Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Daniel 5 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 King Belshazzar held a great feast for 1,000 nobles, drinking wine in the presence of the 1,000. Beelshaazaar mootichi qondaaltota isaa kuma tokkoof dhangaa guddaa qopheessee fuula isaanii duratti daadhii wayinii dhuge.
2 While tasting the wine, Belshazzar ordered in the gold and silver vessels his father Nebuchadnezzar took from Jerusalem's temple, for the king, his nobles, wives, and concubines to drink from. Beelshaazaaris utuu daadhii wayinii dhugaa jiruu akka innii fi qondaaltonni isaa, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhuganiif akka isaan xoofoo warqeetii fi meetii kan abbaan isaa Nebukadnezar mana qulqullummaa Yerusaalemii fide sana fidan ajaje.
3 Then they brought the gold vessels taken from the temple, our Father's house in Jerusalem; the king, his nobles, wives, and concubines drank from them. Kanaafuu isaan xoofoo warqee kan mana qulqullummaa Waaqaa kan Yerusaalemii fudhataman sana fidan; mootichi, qondaaltonni, niitonnii fi saajjatoowwan isaa ittiin dhugan.
4 They drank the wine and praised the gods of gold, silver, bronze, iron, wood, and stone. Isaan utuma daadhii wayinii sana dhugaa jiranuu, waaqota warqeetii fi meetii, kan naasiitii fi sibiilaa, kan mukaatii fi dhagaa galateeffatan.
5 Just then a human hand's fingers appeared and wrote on the plaster of the king's palace wall opposite the lampstand, and the king watched the hand writing. Akkuma tasaa qubni harka namaa mulʼatee keenyan manaa kan masaraa mootii keessa baattuu ibsaa bira jiru irratti barreesse. Mootichis harka sana utuu inni barreessuu arge.
6 The king's face changed color, his thoughts terrified him, his hips gave way, and his knees knocked. Fuulli mootichaa ni geeddaramee; innis sodaadhaan guutamee jilbii isaa hollatee waldhaʼe; miilli isaas ni laafe.
7 The king shouted for the enchanters, astrologers, and fortune-tellers, telling Babylon's wise men, "Whoever reads this writing and tells me what it means will wear purple, a gold chain on his neck, and rule third in the kingdom." Mootichis sagalee isaa ol fuudhee akka mortoota, warra urjii ilaalanii fi ilaaltota ol isaaf galchan ajaje. Ogeeyyii Baabiloniinis akkana jedhe; “Nama katabbii kana dubbisee hiikkaa isaa natti himu kamitti iyyuu uffanni diimaan dhiilgeen uffifamee morma isaatti faayi warqee ni kaaʼamaaf; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼa.”
8 Then all the king's wise men came in, but none could read the writing or tell him its meaning. Ergasiis ogeeyyiin mootichaa hundi ol seenan; isaan keessaa garuu namni katabbii sana dubbisuu yookaan hiikkaa isaa mootichatti himuu dandaʼu tokko iyyuu hin argamne.
9 So King Belshazzar grew even more terrified, his face paler still, and his nobles were bewildered. Kana irratti Beelshaazaar mootichi kan duraa caalaa sodaatee fuulli isaa geeddarame; qondaaltonni isaas waan godhan wallaalan.
10 At the king's and his nobles' words, the queen entered the banquet hall, saying, "King, live forever! Don't let your thoughts terrify you or your face turn pale. Mootittiinis waca mootichaatii fi qondaaltota isaa dhageessee galma cidha sanaa ol seente. Isheenis akkana jette; “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Hin rifatin; fuulli kees hin geeddaramin!
11 A man in your kingdom has the spirit of the holy gods. In your father's days he showed insight, understanding, and wisdom like the gods' wisdom. King Nebuchadnezzar your father—your father the king—made him chief of magicians, enchanters, astrologers, and fortune-tellers, Mootummaa kee keessa namichi hafuurri waaqota qulqullootaa keessa jiru tokko jira. Namichi kun bara abbaa keetii keessa nama hubannaa, beekumsaa fi ogummaa akkuma waaqotaa qabu taʼee argame. Abbaan kee Nebukadnezar Mootichi, itti gaafatamaa tolchitootaa, mortootaa, kan warra urjii ilaalaniitii fi ilaaltotaa godhee isa muudee ture.
12 because extraordinary spirit, knowledge, and understanding—interpreting dreams, explaining riddles, untying knots—were found in this Daniel, whom the king named Belteshazzar. Now call Daniel; he will interpret." Daaniʼel namichi mootichi Beelxishaazaari jedhee waamu kun nama hafuurri gaariin, beekumsii fi hubannaan keessa jiru taʼee argame; innis abjuu, hibboo fi rakkoo hiikuuf dandeettii addaa qaba ture. Daaniʼelin waami; innis hiikkaa katabbii kanaa sitti himaatii.”
13 Daniel was brought before the king, who asked, "Are you Daniel, one of the Judean exiles my father the king brought from Judah? Kanaafuu Daaniʼel fuula mootichaa duratti dhiʼeeffame; mootichis akkana jedheen; “Warra abbaan koo mootichi boojiʼee Yihuudaadhaa fide keessaa kan Daaniʼel jedhamu siʼii?
14 I heard the spirit of the gods is in you—light, understanding, and rare wisdom found in you. Ani akka hafuurri waaqotaa si keessa jiruu fi akka ati hubannaa, beekumsaa fi ogummaa addaa qabdu dhagaʼeera.
15 The wise men and enchanters were brought before me to read this writing and tell me its meaning, but couldn't. Ogeeyyiinii fi mortoonni akka katabbii kana dubbisanii hiikkaa isaa natti himaniif fuula koo duratti fidamanii turan; isaan garuu ibsuu hin dandeenye.
16 I've heard you can interpret and untie knots. If you read this writing and tell me its meaning, you'll wear purple, a gold chain on your neck, and rule third in the kingdom." Ani akka ati hiikkaa kennitee rakkoofis fala kennuu dandeessu dhagaʼeera. Yoo ati katabbii kana dubbiftee hiikkaa isaa natti himuu dandeesse, uffata diimaa dhiilgeetu sitti uffifama; faayi warqees morma keetti siif kaaʼama; mootummaa koo keessattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taata.”
17 Daniel answered the king, "Keep your gifts; give your rewards to another. Still, I will read the king the writing and tell him its meaning. Kana irratti Daaniʼel deebisee mootichaan akkana jedhe; “Kennaan kee sumaaf haa hafu; badhaasni kee immoo nama biraatiif haa kennamu. Taʼu iyyuu ani katabbicha dubbisee hiikkaa isaa mootichatti nan hima.
18 Your Majesty, the Most High our Father gave your father Nebuchadnezzar the kingdom, greatness, glory, and majesty. “Yaa mootii, Waaqni Waan Hundaa Olii abbaa kee Nebukadnezariif surraa fi guddina, ulfinaa fi kabaja kenne.
19 Because of the greatness he gave him, all peoples, nations, and languages trembled and feared before him. He killed whom he wished, let live whom he wished, raised whom he wished, humbled whom he wished. Sababii ol aantummaa inni isaaf kenneef saboonnii fi mootummoonni hundi, namoonni afaan garaa garaa dubbatan ni hollataniif; isa sodaatanis. Mootichis warra ajjeesuu barbaade ni ajjeesa; warra oolchuu barbaade ni oolcha, kan muuduu barbaade ni muuda, kan salphisuu barbaades ni salphisa ture.
20 When his heart grew proud and his spirit hardened into arrogance, he was deposed from his royal throne and his glory taken away. Gaafa garaan isaa of tuulee mataa jabaatetti garuu inni teessoo isaa irraa kaafamee ulfinni isaas isa irraa fudhatame.
21 He was driven from people, his mind made like an animal's; he lived with wild donkeys, was fed grass like an ox, and the dew of heaven soaked him—until he knew the Most High our Father rules the kingdom of men and sets over it whomever he chooses. Inni uummata keessaa ariʼamee qalbiin horii kennameef; harroota diidaa wajjin jiraatee akka loonii marga nyaate; inni hamma akka Waaqni Waan Hundaa Olii mootummoota namootaa irratti bulchaa taʼee fi akka inni abbaa fedhe isaan irratti muudu beekutti dhagni isaa fixeensa samiitiin jiidhe.
22 But you, Belshazzar his son, have not humbled your heart, though you knew all this. “Yaa Beelshaazaar, ati ilmi isaa utuma waan kana hunda beektuu mataa kee gad hin qabanne.
23 Instead, you lifted yourself against heaven's Sovereign. You had his house's vessels brought before you, and you, your nobles, wives, and concubines drank wine from them. You praised gods of silver, gold, bronze, iron, wood, and stone—gods that cannot see, hear, or know anything. But the One holding your breath in his hand, who owns all your ways—our Father—you have not honored. Qooda kanaa ati Gooftaa samii irratti mataa ol qabatte. Ati xoofoowwan mana qulqullummaa isaatii fichisiiftee atii fi qondaaltonni kee, niitonnii fi saajjatoowwan kee isaan keessaa dhugdan. Ati waaqota meetii, warqee, naasii, sibiilaa, mukaatii fi kan dhagaa kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan hubachuu hin dandeenye jajatte. Waaqa lubbuu keetii fi karaa kee hunda harka isaatti qabatee jiru garuu hin ulfeessine.
24 Therefore he sent the hand that wrote this inscription. Kanaafuu inni harka katabbii sana barreesse erge.
25 This is the writing that was inscribed: MENE, MENE, TEKEL, PARSIN. “Katabbiin barreeffamee tures kana: Maanee, Maanee, Teeqeel, Faares.
26 This is what it means: MENE—our Father counted your kingdom's days and ended it. “Hiikkaan isaas kana: “Maanee jechuun Waaqni bara kee murteessee gara dhumaatti fide jechuu dha.
27 TEKEL—you have been weighed on the scales and found wanting. “Teeqeel jechuun ati madaalliidhaan madaalamtee salphattee argamte jechuu dha.
28 PERES—your kingdom has been divided and given to the Medes and Persians." “Faares jechuun mootummaan kee qoodamee namoota Meedeetii fi Faaresiitiif kenname jechuu dha.”
29 Then Belshazzar gave the order, and they clothed Daniel in purple, put a gold chain on his neck, and proclaimed him third ruler in the kingdom. Ergasii ajaja Beelshaazaariin Daaniʼelitti uffata diimaa dhiilgee uffisan; morma isaattis faaya warqee kaaʼaniif; mootummaa sana irrattis bulchaa ol aanaa sadaffaa taʼee muudame.
30 That very night Belshazzar, king of the Babylonians, was killed. Halkanuma sana Beelshaazaar mootiin Baabilonotaa ajjeefame;
31 And Darius the Mede received the kingdom, being about sixty-two years old. Daariyoos namichi Meedee umurii isaa jaatamii lammaffaatti mootummaa sana fudhate.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]