Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Joshua 20 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Magaalaawwan Itti Baqatan

1Ergasii Waaqayyo Iyyaasuudhaan akkana jedhe: 2“Akkuma ani karaa Museetiin isin ajaje sanatti akka Israaʼeloonni magaalaawwan itti kooluu galan filatan itti himi; 3kunis akka namni tasuma yookaan utuu itti hin yaadin nama ajjeese kam iyyuu itti kooluu galee nama haaloo dhiigaa baasu duraa baʼuuf. 4Inni yommuu magaalaawwan sana keessaa tokkotti kooluu galutti karra magaalattii irra dhaabatee fuula maanguddoota magaalaa sanaa duratti dhimma isaa himachuu qaba. Isaanis ergasii magaalaa isaaniitti isa simatanii akka inni isaan wajjin jiraatuuf iddoo kennuufii qabu. 5Yoo namni haaloo dhiigaa baasu isa duukaa buʼe illee, sababii inni utuu itti hin yaadinii fi utuu duraan jibba wal irraa hin qabaatin nama ollaa isaa ajjeeseef, isaan namicha sana dabarsanii kennuu hin qaban. 6Inni hamma fuula waldaa dura qorumsaaf dhaabatuttii fi hamma lubni ol aanaan yeroo sanatti tajaajilaa ture duʼutti magaalaadhuma sana keessa jiraachuu qaba. Ergasii inni mana isaatti, gara magaalaa keessaa baqate sanaatti deebiʼuu dandaʼa.”

7Kanaafuu isaan biyya gaaraa Niftaalem keessaa Qaadesh ishee Galiilaa keessaa sana, biyya gaaraa Efreem keessaa Sheekem, biyya gaaraa Yihuudaa keessaa immoo Kiriyaati Arbaaq kan Kebroon jedhamtu sana filatan. 8Yordaanos gamaa karaa lixa Yerikootiin, biyya gosa Ruubeen keessaa Bezer ishee gammoojjii diriiraa keessaa sana, biyya gosa Gaad keessaa Raamooti ishee Giliʼaad keessatti argamtu, biyya gosa Minaasee keessaa immoo Goolaan ishee Baashaan keessatti argamtu sana filatan. 9Magaalaawwan akka namni tasa nama ajjeese kam iyyuu itti baqatuuf Israaʼeloota hundaa fi alagoota gidduu isaanii jiraataniif filataman kanneenii dha; kunis akka inni hamma harka waldaa jirutti namicha haaloo dhiigaa baasu sanaan hin ajjeefamneef.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]