Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 7 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Then the high priest asked, "Are these things true?" Lubni ol aanaanis, “Wanni kun dhugumaa?” jedhee isa gaafate.
2 Stephen said, "Brothers and fathers, listen: Our Father of glory appeared to our father Abraham in Mesopotamia, before he lived in Haran, Innis akkana jedhee deebise; “Yaa obbolootaa fi yaa abbootii, mee na dhagaʼaa! Waaqni ulfinaa, yeroo abbaan keenya Abrahaam Mesophotaamiyaa turetti, utuu inni biyya Kaaraan hin dhaqin isatti mulʼate.
3 and told him, 'Leave your land and relatives, and go to the land I'll show you.' Waaqnis, ‘Biyya keetii fi saba kee dhiisiitii gara biyya ani si argisiisuu dhaqi’ jedheen.
4 He left the Babylonians' land and settled in Haran. After his father died, our Father moved him from there into this land you now live in. “Innis biyya Kaldootaatii baʼee dhaqee Kaaraan keessa jiraate. Erga abbaan isaa duʼe immoo Waaqni achii isa baasee biyya isin amma keessa jiraattan kanatti isa erge.
5 He gave him no inheritance in it, not even a foot of ground—yet promised it to him and his descendants after him as a possession, though he had no child. Taʼus Waaqni dhaala tokko illee, lafa taakkuu tokkittii illee biyya sana keessatti hin kennineef; garuu Waaqni akka Abrahaamii fi sanyii isaa warra isaan booddeetiif biyya sana akkuma qabeenyaatti kennuuf waadaa galeef. Abrahaam yeroo sana ijoollee tokko illee hin qabu ture.
6 And our Father said his offspring would be foreigners in a land not their own, enslaved and mistreated 400 years. Waaqni akkana jedhee karaa kanaan isatti dubbate; ‘Sanyiin kee biyya kan isaa hin taʼin keessatti alagaa taʼa; waggaa dhibba afuris ni garboomfama; ni cunqurfamas.’
7 'I will judge the nation they serve,' our Father said, 'and after, they will come out and worship me in this place.' Waaqni akkana jedhe; ‘Ani garuu saba isaan akkuma garbootaatti tajaajilan sana nan adaba; ergasii immoo isaan biyya sanaa baʼanii lafa kanatti na waaqeffatu.’
8 He gave him the covenant of circumcision. Abraham fathered Isaac and circumcised him on the eighth day; Isaac fathered Jacob, and Jacob the twelve ancestors. Waaqnis kakuu dhagna qabaa Abrahaamiif kenne; Abrahaamis abbaa Yisihaaq taʼee guyyaa saddeettaffaatti dhagna isa qabe; Yisihaaqis ergasii abbaa Yaaqoob taʼe; Yaaqoob immoo abbaa abbootii gosoota kudha lamaanii taʼe.
9 The ancestors, jealous of Joseph, sold him into Egypt, but our Father was with him, “Abbootiin sunis waan Yoosefitti hinaafaniif akka inni biyya Gibxitti garba taʼuuf isa gurguran; Waaqni garuu isa wajjin ture;
10 and rescued him from all his troubles, gave him favor and wisdom before Pharaoh king of Egypt, who made him ruler over Egypt and Pharaoh's whole household. rakkina isaa hunda keessaa isa baase; Waaqnis fuula Faraʼoon mooticha Gibxi duratti ulfinaa fi ogummaa Yoosefiif kenne; Faraʼoonis biyya Gibxii fi mana mootummaa isaa hunda irratti bulchaa isa godhe.
11 A famine and great suffering struck all Egypt and Canaan, and our fathers found no food. “Baruma sana biyya Gibxii fi biyya Kanaʼaan hundatti beelli buʼee rakkina guddaa fide; abbootiin keenyas waan nyaatan tokko illee argachuu hin dandeenye.
12 Hearing there was grain in Egypt, Jacob sent our fathers there first. Yaaqoobis akka Gibxi keessa midhaan jiru dhageenyaan yeroo jalqabaatiif abbootii keenya achi erge.
13 On the second visit, Joseph made himself known to his brothers, and Pharaoh learned of Joseph's family. Imala isaanii lammaffaa irrattis Yoosef eenyummaa isaa obboloota isaatti hime; Faraʼoonis waaʼee obboloota Yoosef beeke.
14 And Joseph sent for his father Jacob and all his relatives, seventy-five persons in all. Yoosefis ergasii nama ergee abbaa isaa Yaaqoobii fi maatii isaa hunda jechuunis walumatti qabaatti nama 75 waamsise.
15 And Jacob went down into Egypt, and he died, he and our fathers. Yaaqoobis Gibxitti gad buʼe; innis, abbootiin keenyas achitti duʼan.
16 They were taken back to Shechem, and buried in the tomb Abraham had bought for silver from Hamor's sons in Shechem. Reeffi isaaniis Sheekemitti geeffamee lafa awwaalaa kan Abrahaam ijoollee Hamoori irraa horii wayiitiin bitee ture sanatti awwaalame.
17 As the time of the promise our Father gave Abraham neared, the people grew and multiplied in Egypt, “Akkuma yeroon waadaa Waaqni Abrahaamiif gale sun itti raawwatamu dhiʼaachaa dhufeen baayʼinni saba keenyaa Gibxi keessatti akka malee guddate.
18 until there arose over Egypt another king who did not know Joseph. Ergasii ‘Mootiin waaʼee Yoosef hin beekin haaraan tokko bulchaa Gibxi taʼe.’
19 This king exploited our people and mistreated our fathers, forcing them to abandon their infants to die. Innis akka malee saba keenya cunqurse; abbootii keenyas akka daaʼimman isaanii dhumaniif akka isaan gad gatan dirqisiise.
20 At that time Moses was born, beautiful in our Father's sight. He was raised three months in his father's house. “Yeroon Museen dhalates yeruma kana ture; innis fuula Waaqaa duratti miidhagaa ture; jiʼa sadiifis mana abbaa isaatti kunuunfamee guddate.
21 And when he was abandoned, Pharaoh's daughter adopted him and brought him up as her own son. Yommuu inni alatti gatametti intalli Faraʼoon fudhattee akka ilma isheetti isa guddifatte.
22 Moses was trained in all Egyptian wisdom, and was strong in speech and action. Museen ogummaa warra Gibxi hunda barate; innis dubbii isaatii fi hojii isaatiin jabaa ture.
23 When he was forty years old, he decided to visit his brothers, the sons of Israel. “Museen yommuu umuriin isaa waggaa 40 guutetti dhaqee obboloota isaa ijoollee Israaʼel ilaaluu murteesse.
24 Seeing one of them wronged, he defended the oppressed man and avenged him by striking down the Egyptian. Museenis utuu namni Gibxi tokko nama isaanii tokko miidhuu arge. Kanaafis nama isaanii gargaaruu dhaqee namicha Gibxi sana ajjeesuun haaloo baaseef.
25 He thought his brothers would understand our Father was giving them salvation through his hand, but they didn't understand. Museen waan sabni isaa akka Waaqni karaa isaatiin saba Israaʼel furu hubatu seʼee ture; sabni sun garuu hin hubanne.
26 The next day he came upon them as they were fighting and tried to reconcile them, saying, 'Men, you are brothers. Why do you wrong each other?' Guyyaa itti aanutti immoo utuu namoonni Israaʼel lama wal lolanuu itti dhufee, ‘Jarana, isin obboloota walii ti; yoos maaliif wal miitu ree?’ jedhee walitti araarsuu yaale.
27 But the man wronging his neighbor shoved Moses aside, saying, 'Who made you ruler and judge over us? “Namichi hiriyaa isaa miidhaa ture sun garuu Musee achi of irraa darbatee akkana jedhe; ‘Eenyutu nurratti bulchaa fi abbaa murtii si godhe?
28 Do you want to kill me as you killed the Egyptian yesterday?' Akkuma kaleessa namicha Gibxi ajjeefte sana ana illee ajjeesuu barbaaddaa?’
29 At this word, Moses fled and lived as a foreigner in the land of Midian, where he fathered two sons. Museenis waan kana dhageenyaan biyya Midiyaanitti baqatee galtuu taʼee achi jiraate; achittis ilmaan lama dhalche.
30 Forty years later, an angel appeared to him in the wilderness of Mount Sinai, in a burning bush's flame. “Erga waggaan afurtamni darbee booddees ergamaan Waaqaa tokko gammoojjii naannoo Tulluu Siinaa keessatti daggala bobaʼu keessaa arraba ibiddaa keessaan Museetti mulʼate.
31 Moses saw it and was amazed; as he approached to look closer, our Father's voice came: Innis waan kana arginaan waan arge sana dinqifate. Yommuu ilaaluuf itti dhiʼaatettis sagalee Gooftaa dhagaʼe.
32 'I am the God of your fathers—the God of Abraham, Isaac, and Jacob.' Moses trembled, not daring to look. Sagaleen sunis, ‘Ani Waaqa abbootii keetii, Waaqa Abrahaam, kan Yisihaaqii fi kan Yaaqoob’ jedheen. Museenis ni hollate; ilaaluus ni sodaate.
33 Then our Father told him, 'Take the sandals off your feet, for the place you're standing on is holy ground.' “Gooftaan immoo akkana jedheen; ‘Sababii iddoon ati dhaabatu kun qulqulluu taʼeef kophee kee baafadhu.
34 I have indeed seen my people's suffering in Egypt, heard their groaning, and come down to rescue them. Now go—I'm sending you to Egypt. Ani akka sabni koo biyya Gibxi keessatti cunqurfamaa jiru dhugumaan argeera; booʼicha isaaniis dhagaʼee isaan bilisoomsuuf jedhee gad buʼeera; egaa kottu Gibxittin deebisee si ergaatii.’
35 This Moses, whom they rejected, saying, 'Who made you ruler and judge?'—this is the one our Father sent as both ruler and redeemer, through the hand of the angel who appeared to him in the bush. “Namni isaan, ‘Eenyutu bulchaa fi abbaa murtii si godhe?’ jedhanii tuffatan sun Museedhuma kana. Isas Waaqni akka inni bulchaa fi furaa isaanii taʼuuf harka ergamaa Waaqaa kan daggala keessaan isatti mulʼate sanaatiin erge.
36 This man led them out, doing wonders and signs in the land of Egypt, at the Red Sea, and in the wilderness for forty years. Innis Gibxi keessatti, galaana diimaa irratti akkasumas waggaa 40 gammoojjii keessatti dinqii fi mallattoo hojjechaa Gibxi keessaa isaan baase.
37 This is the Moses who told Israel's sons, 'Our Father will raise up a prophet like me for you, from your brothers.' “Museen kun isuma saba Israaʼeliitiin, ‘Waaqni sabuma keessan keessaa raajii akka kootii tokko isinii kaasa’ jedhe sanaa dha.
38 This is the one who was in the wilderness assembly with the angel speaking to him at Mount Sinai, and with our fathers—he received living words to give us. Innis, Ergamaa Waaqaa kan Tulluu Siinaa irratti isatti dubbate sanaa fi abbootii keenya wajjin gammoojjii keessatti waldaa keessa ture; dubbii jiraataas nutti kennuuf fudhate.
39 Our fathers refused to obey him; they rejected him and in their hearts turned back to Egypt, “Abbootiin keenya garuu isaaf ajajamuu didan; qooda ajajamuu isa tuffatanii garaa isaaniitiinis gara Gibxitti deebiʼan.
40 telling Aaron, 'Make us gods to go ahead of us. As for this Moses who led us out of the land of Egypt, we don't know what happened to him.' Arooniinis, ‘Waaqota nu dura deeman nuu tolchi; Museen Gibxii nu baase sun maal akka taʼe hin beeknuutii!’ jedhan.
41 They made a calf in those days, offered a sacrifice to the idol, and celebrated what their hands had made. Yeroon isaan Waaqa tolfamaa bifa jabbiitiin qopheeffatanis baruma sana; isaanis Waaqa sanaaf aarsaa dhiʼeessanii waanuma harka isaaniitiin tolfame sanaaf ayyaana ulfinaa ayyaaneffatan.
42 But our Father turned away, giving them over to worship the host of heaven, as written in the prophets' book: 'Did you bring me slaughtered animals and sacrifices for forty years in the wilderness, house of Israel? Waaqni garuu isaan irraa garagalee akka isaan humnoota samii irraa waaqeffataniif isaan dhiise. Kunis waan kitaaba raajotaa keessatti barreeffame sanaan wal fakkaata; innis akkana jedha; “ ‘Yaa mana Israaʼel isin waggaa afurtama gammoojjii keessatti takkumaa aarsaa fi kennaa naaf fiddaniirtuu?
43 You carried Moloch's tent and your god Rephan's star, the idols you fashioned to worship them; so I will banish you far beyond Babylon.' Isin fakkii waaqota waaqeffachuuf tolfattanii jechuunis dunkaana Moolekiitii fi urjii waaqa keessan Reefaan ol qabdaniirtu. Kanaafuu ani biyya Baabiloniin gamaattin isin ariʼa.’
44 Our ancestors had the tent of witness in the wilderness, as he who spoke to Moses directed him to make it, matching the pattern he'd seen. “Abbootiin keenya gammoojjii keessatti dunkaana dhuga baʼumsaa of biraa qabu turan. Dunkaanni sunis akkuma Waaqni akka Museen akkuma bifa arge sanaatti hojjetuuf isa qajeelchetti hojjetamee ture.
45 Our fathers in turn brought it in with Joshua when they dispossessed the nations that our Father drove out before them. So it was until the days of David, Abbootiin keenyas dunkaanicha fudhatanii biyya saba Waaqni isaan duraa ariʼee baase sanaatti Iyyaasuu wajjin galan; dunkaanni sun hamma bara Daawitiitti biyya sana ture.
46 who found favor with our Father and asked to find a dwelling place for our Father. Daawitis fuula Waaqaa duratti fudhatama argatee Waaqa Yaaqoobiitiif mana jireenyaa ijaaruuf kadhate.
47 But it was Solomon who built a house for him. Garuu kan mana sana ijaareef Solomoon ture.
48 Yet the Most High does not live in houses made by human hands, as the prophet says: “Taʼus Waaqni Waan Hundaa Olii mana harki namaa ijaare keessa hin jiraatu; kunis akkuma raajichi akkana jedhee dubbatee dha:
49 'Heaven is my throne, and the earth is my footstool. What kind of house will you build for me, says our Father, or what is the place of my rest? “ ‘Samiin teessoo koo ti; laftis ejjeta miilla kootii ti. Yoos isin mana akkamii naaf ijaartu ree? jedha Gooftaan. Yookaan lafti boqonnaa kootii eessa taʼa?
50 Did not my hand make all these things?' Waan kana hunda harki koo hin hojjennee?’
51 "You stubborn people, uncircumcised in heart and ears, always resist the Holy Spirit—like your fathers, so do you. “Yaa namoota mata jabeeyyii nana! garaan keessan hin amanu; gurri keessanis hin dhagaʼu! Isin yeroo hunda Hafuura Qulqulluun mormitu; akkuma abbootiin keessan godhan sana isinis gootu.
52 Which of the prophets did your fathers not persecute? They killed those who announced beforehand the Righteous One's coming—whom you have now betrayed and murdered. Raajiin abbootiin keessan hin ariʼatin tokko iyyuu jiraa? Isaan warra duraan dursanii dhufaatii isa qajeelaa sanaa himan illee ni ajjeesan; isinis amma isa dabarsitanii kennitanii ajjeeftaniirtu;
53 You who received the law through angels and yet did not keep it." warri karaa ergamoota Waaqaatiin seera fudhattanii seera sanaaf ajajamuu diddanis isinuma.”
54 Now when they heard these things they were enraged, and they ground their teeth at him. Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti aariin guggubatanii isatti ciniinnatan.
55 But Stephen, full of the Holy Spirit, looked into heaven, saw the glory of our Father, and Jesus standing at the right hand of our Father. Isxifaanos garuu Hafuura Qulqulluun guutamee gara samii ol ilaalee ulfina Waaqaatii fi Yesuusinis isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru arge.
56 And he said, "Look, I see the heavens opened and the Son of Man standing at our Father's right hand." Innis, “Ani kunoo samiin banamee, Ilma Namaas isaa mirga Waaqaa dhaabatee jiru nan arga” jedhe.
57 But they cried out with a loud voice, covered their ears, and rushed at him. Kana irratti isaan hundi gurra isaanii qabatanii sagalee guddaan iyyaa isatti girrisan.
58 They threw him out of the city and stoned him. The witnesses laid their coats at the feet of a young man named Saul. Magaalaa keessaas gad isa baasanii dhagaan isa tumuu jalqaban. Yeroo sana dhuga baatonni uffata isaanii miilla dargaggeessa Saaʼol jedhamu tokkoo jala kaaʼatan.
59 And as they were stoning him, Stephen called out, "Lord Jesus, receive my spirit." Isxifaanosis utuu isaan dhagaan isa tumaa jiranuu, “Yaa Gooftaa Yesuus, hafuura koo fudhadhu” jedhee kadhate.
60 Kneeling, he cried out loudly, "Lord, do not hold this sin against them." Then he fell asleep. Jilbeenfatees sagalee guddaadhaan, “Yaa Gooftaa, cubbuu kana isaanitti hin lakkaaʼin!” jedhee iyye; innis erga waan kana dubbatee booddee ni duʼe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]