1In the second year of his reign, Nebuchadnezzar had dreams; his spirit was troubled and his sleep left him.ONOCVNebukadnezar bara mootummaa isaa keessa, waggaa lammaffaatti abjuu abjoote; hafuurri isaa jeeqamee hirribas rafuu dadhabe.
2So the king ordered the magicians, enchanters, sorcerers, and astrologers summoned to tell him his dreams. They came and stood before the king.ONOCVKanaafuu mootichi akka isaan abjuu inni abjoote sana itti himaniif tolchitoota, mortoota, falfaltootaa fi warra urjii ilaalan waamsise; isaanis ol galanii fuula isaa dura dhadhaabatan;
3The king said to them, "I dreamed a dream, and my spirit is troubled to know the dream."ONOCVmootichis, “Ani abjuu na dhiphise tokko nan abjoodhe; hiikkaa abjuu sanaa maal akka taʼe beekuu nan barbaada” jedheen.
4Then the astrologers said to the king in Aramaic, "King, live forever! Tell your servants the dream, and we will reveal its interpretation."ONOCVKana irratti warri urjii ilaalan sun afaan Araamaayikiitiin mootichaan, “Yaa mootii, bara baraan jiraadhu! Abjuu kee tajaajiltoota keetti himi; nu siif hiiknaa” jedhanii mootichaaf deebisan.
5The king answered the astrologers, "My decree is firm: if you don't tell me the dream and its meaning, you'll be cut to pieces and your houses reduced to rubble.ONOCVMootichis warra urjii ilaalan sanaan akkana jedhe; “Ani waan kana murteesseera: Yoo isin abjuu koo fi hiikkaa isaa natti himuu baattan ani isinan kukkuta; manneen keessanis tuulaa waan diigamee taʼu.
6But if you tell the dream and its meaning, you'll receive gifts, rewards, and great honor from me. So tell me the dream and its meaning."ONOCVGaruu yoo abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himtan isin kennaa, badhaasaa fi ulfina guddaa narraa argattu. Kanaafuu abjuu sanaa fi hiikkaa isaa natti himaa.”
7They answered a second time, "Let the king tell his servants the dream, and we will give its meaning."ONOCVIsaan amma illee deebisanii, “Mootichi abjuu isaa tajaajiltoota isaatti haa himu; nu ni hiiknaaf” jedhan.
8The king replied, "I know for certain you're trying to buy time, because you see my decree is firm:ONOCVKana irratti mootichi akkana jedhee deebiseef; “Ani akka isin sababii waan ani cimsee murteesse beektaniif, akka isin yeroo dheeressuu yaalaa jirtan hubadheera:
9If you don't tell me the dream, there is only one verdict for you. You have agreed to speak lying, corrupt words before me until the times change. So tell me the dream, then I'll know you can reveal its interpretation."ONOCVYoo isin abjuu sana natti himuu baattan, adabbii tokkotu isin eeggata. Isin waan haalli geeddaramu seetanii dubbii dogoggorsaa fi hamaa natti himuu mariʼattaniirtu. Kanaafuu abjuu sana natti himaa; anis akka isin hiikkaa isaa natti himuu dandeessan kanaan nan beekaa.”
10The astrologers answered the king, "No one on earth can do what the king asks. No great, powerful king ever demanded such a thing of any magician, enchanter, or Chaldean.ONOCVWarri urjii ilaalan sunis akkana jedhanii mootichaaf deebise; “Namni waan mootichi gaafate kana hojjechuu dandaʼu tokko iyyuu lafa irratti hin argamu! Mootiin kam iyyuu hammuma fedhee guddaa fi jabaa taʼu illee tolchituu, moortuu yookaan warra urjii ilaalu kam iyyuu gaaffii akkanaa gaafatee hin beeku.
11The king's request is too hard; only the gods, who don't live among mortals, can reveal it to the king."ONOCVWanni mootichi gaafate akka malee rakkisaa dha. Waaqota malee namni tokko iyyuu waan kana mootichaaf ibsuu hin dandaʼu; isaan immoo namoota gidduu hin jiraatan.”
12At this the king grew angry and furious, and ordered all Babylon's wise men destroyed.ONOCVWanni kunis mooticha akka malee aarse; isa dallansiisees akka inni ogeeyyii Baabilon hundatti murtii duʼaa muru godhe.
13So the decree went out to kill the wise men, and they searched for Daniel and his companions to put them to death.ONOCVKanaafuu akka namoonni ogeeyyiin hundi ajjeefaman labsiin baʼe; namoonnis akka Daaniʼelii fi michoota isaa barbaadanii ajjeesaniif ergaman.
14Then Daniel answered Arioch, the king's guard commander, with wisdom and discretion; Arioch had gone out to kill Babylon's wise men.ONOCVYommuu Ariyook itti gaafatamaan eegumsa mootichaa namoota Baabilon ogeeyyii ajjeesuuf baʼetti, Daaniʼel ogummaa fi malaan isa haasofsiise.
15He asked Arioch, the king's officer, "Why such a harsh decree from the king?" Then Arioch explained it to Daniel.ONOCVInnis qondaala mootichaatiin, “Mootichi maaliif labsii cimaa akkasii baase?” jedhee gaafate. Ariyookis waan sana Daaniʼelitti hime.
16So Daniel went in and asked the king for time, so that he might reveal the interpretation to the king.ONOCVKana irratti Daaniʼel ol seenee akka abjuu sana isaaf hiikuuf akka mootichi yeroo isaa kennu gaafate.
17Then Daniel went home and told his companions Hananiah, Mishael, and Azariah about the matter,ONOCVErgasii Daaniʼel gara mana isaatti deebiʼee waan sana michoota isaa Hanaaniyaatti, Miisaaʼelii fi Azariyaatti hime.
18urging them to plead for mercy from our Father in heaven about this mystery, so Daniel and his companions wouldn't be destroyed with Babylon's other wise men.ONOCVKanaafuu akka innii fi michoonni isaa ogeeyyiin Baabilon kaan hin ajjeefamneef akka isaan waaʼee icciitii kanaa Waaqa samii araara kadhatan isaan akeekkachiise.
19Then the mystery was revealed to Daniel in a night vision, and Daniel blessed our Father in heaven.ONOCVHalkan sanas icciitiin sun mulʼataan Daaniʼelitti mulʼifame. Ergasiis Daaniʼel Waaqa samii galateeffatee
20Daniel said: "Blessed be the name of our Father forever and ever, for wisdom and might belong to him.ONOCVakkana jedhe: “Maqaan Waaqaa bara baraa hamma bara baraatti haa eebbifamu; ogummaanii fi humni kan isaa ti.
21He changes times and seasons; he removes kings and sets up kings; he gives wisdom to the wise and knowledge to those who have understanding.ONOCVInni barootaa fi waqtiilee ni geeddara; mootota teessoo irra ni teessisa; irraa buusas. Inni ogeeyyiif ogummaa, beektotaafis hubannaa ni kenna.
22He reveals deep and hidden things; he knows what lies in darkness, and the light dwells with him.ONOCVInni waan gad fagoo fi waan dhokfame ni mulʼisa; waan dukkana keessa jiru ni beeka; ifnis isa wajjin jiraata.
23To you, the God of my fathers, I give thanks and praise, for you have given me wisdom and might, and now you have made known to me what we asked of you; you have made known to us the king's matter."ONOCVYaa Waaqa abbootii ko, ani sin galateeffadha; sin jajadhas: Ati ogummaa fi humna naa kenniteerta; waan nu si kadhanne na beeksifteerta; ati abjuu mootichaa nu beeksifteerta.”
24So Daniel went to Arioch, whom the king had appointed to destroy Babylon's wise men, and said, "Don't destroy Babylon's wise men. Take me to the king, and I will give him the interpretation."ONOCVDaaniʼelis Ariyook isa mootichi akka inni ogeeyyii Baabilon ajjeesuuf ajaje sana bira deemee, “Ati ogeeyyii Baabilon hin ajjeesin. Mooticha biratti na geessi; ani abjuu isaa nan hiikaaf” jedheen.
25Then Arioch quickly brought Daniel before the king and said, "Among the exiles of Judah I found a man who can tell the king the interpretation."ONOCVAriyookis Daaniʼelin mooticha bira geessee, “Ani boojiʼamtoota Yihuudaa keessaa nama hiikkaa abjuu mootichaa himuu dandaʼu tokko argeera” jedheen.
26The king asked Daniel, called Belteshazzar, "Can you tell me the dream I saw and what it means?"ONOCVMootichis Daaniʼel isa Beelxishaazaar jedhame sanaan, “Ati abjuu ani argee fi hiikkaa isaa natti himuu dandeessaa?” jedhe.
27Daniel answered the king, "No wise men, enchanters, magicians, or astrologers can reveal the mystery the king asks about.ONOCVDaaniʼelis deebisee akkana jedhe; “Namni ogeessi kam iyyuu, mortuun, tolchituun yookaan ilaaltuun icciitii waan mootichi gaafate sanaa ibsuu dandaʼu tokko iyyuu hin jiru;
28But our Father in heaven reveals mysteries, and has made known to King Nebuchadnezzar what will happen in the latter days. Your dream and the visions in your mind as you lay on your bed were these:ONOCVgaruu Waaqni icciitii mulʼisuu tokko samii irra jira. Innis wantoota baroota dhufan keessa taʼan Nebukadnezar mootichatti argisiiseera. Abjuun keetii fi mulʼanni utuu ati siree kee irra ciiftuu yaada keetti dhufe kanaa dha:
29"As you lay in bed, O king, your thoughts turned to what would come, and the revealer of mysteries showed you what is to be.ONOCV“Yaa mooticha utuu ati ciiftee jirtuu wanni gara fuula duraatti taʼuuf jiru yaada keetti dhufe; inni icciitii mulʼisus waan fuula duratti taʼu sitti argisiise.
30But this mystery was revealed to me not because I have more wisdom than anyone else alive, but so the king may know its interpretation, and you may understand your heart's thoughts.ONOCVYaa mootii, akka kootti sababiin icciitiin kun natti mulʼateef ani namoota jiraatoo kaan caalaa ogummaa qabaadheef utuu hin taʼin, akka ati hiikkaa isaa beektee waan yaada kee keessa jiru hubattuuf.
31"You watched, O king, and saw a great statue. This statue, huge and dazzling in brightness, stood before you, and its appearance was terrifying.ONOCV“Yaa mootii, ati ni ilaalte; fuula kee duras fakkii guddaa jechuunis fakkii akka malee guddaa, bifa calaqqisaa fi sodaachisaa tokkotu ture.
32The statue's head was fine gold, its chest and arms silver, its belly and thighs bronze,ONOCVMataan fakkii sanaas warqee qulqulluu irraa, qomaa fi irreen isaa meetii irraa, garaa fi tafni isaa naasii irraa hojjetaman;
33its legs of iron, its feet partly of iron and partly of clay.ONOCVmiilli isaa sibiila irraa, faanni isaa gartokko sibiila irraa, gartokko immoo suphee irraa hojjetame.
34While you watched, a stone cut without hands struck the statue's feet of iron and clay, crushing them.ONOCVUtuma ati ilaalaa jirtuu dhagaan tokko utuu harki namaa hin tuqin fottoqe. Innis miilla fakkii sanaa kan sibiilaa fi suphee irraa hojjetame dhaʼee caccabse.
35Then the iron, clay, bronze, silver, and gold were all broken to pieces together, becoming like chaff on a summer threshing floor. The wind carried them off, leaving no trace. But the stone that struck the statue became a great mountain filling the whole earth.ONOCVErgasii sibiilli, supheen, naasiin, meetii fi warqeen sun yeruma tokkotti caccabanii akkuma habaqii yeroo bonaa oobdii irra jiruu taʼan. Bubbeenis utuu waan tokko illee hin hambisin haree deeme. Dhagaan fakkii sana caccabse sun garuu tulluu guddaa taʼee lafa hunda guute.
36"This was the dream. Now we will tell the king its interpretation.ONOCV“Abjuun sun kana ture; nus mootichaaf ni hiikna.
37You, king, are the king of kings, to whom our Father in heaven has given kingdom, power, might, and glory.ONOCVYaa mootii, ati mootii moototaa ti. Waaqni samii mootummaa fi humna, jabinaa fi ulfina siif kenneera;
38Into your hand he has placed all people, the beasts of the field, and the birds of the sky, wherever they live, making you ruler over them all. You are the head of gold.ONOCVinni sanyii namaa, bineensota bosonaatii fi simbirroota samii dabarsee harka keetti siif kenneera. Lafa isaan jiraatani kamitti iyyuu hunda isaanii irratti bulchaa si godheera. Ati mataa warqee ti.
39"After you another kingdom will arise, inferior to yours; then a third kingdom, of bronze, ruling over all the earth.ONOCV“Siʼiin duuba mootummaan mootummaa keetii gadii biraa tokko ni kaʼa. Itti aansee mootummaan Naasii sadaffaan kan tokko guutummaa lafaa ni bulcha.
40A fourth kingdom will be strong as iron—iron breaks and shatters everything—and as iron crushes all these, it will break and crush them.ONOCVDhuma irrattis mootummaan afuraffaan akkuma sibiilaa jabaa taʼe tokko ni kaʼa; sibiilli waan hunda caccabsee bulleessaatii; mootummaan kunis akkuma sibiilli waan hunda caccabsee balleessu sana mootummoota isa duraan turan hunda caccabsee ni bulleessa.
41As you saw the feet and toes—part potter's clay, part iron—it will be a divided kingdom; yet it will have some of iron's strength, just as you saw iron mixed with soft clay.ONOCVAkkuma ati akka faannii fi qubni miilla isaa gartokko suphee, gartokko immoo sibiila taʼe argite sana mootummaan kun mootummaa gargar qoodame taʼa; taʼus inni akkuma sibiila gartokkeen isaa supheedhaan makame kan ati argite sanaa jabina sibiilaa of keessaa ni qabaata.
42As the toes were partly iron and partly clay, so the kingdom will be partly strong and partly brittle.ONOCVAkkuma qubni miillaa sun gartokko sibiila, gartokko immoo suphee taʼe sana mootummaan kunis gartokko jabaa, gartokko immoo dadhabaa taʼa.
43As you saw iron mixed with soft clay, the people will mix in marriage but not hold together, just as iron does not mix with clay.ONOCVAkkuma ati sibiila supheedhaan wal make argite sana uummanni kunis walmakaa taʼa; innis siʼachi sibiilaa fi supheen walitti makame sana caalaa tokko taʼee hin jiraatu.
44"In those kings' days our Father in heaven will set up a kingdom never to be destroyed, nor its rule left to another people. It will crush all these kingdoms and end them, and it will stand forever.ONOCV“Bara mootota sanaa keessa, Waaqni samii mootummaa gonkumaa hin diigamne yookaan saba biraatiif hin kennamne hundeessa. Innis mootummoota duraa sana ni barbadeessa; hamma dhumaattis isaan balleessa; inni mataan isaa garuu bara baraan jabaatee ni dhaabata.
45This is what the vision meant: the stone cut from a mountain, not by human hands, broke the iron, bronze, clay, silver, and gold to pieces. Our great Father has shown the king what will happen after this. The dream is certain, its interpretation trustworthy."ONOCVHiikkaan mulʼata dhagaa utuu harka namaatiin hin taʼin ofuma isaatiin tulluu irraa fottoqee sibiila, naasii, suphee, meetii fi warqee caccabse sanaa kanaa dha. “Waaqni guddaan waan gara fuula duraatti taʼu mootichatti argisiiseera. Abjuun sun dhugaa dha; hiikkaan isaas amanamaa dha.”
46Then King Nebuchadnezzar fell facedown, bowed to Daniel, and ordered offering and incense given to him.ONOCVNebukadnezar mootichi addaan lafatti gombifamee Daaniʼeliif sagade; ulfinas kenneef; akka aarsaa fi ixaana isaaf dhiʼeessanis ajaje.
47The king told Daniel, "Truly your God is God of gods, Lord of kings, and revealer of secrets, since you could reveal it."ONOCVMootichis Daaniʼeliin, “Ati dhoksaa kana mulʼisuu dandeesseertaatii dhugumaan Waaqni kee Waaqa waaqotaatii fi Gooftaa moototaa kan dhoksaa mulʼisuu dha” jedhe.
48Then the king promoted Daniel to high honor, gave him many great gifts, and made him ruler of Babylon's whole province and chief prefect over all its wise men.ONOCVErgasii mootichi Daaniʼeliif taayitaa guddaa kennee, kennaa akka malee baayʼees itti dhangalaase. Bulchaa guutummaa kutaalee biyyaa Baabilon isa godhee namoota Baabilon hunda irratti isa muude.
49Daniel asked the king, who put Shadrach, Meshach, and Abednego over Babylon province's affairs; Daniel remained at the king's court.ONOCVDaaniʼel mooticha kadhannaan mootichi Shaadraak, Meeshakii fi Abdanaagoo bulchitoota biyya Baabilon godhee muude. Daaniʼel garuu mana mootichaa keessatti hafe.