Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

James 4 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Where do wars and fights among you come from? Isn't it your cravings warring inside you? Wanni lolaa fi walitti buʼuu isin gidduutti kaasu maali? Isaan hawwii isin keessatti wal lolan irraa dhufu mitii?
2 You want and don't have—you kill. You crave and can't get it—you quarrel and fight. You don't have because you don't ask. Isin ni hawwitu; garuu hin argattan. Kanaaf ni ajjeeftu; ni hinaaftus. Garuu waan barbaaddan sana argachuu hin dandeessan. Kanaafis walitti buutu; wal loltus. Isin waan Waaqa hin kadhanneef hin qabaattan.
3 You ask and do not receive, because you ask wrongly, to spend it on your own pleasures. Isin dharraa keessan hamaa guutachuuf jettanii yaada hamaan waan kadhattaniif yommuu kadhattan hin argattan.
4 You adulterous people! Don't you know friendship with the world is hostility toward our Father? Whoever chooses to be its friend becomes an enemy of our Father. Yaa ejjitoota, addunyaatti michoomuun Waaqatti diina taʼuu akka taʼe hin beektanii? Namni michuu addunyaa taʼu kam iyyuu diina Waaqaa taʼa.
5 Or does Scripture speak for nothing, saying the spirit he placed in us longs jealously? Yookaan wanni Katabbiin Qulqulluun, “Hafuurri nu keessa jiraatu sun hinaaffaadhaan hawwa” jedhu akkasumaan dubbatama seetuu ree?
6 But he gives more grace. That is why Scripture says, "Our Father opposes the proud but gives grace to the humble." Inni garuu ayyaana caalu nuuf kenna. Sababiin Katabbiin Qulqulluun, “Waaqni of tuultotaan ni morma; warra gad of qabaniif immoo ayyaana kenna” jedhuufis kanuma.
7 Submit yourselves, then, to our Father. Resist the devil, and he will flee from you. Kanaafuu Waaqaaf bulaa. Diiyaabiloosiin immoo mormaa; innis isin baqataa.
8 Come close to our Father, and he will come close to you. Cleanse your hands, sinners; purify your hearts, double-minded. Waaqatti dhiʼaadhaa; innis isinitti ni dhiʼaataa. Isin cubbamoonni harka keessan dhiqadhaa; warri yaada lama qabdanis garaa keessan qulqulleeffadhaa.
9 Grieve, mourn, and weep. Turn your laughter to mourning and your joy to gloom. Dhiphadhaa; gaddaa; booʼaas. Kolfi keessan booʼichatti, gammachuun keessan immoo gaddatti haa geeddaramu.
10 Humble yourselves before our Father, and he will lift you up. Fuula Gooftaa duratti gad of qabaa; inni immoo ol isin qabaa.
11 Don't speak against each other, brothers and sisters. Whoever speaks against a brother, or judges him, speaks against the law and judges it. But if you judge the law, you're not keeping it—you're judging it. Yaa obboloota, wal hin hammeessinaa. Namni obboleessa isaa hammeessu yookaan obboleessa isaatti muru kam iyyuu seera hammeessa; seerattis ni mura. Garuu ati yoo seeratti murte seera sanatti muraa jirta malee isaaf ajajamaa hin jirtu.
12 Only one gives the law and judges—able to save or destroy. Who are you to judge your neighbor? Inni seera tumuu fi Abbaan Murtii tokkichuma; innis isa fayyisuu fi balleessuu dandaʼuu dha. Garuu nama kaanitti muruuf ati eenyu?
13 Come now, you who say, "Today or tomorrow we will go to this or that city, spend a year, trade, and profit." Egaa isin warri, “Harʼa yookaan bor magaalaa kana yookaan magaalaa sana dhaqnee waggaa tokko achi turra; daldallees buʼaa arganna” jettan mee dhagaʼaa.
14 You don't know what tomorrow brings. What is your life? For you're a mist, visible briefly, then gone. Isin waan bor taʼuuf jiru iyyuu hin beektan. Jireenyi keessan maal innii? Isin hurrii yeroo xinnoof mulʼattee ergasii immoo badduu dha.
15 Instead you ought to say, "If our Father wills, we will live and do this or that." Qooda kanaa isin, “Yoo Gooftaan jedhe, nu ni jiraanna; waan kana yookaan waan sana ni hojjenna” jechuu qabdu.
16 As it is, you boast in your arrogance. All such boasting is evil. Amma garuu isin of jajuu keessanitti gammaddu. Gammachuun akkasii hundi hamaa dha.
17 So whoever knows the good to do and fails to do it, sin is theirs. Egaa namni kam iyyuu waan gaarii hojjechuu qabu utuma beekuu yoo hojjechuu baate kun cubbuu isatti taʼa.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]