Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Ezekiel 15 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Yerusaalem Wayinii Faayidaa Hin qabne

1Ergasii dubbiin Waaqayyoo akkana jedhee gara koo dhufe: 2“Yaa ilma namaa, mukni wayinii akkamitti damee muka bosona keessa jiru kamii iyyuu caala? 3Waan faayidaa qabu tolfachuuf muka wayinii sana irraa takkumaa mukni fudhatamee beekaa? Waa isatti fannifachuuf namoonni isa irratti fannoo ni hojjetuu? 4Inni erga akkuma qoraan ibiddatti naqamee ibiddi sun fiixee isaa lamaan gubee gidduu xaphi godhee booddee waan tokkoof iyyuu faayidaa qabaa? 5Inni utuu hin tuqamin faayidaa yoo hin qabaatin, erga ibiddaan gubamee xaphi jedhee immoo hammam faayidaa gad aanaa haa qabaatuu ree?

6“Kanaafuu Waaqayyo Gooftaan akkana jedha: Ani akkuma muka wayinii mukkeen bosonaa gidduu jiru akka inni bobaʼuuf ibiddatti naqe sana, uummata Yerusaalem keessa jiraatu illee akkasuma nan godha. 7Ani hamminaan fuula koo isaanitti nan deebisa. Isaan ibidda keessaa baʼan iyyuu, ibiddi amma iyyuu isaan ni balleessa. Yeroo ani hamminaan fuula koo isaanitti deebifadhutti, isin akka ani Waaqayyo taʼe ni beektu. 8Sababii isaan amanamuu didaniif ani biyyattii nan onsa, jedha Waaqayyo Gooftaan.”

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]