Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Daniel 3 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 King Nebuchadnezzar made a gold statue, about ninety feet tall and nine feet wide, and set it up on the Dura plain in Babylon province. Nebukadnezar Mootichi fakkii warqee kan dheerinni isaa dhundhuma jaatamaa fi balʼinni isaa dhundhuma jaʼaa hojjetee kutaa biyyaa Baabilon keessa dirree Duuraa jedhamu irra dhaabe.
2 King Nebuchadnezzar sent for the satraps, prefects, governors, counselors, treasurers, judges, magistrates, and all provincial officials to come to the dedication of the image he had set up. Ergasii mootichi akka isaan eebba fakkii inni dhaabe sanaa irratti argamaniif ilmaan mootota, muudamoota, bulchitoota gorsitoota, itti gaafatamtoota mankuusa qabeenyaa, abbootii murtii, hayyoota seeraatii fi qondaaltota biyya hundaa waame.
3 Then satraps, prefects, governors, counselors, treasurers, judges, magistrates, and all provincial officials gathered to dedicate the statue King Nebuchadnezzar set up, and stood before the statue Nebuchadnezzar set up. Kanaafuu eebba fakkii Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaa irratti argamuuf ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonni, gorsitoonni, itti gaafatamtoonni mankuusa qabeenyaa, abbootiin murtii hayyoonni seeraa biraatii fi qondaaltonni biyyaa hundi walitti qabamanii fuula fakkii sanaa dura dhadhaabatan.
4 Then the herald proclaimed loudly, "Peoples, nations, and languages—you are commanded: Kana irratti labsituun tokko akkana jedhee sagalee guddaadhaan labse; “Yaa namoota, sabootaa fi namoonni afaan garaa garaa dubbattan hundi, wanni isin akka gootan ajajamtan kanaa dha:
5 When you hear the horn, flute, lyre, harp, zither, bagpipe, and all music, fall down and worship the gold image King Nebuchadnezzar set up. Isin akkuma sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirbaa dhageessaniin addaan lafatti gombifamtanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabeef sagaduu qabdu.
6 Anyone who doesn't fall down and worship will immediately be thrown into a blazing fiery furnace." Namni addaan lafatti gombifamee hin sagadne kam iyyuu yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatama.”
7 As soon as all peoples heard the horn, flute, lyre, harp, zither, and every kind of music, all peoples, nations, and languages fell down and worshiped the golden image King Nebuchadnezzar had set up. Kanaafuu namoonni, saboonnii fi namoonni afaan garaa garaa dubbatan hundi yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa fi sirbaa hunda dhagaʼanitti addaan lafatti gombifamanii fakkii warqee kan Nebukadnezar Mootichi dhaabe sanaaf sagadan.
8 At that time certain astrologers came forward and maliciously accused the Jews. Yeroo kanatti Kaldoonni tokko tokko gara fuula duraatti dhufanii dabaan Yihuudoota himatan.
9 They said to King Nebuchadnezzar, "King, may you live forever! Isaanis Nebukadnezar Mootichaan akkana jedhan; “Yaa mootii, ati bara baraan jiraadhu!
10 You, king, decreed: whoever hears the horn, flute, lyre, harp, zither, bagpipe, and any music must fall down and worship the gold image, Yaa mootii, ati akka namni kam iyyuu yommuu sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa kan faaggaatii fi kan sirbaa dhagaʼu kam iyyuu addaan lafatti gombifamee fakkii warqee sanaaf sagaduu qabu seera baafteerta;
11 and whoever does not fall down and worship will be thrown into a blazing fiery furnace. akka namni lafatti gombifamee sagaduu didu kam iyyuus boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamu seera baafteerta.
12 Some Jews you put in charge of Babylon province—Shadrach, Meshach, and Abednego—disregard you, king. They won't serve your gods or worship the gold statue you set up." Garuu yaa Mooticha, Yihuudoonni ati dhimma biyya Baabilon irratti muudde tokko tokko ajaja kee didaniiru; isaanis Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo dha. Isaan waaqota kee hin tajaajilan yookaan fakkii warqee ati dhaabdeef hin sagadan.”
13 Furious, Nebuchadnezzar ordered Shadrach, Meshach, and Abednego brought; they were brought before the king. Nebukadnezaris akka malee aaree Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo waamsise. Kanaafuu namoonni kunneen mooticha duratti dhiʼeeffaman;
14 Nebuchadnezzar said, "Shadrach, Meshach, Abednego, is it true you don't serve my gods or worship the gold statue I set up? Nebukadnezaris akkana isaaniin jedhe; “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, isin dhugumaan waaqota koo hin tajaajiltanii? Yookaan fakkii warqee ani dhaabeef hin sagaddanii?
15 Now if you're ready—when horn, flute, lyre, harp, zither, bagpipe, and every kind of music sound, fall down and worship the image I made—good. But if you don't worship, you'll be thrown at once into a blazing fiery furnace. What god can rescue you from my hands?" Amma isin yeroo sagalee gaanfaa, ulullee, masiinqoo, kiraaraa, baganaa, kan faaggaatii fi sirba kam iyyuu dhageessanitti kuftanii fakkii ani dhaabeef yoo sagaddan gaarii dha. Garuu yoo isin sagaduu baattan, yoosuma boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamtu. Egaa waaqa kamitu harka kootii isin baasuu dandaʼa?”
16 Shadrach, Meshach, and Abednego answered the king, "Nebuchadnezzar, we don't need to answer you about this. Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon deebisanii mootichaan akkana jedhan; “Yaa Nebukadnezar, nu fuula kee duratti waan kana falmachuu hin barbaannu.
17 If our Father, whom we serve, can rescue us, he will rescue us from the blazing furnace and from your hand, king. Yaa Mootii, nu yoo boolla ibiddi keessaa balaliʼutti darbatamne, Waaqni nu isa tajaajillu sun nu oolchuu dandaʼa; harka keetii illee nu baasuu dandaʼa.
18 But if not, know this, king: we won't serve your gods or worship the gold statue you set up." Yaa Mootii, yoo inni nu baasuu baate iyyuu nu waaqota kee akka hin tajaajille yookaan fakkii warqee ati dhaabde sanaaf akka hin sagadne akka beektu barbaanna.”
19 Then Nebuchadnezzar, furious, his expression changed toward Shadrach, Meshach, and Abednego; he ordered the furnace heated seven times hotter than normal. Kana irratti Nebukadnezar akka malee aaree fuulli isaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagootti geeddarame. Akka ibiddi boollaa sunis hamma durii caalaa harka torba hoʼee finiinu ajaje;
20 He ordered some of his strongest soldiers to bind Shadrach, Meshach, and Abednego and throw them into the blazing furnace. akka isaan Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo hidhanii boolla ibiddi keessaa bobaʼu sanatti darbataniif loltoota isaa keessaa jajjaboo tokko tokko ajaje.
21 So these men, tied up in cloaks, trousers, turbans, and other garments, were thrown into the blazing fiery furnace. Kanaafuu namoonni kunneen akkuma wandaboo isaanii, fiddoo isaanii, marata isaanii kan mataatii fi uffata biraas uffatanitti hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sanatti darbataman.
22 Because of the king's harsh order and furnace's extreme heat, the fire's flame killed the men who lifted up Shadrach, Meshach, and Abednego. Ajajni mootichaa akka malee ariifachiisaa ture; sababii ibiddi boollaa sun akka malee bobaʼaa tureef arrabni ibidda sanaa loltoota Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo geessan sana fixe;
23 These three men—Shadrach, Meshach, and Abednego—fell bound into the blazing furnace. namoonni sadan kunneenis jabeeffamanii hidhamanii boolla ibiddi keessaa balaliʼu sana keessatti kufan.
24 Then King Nebuchadnezzar, astonished, rose in haste. He asked his advisers, "Didn't we throw three bound men into the fire?" They answered the king, "True, king." Nebukadnezar Mootichi dinqisiifachuudhaan utaalee kaʼee, “Namoonni nu hiinee ibiddatti darbanne sadii hin turree?” jedhee gorsitoota isaa gaafate. Isaanis, “Yaa Mootii, kun dhuguma” jedhanii deebisan.
25 He said, "Look—I see four men, unbound, walking in the middle of the fire, unharmed; the fourth looks like a son of the gods." Innis, “Ilaa! Ani namoota ibidda keessa deddeebiʼan afur nan arga; isaanis hin hidhamne; hin miidhamnes; inni afuraffaan immoo ilma waaqotaa fakkaata” jedheen.
26 Nebuchadnezzar went to the blazing furnace's door and said, "Shadrach, Meshach, and Abednego, servants of the Most High God, come out here!" Shadrach, Meshach, and Abednego came out of the fire. Nebukadnezaris gara afaan boolla ibiddi keessaa bobaʼutti dhiʼaatee sagalee guddaadhaan, “Yaa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo, tajaajiltoota Waaqa Waan Hundaa Olii, kottaa baʼaa! As kottaa” jedhe. Akkasiin Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoon ibidda keessaa baʼan;
27 The satraps, prefects, governors, and king's counselors gathered and saw fire had no power over these men's bodies—hair not singed, robes unharmed, no smell of fire on them. ilmaan moototaa, muudamoonni, bulchitoonnii fi gorsitoonni mootii naannoo isaaniitti walitti qabaman. Isaanis akka ibiddi sun dhagna jaraa hin miidhin yookaan akka rifeensa mataa isaanii keessaa tokko iyyuu hin gubatin ni argan; wandaboon isaanii iyyuu homaa hin taane; fooliin ibiddaas isaan irra hin turre.
28 Nebuchadnezzar said, "Blessed be the God of Shadrach, Meshach, and Abednego! He sent his angel and rescued his trusting servants. They defied the king's command and were willing to die rather than serve or worship any god but their own God. Kana irratti Nebukadnezar akkana jedhe; “Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo isa ergamaa isaa ergee tajaajiltoota isaa baraareef galanni haa taʼu! Isaan isa amanatanii ajaja mootii didanii akka Waaqa isaanii malee waaqota biraa hin tajaajille yookaan hin waaqeffanne lubbuu isaanii dabarsanii kennaniiru.
29 I decree: any people, nation, or language that speaks anything against the God of Shadrach, Meshach, and Abednego will be cut to pieces, their houses turned to rubble—since no other god can rescue like this." Kanaafuu Waaqni akkasitti nama oolchu kan biraa Waaqa hin jirreef, ani akka uummanni saba kamii iyyuu yookaan afaan kamii iyyuu yoo Waaqa Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo irratti waan hamaa dubbate kukkutamu, akka manni isaas tuullaa waan diigamee taʼu labseera.”
30 Then the king promoted Shadrach, Meshach, and Abednego in the province of Babylon. Ergasii mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo kutaa biyyaa Baabilon irratti muude.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]