Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Exodus 11 ONOCV

Side by side with the Father's Heart Bible™

Dhaʼicha Hangafa Irra Gaʼe

1Waaqayyo Museedhaan akkana jedhe; “Ani amma illee dhaʼicha tokko Faraʼoonii fi Gibxitti nan fida. Ergasii inni asii isin baasa; yeroo asii isin baasutti immoo inni guutumaan guutuutti isin ariʼa. 2Akka tokkoon tokkoon dhiiraatii fi tokkoon tokkoon dubartii ollaa isaanii irraa miʼa meetiitii fi miʼa warqee ergifatan saba kanatti himi.” 3Waaqayyo akka sabni Israaʼel fuula warra Gibxi duratti surraa argatan godhe; kana malees Museen biyya Gibxi keessatti, fuula qondaaltota Faraʼooniitii fi fuula saba Gibxi duratti akka malee ulfina qabeessa ture.

4Museen akkana jedhe; “Waaqayyo akkana jedha; ‘Ani gara halkan walakkaatti Gibxi hunda keessa nan darba. 5Ilma Faraʼoon namicha teessoo irra taaʼu sanaa hangafaa jalqabee hamma ilma xomboree ishee midhaan daaktu sanaa hangafaatti ilmi hangafni biyya Gibxi keessaa hundi ni duʼa; akkasumas hangafni horii hundi ni duʼa. 6Biyya Gibxi guutuu keessattis wawwaachuu guddaan takkumaa dhagaʼamee hin beekin yookaan deebiʼees hin dhagaʼamne tokko ni dhufa. 7Garuu saba Israaʼel keessaa nama tokkotti iyyuu yookaan horii tokkotti iyyuu sareen tokko iyyuu hin duttu.’ Isinis waan kanaan akka Waaqayyo Gibxii fi Israaʼel gidduutti garaa garummaa fidu ni beektu. 8Qondaaltonni kee kunneen hundinuu gara koo dhufanii naa sagadan; ‘Atis, namoonni si duukaa buʼan hundinuus deemaa!’ jedhu; anis ergasii nan deema.” Museenis akka malee aaree Faraʼoon biraa baʼe.

9Waaqayyo Museedhaan, “Akka dinqiin koo biyya Gibxitti baayʼatuuf Faraʼoon isin dhagaʼuu dida” jedhe. 10Musee fi Aroonis dinqiiwwan kanneen hunda fuula Faraʼoon duratti hojjetan; Waaqayyo garuu Faraʼoonin mata jabeessa godhe; innis akka Israaʼeloonni biyya isaa keessaa hin baane dhowwe.

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]