Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Daniel 1 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In Jehoiakim king of Judah's third year, Nebuchadnezzar king of Babylon marched on Jerusalem and besieged it. Bara Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa keessa, waggaa sadaffaatti Nebukadnezar mootiin Baabilon dhufee Yerusaalemin marse.
2 The Sovereign Father handed Jehoiakim king of Judah over to him, with some items from our Father's house; he took them to Shinar, to his god's house, and the items into his god's treasury. Gooftaanis Yehooyaaqiim mooticha Yihuudaa miʼoota mana qulqullummaa Waaqaa tokko tokko wajjin dabarsee harka isaatti kenne. Miʼoota kanneenis gara mana Waaqa isaa, gara Baabilonitti geeffatee mankuusaa mana Waaqa isaa keessa kaaʼate.
3 The king ordered Ashpenaz, his chief official, to bring some Israelites from the royal family and nobility. Mootichis ergasii Ashfenaz itti gaafatamaa qondaaltota isaa sana waamee akka inni Israaʼeloota sanyii moototaatii fi maatii ulfina qabeeyyii taʼan tokko tokko ol galchu ajaje;
4 Young men without defect, good-looking, skilled in all wisdom, well-informed, quick to understand, fit to stand in the king's palace—and to teach them Babylonian writing and language. isaanis dargaggeeyyii hirʼina dhagnaa hin qabne, babbareedoo, kanneen barumsa gosa kamii iyyuu barachuuf dandeettii ogummaa qaban, kanneen beekumsaan badhaadhan, kanneen waan hunda hubachuu dandaʼanii fi masaraa mootummaa keessa tajaajiluuf gaʼumsa qaban turan. Innis afaanii fi katabbii Baabilonotaa isaan barsiisuu qaba ture.
5 The king assigned them a daily portion of his food and wine, three years' training, then service before him. Mootichis nyaataa fi daadhii wayinii kan guyyaa guyyaatti isaan barbaachisu maaddii mootummaa irraa isaaniif ajaje. Isaanis tajaajila mootichaa seenuuf waggaa sadii leenjifamuu qabu ture.
6 Among them were Daniel, Hananiah, Mishael, and Azariah, from the sons of Judah. Isaan kanneen keessaa warri Yihuudaadhaa dhufan Daaniʼel, Hanaaniyaa, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa turan.
7 The chief official renamed them: Daniel, Belteshazzar; Hananiah, Shadrach; Mishael, Meshach; Azariah, Abednego. Itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼeliin Beelxishaazaar, Hanaaniyaadhaan Shaadraak, Miishaaʼeelin, Meeshak, Azaariyaadhaan immoo Abdanaagoo jedhee maqaa haaraa baaseef.
8 Daniel resolved not to make himself unclean with the king's food or wine, so he asked the chief official's permission not to make himself unclean. Daaniʼel garuu nyaataa fi daadhii wayinii mootichaatiin of xureessuu dide; innis akkasiin akka of hin xureessineef itti gaafatamaa qondaaltotaa sana eeyyama gaafate.
9 Now our Father gave Daniel favor and compassion in the eyes of the chief official. Waaqnis yeroo kanatti akka Daaniʼel fuula qondaala sanaa duratti surraa fi gara laafina argatu godhe;
10 The chief official told Daniel, "I fear my lord the king, who set your food and drink. Why should he see your faces worse than boys your age? You'd forfeit my head to the king." qondaalli sun garuu Daaniʼeliin, “Ani gooftaa koo isa nyaataa fi dhugaatii keessan isiniif ramade sana nan sodaadha; inni maaliif dargaggoota hiriyoota keessan kaan caalaa huqqattanii isin arga? Kanaan isin mootichi balaa mataa kootti fiddu” jedhe.
11 Then Daniel said to the steward the chief official had appointed over Daniel, Hananiah, Mishael, and Azariah, Kana irratti Daaniʼel waardiyyaa itti gaafatamaan qondaaltotaa sun Daaniʼelii fi Hanaaniyaa irratti, Miishaaʼeelii fi Azaariyaa irratti muude Meldaariin akkana jedhe;
12 "Please test your servants for ten days. Give us only vegetables to eat and water to drink. “Maaloo tajaajiltoota kee bultii kudhaniif ilaali; biqiltuu nyaatamuu fi bishaan dhugamu malee waan biraa nuuf hin kennin.
13 Then compare our appearance with the youths eating the king's food; do with your servants as you see." Sana booddee bifa keenyaa fi bifa dargaggoota nyaata mootii nyaatanii wal biratti ilaali; waan argite irratti hundaaʼiitii tajaajiltoota kee irratti waan feete murteessi.”
14 So he agreed to this and tested them for ten days. Innis yaada kana fudhatee bultii kudhan isaan qore.
15 After ten days they looked healthier and better fed than all the young men eating the royal food. Dhuma bultii kurnan sanaattis isaan dargaggoota nyaata mootii nyaatan sana caalaa fayyaaleyyii fi warra dhagni isaanii furdatee miidhage taʼanii argaman.
16 So the steward took away their assigned food and the wine they were to drink, and gave them vegetables instead. Kanaafuu waardiyyaan sun qooda nyaata filatamaa fi daadhii wayinii kan isaan dhuguu qaban sanaa raafuu qofa isaaniif kenne.
17 To these four boys our Father gave knowledge and insight in all writing and wisdom; Daniel understood all visions and dreams. Waaqnis dargaggoota afran kanneeniif barumsaa fi ogummaa hunda keessatti beekumsaa fi dandeetii kenneef. Daaniʼelis mulʼataa fi abjuu hunda hubachuu dandaʼa ture.
18 When the king's set days for bringing them in ended, the chief official brought them before Nebuchadnezzar. Yommuu guyyaan mootichi akka isaan gara isaatti dhiʼaatan murteesse gaʼettis, qondaalli hangaftichi fuula Nebukadnezar duratti isaan dhiʼeesse.
19 The king spoke with them, and none matched Daniel, Hananiah, Mishael, and Azariah; so they served the king. Mootichis isaan haasofsiise; innis nama Daaniʼeliin, Hanaaniyaan, Miishaaʼeelii fi Azaariyaan qixxaatu tokko illee hin arganne; kanaafuu isaan hojii mootichaa jalqaban.
20 Whenever the king questioned them on wisdom and understanding, he found them ten times better than all magicians and enchanters in his whole kingdom. Mootichis waaʼee ogummaa fi beekumsaa kan isaan gaafate hundaan akka isaan ilaaltotaa fi falfaltoota biyyattiitti argaman hunda harka kudhan caalan arge.
21 And Daniel remained there until the first year of King Cyrus. Daaniʼelis hamma waggaa tokkoffaa Qiiros mootichaatti achuma ture.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]