Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Jonah 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 But this upset Jonah deeply, and he burned with anger. Wanni kun Yoonaasin baayʼee hin gammachiifne; inni ni aare.
2 He prayed to our Father, "Please, O Father, isn't this what I said while still in my own land? That's why I fled toward Tarshish first—I knew you are a gracious, compassionate Father, slow to anger, overflowing with covenant love, one who relents from sending disaster. Akkana jedhees Waaqayyoon kadhate; “Yaa Waaqayyo wanni ani yeroo biyya koo turetti jedhe sun kanuma mitii? Wanni ani Tarshiishitti baqachuuf ariifadheefis kana. Ani akka ati Waaqa arjaa fi garaa laafessa, kan dafee hin aarree fi kan jaalalli isaa guddaa taʼe, Waaqa balaa buusuu irraa of qusatu taate nan beeka.
3 Now, our Father, please take my life from me—death is better for me than life." Yaa Waaqayyo jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayyaatii amma lubbuu koo fudhadhu.”
4 And our Father said, "Is it right for you to be so angry?" Waaqayyo garuu, “Ati aaruun kee sirriidhaa?” jedheen.
5 Jonah left the city and sat east of it, made himself a shelter there, and sat under it in the shade, waiting to see what would happen to the city. Yoonaasis magaalattii keessaa baʼee karaa baʼa magaalattiitiin taaʼe. Innis achitti daasii tokko ijaarratee gaaddisa isaa jala taaʼee waan magaalattiin taʼuuf jirtu arguuf eege.
6 And our Father appointed a plant and made it grow up over Jonah, to shade his head and ease his discomfort. So Jonah was overjoyed because of the plant. Waaqayyo Waaqni biqiltuu qopheessee akka inni Yoonaasiin olitti guddatee mataa isaa irra gaaddisa buusee akka gaddi itti qabbanaaʼu godhe; Yoonaasis sababii biqiltuu sanaatiif baayʼee gammade.
7 At dawn the next day, our Father appointed a worm that attacked the plant, and it withered. Borumtaa bariis Waaqni biqiltuun sun akka goguuf raammoo isa nyaatu itti erge.
8 When the sun rose, our Father sent a scorching east wind; the sun beat on Jonah's head until he grew faint. He begged to die: "Better for me to die than to live." Yeroo biiftuun baatettis Waaqni bubbee baʼa biiftuu hoʼaa tokko erge; aduunis akka inni gaggabuuf mataa Yoonaasitti baate. Innis duʼuu barbaadee, “Jiraachuu mannaa duʼuu naaf wayya” jedhe.
9 But our Father asked Jonah, "Is it right for you to be angry about the plant?" He said, "It is right—angry enough to die." Waaqni garuu, “Ati waaʼee biqiltuu sanaatiif aaruun kee sirriidhaa?” jedheen. Yoonaasis, “Eeyyee. Ani hamma duʼaatti utuun aare iyyuu nan barbaada” jedhe.
10 And our Father said, "You pitied the plant you did not work for or grow, which sprouted in a night and died in a night. Waaqayyo garuu akkana jedhe; “Ati yoo biqiltuu kana eeguu yookaan akka inni guddatu gochuu baatte illee waaʼee isaa yaaddofteerta. Biqiltuun kun halkanuma tokkoon guddatee halkanuma tokkoon duʼe.
11 And should I not pity Nineveh, that great city, in which there are more than 120,000 people who cannot tell their right hand from their left, and many animals as well?" Nanawween garuu namoota bitaa fi mirga isaanii iyyuu gargar baasanii hin beekne kuma dhibba tokkoo fi kuma digdamaa fi loon hedduu qabdi. Ani magaalaa guddoo akkasiitiif yaaduu hin qabuu ree?”
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]