Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Daniel 6 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Darius appointed 120 satraps over the kingdom, stationed throughout the whole kingdom, Daariyoos akka isaan guutummaa mootummaa isaa keessatti bulchitoota taʼaniif ilmaan moototaa 120 muuduu barbaade;
2 and three officials over them, one of them Daniel, so the satraps would answer to them and the king lose nothing. innis isaan irratti bulchitoota ol aantota sadii muude; isaan keessaas tokko Daaniʼel ture. Akka mooticha irra rakkinni hin geenyeefis ilmaan moototaa kunneen bulchitoota ol aantota sadan jalatti bulu.
3 Daniel outshone the administrators and satraps, because an extraordinary spirit was in him, and the king planned to set him over the whole kingdom. Mootichi sababii Daaniʼel ilmaan moototaatii fi bulchitoota ol aantota kaan caalaa dandeettii addaa qabuuf isa jaallatee guutummaa mootummaa irratti isa muuduu barbaade.
4 Administrators and satraps sought grounds to charge Daniel over the kingdom, but found none—no corruption—since he was faithful; no negligence or corruption was found in him. Sababii kanaaf bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa waan hojii mootummaa ilaaluun Daaniʼelin himachuuf karaa barbaadan; garuu akkas gochuu hin dandeenye. Daaniʼel amanamaa, of eeggataa fi nama mudaa hin qabne waan taʼeef isaan isa irratti dogoggora tokko iyyuu argachuu hin dandeenye.
5 Then these men said, "We'll find no charge against Daniel unless we find one in his God's law." Dhuma irrattis namoonni kunneen, “Yoo waan seera Waaqa isaatiin wal qabatu taʼe malee waan ittiin namicha Daaniʼel jedhamu kana himannu tokko iyyuu hin argannu” jedhan.
6 So the administrators and satraps went together to the king and said, "King Darius, live forever! Kanaafuu bulchitoonni ol aantonnii fi ilmaan moototaa tokkummaadhaan mooticha bira dhaqanii akkana jedhan; “Yaa Daariyoos mooticha, bara baraan jiraadhu!
7 All the kingdom's administrators, prefects, satraps, counselors, and governors agreed the king should issue a royal statute and firm decree: whoever petitions any god or man but you, king, for thirty days, will be thrown into the lions' den. Yaa mootii, akka namni hamma bultii soddomaatti si malee Waaqa yookaan nama kam iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu, akka mootichi labsii baasee ajajni isaas cimu bulchitoonni mootummaa, muudamoonni, ilmaan moototaa, gorsitoonnii fi qondaaltonni hundi walii galaniiru.
8 Now, king, issue the decree and sign it in writing, unalterable, under the law of the Medes and Persians, which cannot be revoked. Yaa mootii, labsii baasi, akka seera Meedee fi Faares kan hin geeddaramne sanaas mallatteessi.”
9 So King Darius signed the document and the ordinance." Kanaafuu Daariyoos mootichi labsii sana barreessee baase.
10 Learning the decree was signed, Daniel went home to his upstairs room, windows open toward Jerusalem, knelt three times daily, and prayed, giving thanks before his Father as always. Daaniʼelis yommuu akka labsiin sun baʼe beeketti kutaa mana isaa kan foddaan isaa gara Yerusaalemitti garagalutti ol baʼe. Innis akkuma yeroo kaan godhu guyyaatti yeroo sadii jilbeenfatee Waaqa isaa kadhate, galatas galcheef.
11 Then these men came together and found Daniel praying and pleading for mercy before his Father. Namoonni kunneen gareedhaan dhaqanii Daaniʼelii kadhatuu fi Waaqa isaa gargaarsa gaafatuu argatan.
12 They approached the king about the decree: "Did you not sign a decree that for thirty days, anyone petitioning any god or man except you, king, would be thrown into the lions' den?" The king answered, "The matter stands, by the law of the Medes and Persians, unchangeable." Kanaafuu isaan gara mootichaa dhaqanii, “Yaa mootii, ati akka namni guyyoota soddomman kana keessa si malee Waaqa yookaan nama tokko iyyuu kadhatu kam iyyuu boolla leencaatti darbatamu labsii hin baafnee?” jedhanii waaʼee labsii inni baase sanaa isa gaafatan. Mootichis, “Seerri sun seera akkuma seera Meedeetii fi Faares kan hin geeddaramnee dha” jedhee deebise.
13 They told the king, "Daniel, one of Judah's exiles, ignores you, king, and your signed decree—praying three times daily." Isaan mootichaan, “Yaa mootii, warra Yihuudaadhaa boojiʼaman keessaa Daaniʼel siifis seera ati baafteefis xiyyeeffannaa hin kennu. Inni ammas guyyaatti yeroo sadii Waaqa isaa kadhata” jedhan.
14 Hearing this, the king was deeply troubled, determined to save Daniel, and worked until sunset to rescue him. Mootichi yommuu waan kana dhagaʼetti akka malee gadde; Daaniʼelin baasuufis murteeffatee hamma biiftuun lixxutti waan dandaʼame hunda godhe.
15 Then these men gathered before the king and said, "Know, king: by law of the Medes and Persians, no decree or edict the king issues can be changed." Ergasii jarri gareedhaan mootichatti dhiʼaatanii, “Yaa mootii, akka seera Meedeetii fi Faares akka seerri mootiin tokko baase yookaan ajajni inni kenne geeddaramuu hin dandeenye beeki” jedhaniin.
16 Then the king gave the command, and they brought Daniel and threw him into the lions' den. The king said to Daniel, "May your God, whom you serve continually, rescue you." Kanaafuu mootichi ajaja kenne; isaanis Daaniʼelin fidanii boolla leencaatti darbatan. Mootichis Daaniʼeliin, “Waaqni kee kan ati yeroo hunda isa tajaajiltu si haa baraaru!” jedhe.
17 A stone was brought, placed over the den's mouth, and sealed by the king with his signet ring and his nobles' rings, so nothing about Daniel could change. Dhagaanis fidamee afaan boolla leencaa sanatti qadaadame; mootichis akka wanni Daaniʼel irratti murtaaʼe sun hin geeddaramne chaappaa mallattoo qubeelaa isaatii fi kan qubeelaa qondaaltota isaa irratti chaappesse.
18 Then the king went to his palace and fasted that night; no entertainment was brought before him, and sleep fled from him. Ergasiis mootichi gara masaraa mootummaa isaatti deebiʼee halkan guutuu utuu waa hin nyaatinii fi gammachuu hin argatin hirriba malee bule.
19 Then, at the first light of dawn, the king rose and hurried to the den of lions. Barii barraaqaanis mootichi kaʼee gara boolla leencaatti ariifate.
20 Nearing the den, he cried out to Daniel anxiously. The king said to Daniel, "Daniel, servant of the living God, has your God, whom you serve continually, been able to rescue you from the lions?" Innis yommuu boolla sanatti dhiʼaatetti sagalee guddaadhaan, “Yaa Daaniʼel tajaajilaa Waaqa jiraataa, Waaqni ati yeroo hunda isa tajaajiltu sun leencota irraa si baraaruu dandaʼeeraa?” jedhee Daaniʼelin waame.
21 Then Daniel said to the king, "King, may you live forever! Daaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Yaa mootii bara baraan jiraadhu!
22 My Father sent his angel and shut the lions' mouths. They haven't harmed me, because I was found innocent before him, and before you, king, I've done no wrong." Waaqni koo ergamaa isaa ergee afaan leencotaa cufe. Sababii ani fuula isaa duratti qulqulluu taʼee argameef isaan homaa na hin goone. Yaa Mootii ani fuula kee durattis yakka tokko illee hin hojjenneetii.”
23 The king was overjoyed and ordered Daniel lifted from the den. Daniel was lifted out with no injury at all, for he had trusted in his Father. Mootichis akka malee gammadee akka Daaniʼel boolla keessaa baafamu ajaje. Daaniʼelis waan Waaqa isaa amanatee tureef yommuu boollaa baʼetti madaan tokko iyyuu isa irratti hin argamne.
24 The king ordered the men who had falsely accused Daniel brought and thrown into the lions' den—with their children and wives. Before they reached the bottom, the lions overpowered them and crushed all their bones. Warri sobaan Daaniʼelin himatanis ajaja mootichaatiin niitotaa fi ijoollee isaanii wajjin fidamanii boolla leencaatti darbataman. Utuu isaan boolla sana keessa lafa hin gaʼin leenconni isaan cicciratanii lafee isaanii hunda caccabsan.
25 Then King Darius wrote to all peoples, nations, and languages living on earth: "May your peace overflow! Kana irratti Daariyoos Mootichi uummata, sabootaa fi namoota guutummaa biyyattii keessatti afaan garaa garaa dubbatan hundatti akkana jedhee barreesse: “Nagaan isiniif haa baayʼatu!
26 I decree: in all my kingdom, people must tremble and fear before Daniel's God—the living God, enduring forever. His kingdom will never be destroyed; his rule never ends. “Ani akka namni kutaa mootummaa kootii hunda keessatti Waaqa Daaniʼel sodaatuu fi akka ulfina isaaf kennu labsii kana baaseera. “Inni Waaqa jiraataa, kan bara baraan jiraatuu dha; mootummaan isaa hin badu; bulchiinsi isaas dhuma hin qabu.
27 He rescues and delivers; he works signs and wonders in the heavens and on the earth; he is the one who rescued Daniel from the power of the lions." Inni ni baraara; ni oolchas; samii keessaa fi lafa irratti mallattoowwanii fi dinqiiwwan hojjeta. Inni Daaniʼelin, afaan leencotaatii baaseera.”
28 So this Daniel thrived in the reign of Darius and of Cyrus the Persian. Kanaafuu bara Daariyoosii fi bara mootummaa Qiiros namicha Faares sanaa keessa Daaniʼelitti jireenyi ni tole.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]