Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

James 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 My brothers and sisters, not many of you should become teachers, since we teachers face stricter judgment. Yaa obboloota ko, baayʼeen keessan barsiistota hin taʼinaa; nu warra barsiisnutti murtii cimaan akka muramu ni beektuutii.
2 For we all stumble in many ways. Anyone who never stumbles in speech is a mature man, able to control his whole body too. Nu hundinuu karaa baayʼeedhaan gufanna. Namni waan dubbatu keessatti hin gufanne kam iyyuu nama hirʼina hin qabnee dha; dhagna isaas guutummaatti toʼachuu dandaʼa.
3 If we put bits in horses' mouths to make them obey us, we guide their whole bodies too. Fardi akka nuuf ajajamuuf yoo afaan isaa luugamne dhagna isaa guutuu gara barbaanne geessuu dandeenya.
4 Consider ships too: though large and driven by strong winds, a tiny rudder steers them wherever the pilot wants. Mee doonii illee ilaalaa! Dooniin yoo akka malee guddaa taʼee bubbee jabaadhaan oofame illee namichi isa oofu batoo xinnoo isheetiin gara barbaadetti geessa.
5 So too the tongue is a small body part, yet boasts great things. See how small a fire sets ablaze a great forest! Akkasuma immoo arrabni kutaa dhagnaa xinnoo dha; waan gurguddaadhaan of jaja. Bosonni hammam guddaa taʼu iyyuu qaanqee ibiddaa xinnaadhaan akka gubatu hubadhaa.
6 The tongue is a fire, a world of wickedness placed among our body's parts. It stains the whole body, sets the whole course of life ablaze, and is itself set ablaze by hell. Arrabni ibidda; kutaawwan dhagnaa keessattis addunyaa hamminaa ti. Inni dhagna guutuu xureessa; adeemsa uumamaattis ibidda qabsiisa; ofii isaatii immoo ibidda gahaannamiitiin gubama.
7 Every kind of beast, bird, reptile, and sea creature is tamed, and has been tamed, by humankind, Bineensonni gosa hundaa, simbirroonni, uumamawwan lafa irra looʼanii fi galaana keessa jiraatan hundinuu namaan madaqfamu; madaqfamaniirus;
8 but no human being can tame the tongue. It is a restless evil, full of deadly poison. arraba garuu namni tokko iyyuu leenjisuu hin dandaʼu. Arrabni hamaa boqonnaa hin qabnee dha; summii nama ajjeesuunis kan guutamee dha.
9 With it we bless our Father; with it we curse people made in the likeness of our Father. Nu arrabaan Gooftaa fi Abbaa eebbifna; isumaan immoo nama bifa Waaqaatiin uumame abaarra.
10 From the same mouth come blessing and cursing. My brothers and sisters, this should not be. Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi baʼa. Yaa obboloota ko, wanni kun akkas taʼuu hin qabu.
11 Does a spring pour out both fresh and bitter water from the same opening? Bishaan miʼaawaa fi hadhaaʼaan burqaa tokko keessaa ni baʼaa?
12 Brothers and sisters, can a fig tree bear olives, or a vine figs? Neither can a salt spring yield fresh water. Yaa obboloota ko, mukni harbuu ija ejersaa naqachuu yookaan wayiniin ija harbuu naqachuu dandaʼaa? Akkasuma immoo burqaan bishaan soogiddaa bishaan miʼaawaa kennuu hin dandaʼu.
13 Who is wise and understanding among you? Let him show his deeds through good conduct, in wisdom's humility. Isin keessaa ogeessii fi hubataan eenyu? Kanas inni jireenya isaa gaariidhaan, hojii ogummaa kan gad of qabuudhaan hojjetamuun haa argisiisu.
14 But if bitter envy and selfish ambition fill your heart, don't boast or lie against the truth. Isin garuu yoo hinaaffaa hadhaaʼaa fi hawwii ofittummaa garaa keessan keessaa qabaattan of hin jajinaa; dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa.
15 This is not the wisdom that comes down from above, but is earthly, unspiritual, demonic. Ogummaan kun kan lafaa ti; kan foonii ti; kan hafuura hamaati malee kan samii irraa dhufu miti.
16 For where there is jealousy and selfish ambition, there will be disorder and every vile practice. Iddoo hinaaffaa fi hawwiin ofittummaa jiru, jeequmsaa fi hojii hamminaa hundumatu jira.
17 Wisdom from above: pure first, then peace-loving, gentle, reasonable, full of mercy and good fruit, unbiased, sincere. Ogummaan samii irraa dhufu garuu duraan dursee qulqulluu dha; akkasumas nagaa qabeessa; garraamii dha; ajajamaa dha; kan araaraa fi ija gaariin guutamee dha; wal caalchisuu fi itti fakkeessuus of keessaa hin qabu.
18 And the harvest of righteousness is sown in peace by those who make peace. Iji qajeelummaa warra nagaa buusaniin nagaadhaan facaafama.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]