Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Malachi 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 This is the word of our Father to Israel, delivered through Malachi. Raajii dubbii Waaqayyoo kan karaa Miilkiyaasiin gara Israaʼel dhufe.
2 "I have loved you," says our Father. "But you ask, 'How have you loved us?' Wasn't Esau Jacob's brother?" declares our Father. "Yet I loved Jacob, “Ani isin jaalladheera” jedha Waaqayyo. “Isin immoo, ‘Ati akkamitti nu jaallatte?’ jettanii gaafattu. “Esaawu obboleessa Yaaqoob hin turree?” jedha Waaqayyo. “Taʼus ani Yaaqoobin jaalladhee,
3 but Esau I hated. I made his hill country wasteland, left his inheritance to desert jackals." Esaawun garuu jibbeera; ani tulluuwwan isaa lafa onaa godhee dhaala isaas waangoo gammoojjiitiif kenneera.”
4 Edom may say, "We are shattered, but we will rebuild the ruins." But the Father of heaven's armies says: "They may build, but I will tear down. They will be called the Wicked Land, the people our Father stays angry with forever." Edoomiyaas, “Nu caccabnu iyyuu, diigama sana deebisnee ni ijaarra” jedha taʼa. Garuu Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu akkana jedha: “Isaan ni ijaaru taʼa; ani garuu nan diiga. Isaan Biyya Hamaa, saba yeroo hunda dheekkamsa Waaqayyoo jala jiraatu jedhamanii ni waamamu.
5 Your own eyes will see it, and you'll say, 'Great is our Father—beyond Israel's borders!' Isin waan kana ija keessaniin argitanii, ‘Daarii biyya Israaʼeliin gamatti iyyuu Waaqayyo Guddaa dha!’ jettu.
6 "A son honors his father, a servant his master. If I am a father, where is my honor? If a master, where is my respect? says the Father of heaven's armies to you priests who despise my name. But you ask, 'How have we despised your name?'" “Ilmi abbaa isaa, garbichis gooftaa isaa ulfeessa. Egaa ergan abbaa taʼe, ulfinni naaf malu meerre ree? Ergan gooftaa taʼe, kabajni naaf malu meerree ree?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Yaa luboota; isintu maqaa koo tuffata. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin maqaa kee tuffanne?’ jettanii gaafattu.
7 "You put unclean food on my altar, then ask, 'How have we made you unclean?' By calling our Father's table despised. “Isin nyaata xuraaʼaa iddoo aarsaa koo irratti dhiʼeessitu. “Isin garuu, ‘Nu akkamiin si xureessine’ jettanii gaafattu. “Maaddiin Waaqayyoo tuffatamaa dha jechuudhaan.
8 When you offer a blind animal, isn't that evil? Offer the lame and sick—isn't that evil? Present it to your governor—will he be pleased with you? Will he accept you?" says the Father of heaven's armies. Isin yoo horii jaamaa aarsaadhaaf dhiʼeessitan, sun balleessaa mitii? Isin yoo horii naafa yookaan horii dhukkubsataa naaf qaltan, sun balleessaa mitii? Mee horii sana bulchaa keessaniif kennuu yaalaa! Inni isinitti ni gammadaa? Inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
9 "Now plead with our Father to be gracious to us. With such offerings from your hands, will he accept any of you?" says the Father of heaven's armies. “Egaa mee akka inni garaa nuu laafuuf Waaqa nuuf kadhadhaa. Isin yoo aarsaa akkasii qabattanii dhiʼaattan inni isin harkaa ni fudhataa?” jedha Waaqayyo Waan Hunda dandaʼu.
10 "If only one of you would shut the doors, so you would not light useless fires on my altar! I take no pleasure in you," says the Father of heaven's armies, "and I will accept no offering from your hands. “Isin keessaa namni tokko akka isin ibidda faayidaa hin qabne iddoo aarsaa koo irratti hin bobeessineef utuu balbala mana qulqullummaa cufee jiraatee! Ani isinitti hin gammadu; aarsaa tokko iyyuu isin harkaa hin fudhu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
11 From sunrise to sunset my name will be great among the nations. Everywhere incense and pure offerings will be brought to my name, because my name will be great among the nations," says the Father of heaven's armies. “Maqaan koo baʼa aduutii kaasee hamma lixa aduutti saboota gidduutti guddaa ni taʼa. Iddoo hundatti ixaannii fi aarsaan qulqulluun ni kennama; maqaan koo saboota gidduutti guddaa ni taʼaatii” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
12 "But you desecrate it, saying the Sovereign Father's table is unclean and its food may be despised." “Isin garuu maaddiin Gooftaa ‘xuraaʼaa dha’ nyaanni isaas ‘tuffatamaa dha’ jechuudhaan maqaa koo xureessitu.
13 "You say, 'What a burden!' and snort at it in contempt," says the Father of heaven's armies. "You bring stolen, lame, and diseased animals as offerings—should I accept them from you?" says our Father. ‘Kun dadhabbii dha!’ jettaniis tuffiidhaan itti cirriiqfattu” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu. “Isin yoo horii hatame, kan naafate yookaan kan dhukkuba qabu fiddanii aarsaa gootanii dhiʼeessitan, ani isin harkaa fudhachuutu narra jiraa?” jedha Waaqayyo.
14 "Cursed is the cheat who has a sound male in his flock and vows it, but sacrifices a defective animal to the Sovereign Father. For I am a great King," says the Father of heaven's armies, "and my name is to be feared among the nations." “Namni bushaayee isaa keessaa korbeessa jaallatamaa qabu kan korbeessa sana aarsaa dhiʼeessuuf wareega kennee garuu sobee horii hirʼina qabu Gooftaadhaaf dhiʼeessu abaaramaa haa taʼu. Ani mootii guddaadhaatii, maqaan koo saboota gidduutti sodaatamuu qaba” jedha Waaqayyo Waan Hunda Dandaʼu.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]