Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ezra 1 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Labsii Qiiros

1Waaqayyo akka dubbiin Waaqayyoo kan afaan Ermiyaasiin dubbatame sun raawwatamuuf jedhee bara Qiiros mooticha Faares keessa waggaa jalqabaatti akka inni mootummaa isaa hunda keessa labsii tokko dabarsuu fi akka labsiin sunis barreeffamuuf hafuura Qiiros mooticha Faares ni kakaase; labsiin sunis akkana jedha:

2“Qiiros mootichi Faares akkana jedha: “ ‘Waaqayyo Waaqni samii mootummoota lafa irraa hunda naaf kenneera; akka ani Yihuudaa keessatti Yerusaalemitti mana qulqullummaa isaaf ijaaruufis na muudeera.

3Saba isaa keessaa nama gidduu keessanitti argamu kam iyyuu Waaqni isaa isa wajjin haa taʼu; innis gara Yerusaalem ishee Yihuudaa keessaa sanaa ol baʼee mana qulqullummaa Waaqayyo Waaqa Israaʼel, Waaqa Yerusaalem keessa jiraatu sanaa haa ijaaru. 4Warra hafanii iddoo kam iyyuu jiraatan hundaaf sabni biyya isaan keessa jiraatan sanaa kennaa fedhiidhaan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalem keessa jiru sanaaf kennuu irratti dabalee meetii fi warqee, miʼaa fi horii gumaachuudhaan isa haa gargaaran.’ ”

5Ergasii hangafoonni maatii Yihuudaa fi Beniyaam, luboonnii fi Lewwonni jechuunis namoonni Waaqni garaa isaanii kakaase hundi dhaqanii mana Waaqayyoo kan Yerusaalem keessaa sana ijaaruuf qophaaʼan. 6Olloonni isaanii hundinuus kennaa fedhiidhaan kennan irratti dabalanii miʼa meetii fi warqee, qodaa fi horii akkasumas kennaawwan gatii guddaa baasan gumaachuudhaan isaan gargaaran.

7Kana malees Qiiros Mootichi miʼoota mana qulqullummaa Waaqayyoo kanneen Nebukadnezar Yerusaalemii guurratee mana Waaqa isaa keessa kaaʼatee ture sana gad ni baase. 8Qiiros mootichi Faares akka Mitredaat itti gaafatamaan qabeenyaa sun miʼa sana fidee Sheeshbazaar bulchaa Yihuudaatiif lakkaaʼu godhe.

9Miʼoonni sunis: saanii warqee 30, saanii meetii 1,000, distii meetii 29,

10waciitii warqee 30, waciitii meetii kan qadaada qabu 410, miʼa gosa biraa 1,000.

11Walumaa galatti miʼa warqeetii fi kan meetii 5,400 ture. Sheeshbazaaris miʼoota kanneen hunda yeroo boojiʼamtoota Baabilonii baasee Yerusaalemitti geessetti guuree deeme.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]