, so it will not destroy your ground's fruit, and your vine in the field will not fail to bear, says the Father of heaven's armies. “Ani akka daanaʼoon midhaan keessan hin balleessineef nan ifadha; mukni wayinii lafa qotiisa keessaniis ija hin harcaafatu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 Then all nations will call you blessed, for you will be a land of delight, says the Father of heaven's armies. “Ergasii isin biyya gammaddu waan taataniif, saboonni hundinuu eebbifamtoota isiniin jedhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
13 Your words were harsh against me, says our Father. But you ask, 'What have we said against you?' “Isin of tuulummaadhaan natti dubbattan” jedha Waaqayyo. “Taʼus, ‘Nu maal siin jenne?’ jettanii gaafattu.
14 You said, 'Serving God is useless. What have we gained by keeping his charge and walking as mourners before the Father of heaven's armies?' “Isin akkana dubbattan; ‘Waaqa tajaajiluun faayidaa hin qabu. Nu fedhii isaa duukaa buunee akkuma nama booʼuu, fuula Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu dura jooruudhaan maal arganne?
15 Now we call the arrogant blessed. Those who do evil prosper; they even test God and escape. Amma garuu of tuultotaan eebbifamtoota jenna. Dhugumaan warri hamaa hojjetan ni eebbifamu; warri Waaqa qoranis ni miliqu.’ ”
16 Then those who feared our Father spoke to one another, and he listened and heard. A scroll of remembrance was written before him for those who fear him and treasure his name. Warri Waaqayyoon sodaatan walitti dubbatan; Waaqayyos isaan dhaggeeffate; ni dhagaʼes. Warra Waaqayyoon sodaatanii fi maqaa isaa kabajaniifis kitaabni maramaan yaadannoodhaaf fuula isaa duratti barreeffame.
17 They will be mine, says the Father of heaven's armies, on the day I act, my treasured possession. I will spare them as a father spares his son who serves him. Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha; “Guyyaa ani hojjedhutti isaan handhuuraa koo addaa ni taʼu. Akkuma namni tokko ilma isaa kan isa tajaajilu baraaru sana ani isa nan baraara.
18 Once more you will see the difference between the righteous and the wicked, between one who serves our Father and one who does not serve him. Isin ammas garaa garummaa nama qajeelaatii fi nama hamaa, garaa garummaa warra Waaqa tajaajilaniitii fi warra hin tajaajillee ni argitu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]