Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Malachi 2 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Now, priests, this command is for you. “Yaa luboota akeekkachiisni kun isiniif kenname.
2 If you won't listen, or take it to heart to honor my name, says the Father of heaven's armies, I will send the curse on you and curse your blessings. I have already cursed them, because you don't take it to heart. Yoo isin dhaggeeffachuu baattan, yoo isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan qopheessuu baattan, ani abaarsa isinitti nan erga; eebba keessanis nan abaara” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Sababii isin maqaa koo kabajuuf garaa keessan hin qopheessiniif dhugumaan ani amma iyyuu eebba keessan abaareera.
3 I will rebuke your offspring and smear manure on your faces—the manure of your feasts—and you will be carried off with it. “Sababii keessaniif ani sanyii keessan nan ifadha; faandoo aarsaa isin guyyaa ayyaanaa dhiʼeessitanii fuula keessanitti nan facaasa; isa wajjinis ni baddu.
4 Then you will know I sent this command to you, so my covenant with Levi stands, says the Father of heaven's armies. Kakuun ani Lewwii wajjin qabu akka itti fufuuf, ajaja kana isinitti erguu koo isin ni beektu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
5 "My covenant with him was life and peace; I gave them to him to be held with reverence, and he revered me and trembled before my name. “Kakuun ani isa wajjin gale kakuu jireenyaatii fi kakuu nagaa ture; isas nan kenneef; kunis kabaja fide; innis na kabaje; maqaa koo sodaachuudhaanis ni dhaabate.
6 True instruction was in his mouth, no wrong on his lips. He walked with me in peace and integrity, and turned many from sin. Gorsi dhugaa afaan isaa keessa ture; sobni tokko iyyuu hidhii isaa irraa hin argamne. Inni nagaa fi qajeelummaadhaan na wajjin jiraate; nama hedduus qalbii jijjiirrachiise.
7 A priest's lips guard knowledge, and people seek instruction from his mouth, for he is the messenger of the Father of heaven's armies. “Sababii inni ergamaa Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuu taʼeef, hidhiin luba tokkoo beekumsa kuufata; namoonnis afaan isaa irraa gorsa barbaadu.
8 But you turned from the way and made many stumble by your instruction; you corrupted the covenant of Levi, says the Father of heaven's armies. Isin garuu karaa irraa jalʼattaniirtu; barsiisa keessaniinis namoota baayʼee gufachiiftaniirtu; kakuu Lewwiis cabsitaniirtu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
9 So I made you despised and low before all the people, because you haven't kept my ways but shown favoritism in your instruction." “Kanaafuu ani akka isin saboota hunda duratti tuffatamtanii fi salphattan nan godha; isin waaʼee seeraa keessatti loogii hojjettan malee karaa koo duukaa hin buuneetii.”
10 Don't we all have one Father? Didn't one Father create us? Why betray each other, desecrating our fathers' covenant? Nu hundi Abbaa tokko qabna mitii? Waaquma tokkotu nu uume mitii? Yoos nu maaliif waliif amanamuu diduudhaan kakuu abbootii keenyaa xureessina ree?
11 Judah is unfaithful; a detestable thing is done in Israel and Jerusalem. Judah has desecrated our Father's holy place, which he loves, and married the daughter of a foreign god. Yihuudaan hin amanamne. Israaʼelii fi Yerusaalem keessatti wanni jibbisiisaan tokko raawwatameera; Yihuudaan dubartoota waaqa ormaa waaqeffatan fuudhuudhaan iddoo qulqulluu Waaqayyo jaallatu xureesseera.
12 May our Father cut off from Jacob's tents the man who does this—anyone at all—even one bringing an offering to the Father of heaven's armies. Nama waan kana hojjetu abbaa fedhe illee yoo taʼe, Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼuuf aarsaa fidu iyyuu dunkaana Yaaqoob keessaa Waaqayyo isa haa balleessu.
13 And a second thing you do: you cover our Father's altar with tears, weeping and groaning, because he no longer regards the offering or accepts it gladly from your hand. Wanni isin hojjettan kan biraas kanaa dha: iddoo aarsaa Waaqayyoo irra imimmaan lolaaftu. Sababii inni siʼachi aarsaa keessaniif xiyyeeffannoo hin kennineef yookaan aarsaa keessan gammachuudhaan isin harkaa hin fudhanneef ni boossu; ni wawwaattus.
14 You ask, "Why?" Because our Father witnessed between you and the wife of your youth, whom you betrayed—though your companion, your wife by covenant. Isinis, “Kun maaliif taʼe?” jettanii gaafattu. Kun sababii ati utuma isheen hidhata kee, niitii kee kan kakuu taatee jirtuu amanamummaa isheef dhabdeef Waaqayyo siʼii fi niitii qeerrummaa kee gidduutti ragaa taʼeefii dha.
15 Didn't the Father make you one with your wife? Body and spirit, you are his. And what does he want? Godly children from your union. So guard your spirit; let no one betray the wife of his youth. Waaqayyo tokko isaan hin goonee? Isaan fooniinis hafuuraanis kanuma isaa ti. Inni maaliif tokko isaan godhe? Sababii inni sanyii Waaqa sodaatu barbaadaa tureef. Kanaafuu of eeggadhaa; eenyu iyyuu amanamummaa niitii qeerrummaa isaatiif qabu hin cabsin.
16 "For I hate divorce," says our Father, the Father of Israel, "and whoever covers his garment with violence," says the Father of heaven's armies. So guard your spirit; do not be unfaithful. “Ani wal hiikuu dhirsaa fi niitii nan jibba” jedha Waaqayyo Waaqni Israaʼel; “Ani nama wayyaa isaatiin jalʼina haguugu nan jibba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. Kanaafuu of eeggadhaa; amanamummaas hin dhabinaa.
17 You have worn out our Father with your words. Yet you ask, "How have we worn him out?" By saying, "All who do evil are good in his sight, and he delights in them"—or, "Where is the Father of justice?" Isin dubbii keessaniin Waaqayyoon dadhabsiiftaniirtu. “Nu akkamiin isa dadhabsiifne?” jettaniis gaafattu. “Warri waan hamaa hojjetan hundinuu fuula Waaqayyoo duratti gaarii dha; innis isaanitti gammada” yookaan “Waaqni murtii qajeelaa meerre?” jechuudhaan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]