Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Isaiah 17 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Raajii Damaasqoodhaan mormu

1Raajii Damaasqoodhaan mormu:“Kunoo, Damaasqoon tuullaa diigamte taati maleesiʼachi magaalaa hin taatu.

2Magaalaawwan Aroʼeer ni onu;bushaayeen achi ciciisu;wanni isaan sodaachisu tokko iyyuu hin jiru.

3Magaalaan jabeeffamtee ijaaramte Efreem keessaa,humni mootummaas Damaasqoo keessaa ni bada;hambaan Sooriyaa akka ulfina Israaʼelootaa taʼa”jedha Waaqayyoon Waan Hunda Dandaʼu.

4“Bara sana keessa ulfinni Yaaqoob gad deebiʼa;furdinni dhagna isaas ni huqqata.

5Akkuma namni midhaan haamu tokko,midhaan dhaabbatu walitti qabee irree isaatiin haamu sanakunis akkuma yeroo namni tokkoSulula Refaayim keessaa qarmii funaanuu ni taʼa.

6Taʼus akkuma yeroo mukni ejersaa dhaʼamuutti,qarmii guuruun amma iyyuu jira;fiixee ol aanu irratti gumaa lama yookaan sadiitu hafa;damee gad aanu irratti gumaa afur yookaan shantu hafa”jedha Waaqayyo, Waaqni Israaʼel.

7Gaafas namoonni gara Uumaa isaanii ilaalu;ija isaaniis gara Qulqullicha Israaʼel deebifatu.

8Isaan gara iddoo aarsaa,gara hojii harka isaanii hin ilaalan;isaan galma waaqeffannaa Aasheeraa,iddoo aarsaa ixaanaa kan quba isaaniitiin tolchanis wayittuu hin lakkaaʼan.

9Gaafas magaalaawwan jajjaboon isaan sababii Israaʼelootaatiif keessaa baʼan sun akkuma lafa bosona keessaa kan namni dhiisee deemee taʼu. Hundi ni onu.

10Ati Fayyisaa kee, Waaqa irraanfatteerta;ati kattaa, daʼoo kee hin yaadanne.Kanaafuu yoo biqiltuu akka malee gaarii dhaabbatteemuka wayinii kan alaa dhufe biqilfatte iyyuu,

11yoo guyyuma dhaabde sana akka inni biqilu goote iyyuuganama yeroo dhaabdetti akka inni daraaru goota;garuu guyyaa dhukkubaa fi dhibee hin fayyineettiwayinichi homaa hin fayyadu.

12Saboota baayʼee kanneen aaraniif wayyoo!Isaan akkuma galaana aaruutti aaru!Saboota wacaniif wayyoo!Isaan akkuma bishaan guddaan huursutti huursu.

13Saboonni akkuma huursaa bishaan cabsee deemuuyoo huurse iyyuu yommuu inni isaanitti dheekkamu isaan baqatanii badu;akkuma habaqiin tulluu irraa fuula bubbee dura ariʼamu,akkuma awwaarri fuula bubbee hamaa duraa bittinnaaʼu isaan ni bittinnaaʼu.

14Galgala sodaan akkuma tasaa isaan qabatti!Isaan utuu lafti hin bariʼin ni dhabamu!Kun qooda warra nu boojiʼee,hiree warra nu saamee ti.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]