Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 8 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Saul approved of Stephen's killing. That day a great persecution erupted against the Jerusalem church, scattering everyone except the apostles through Judea and Samaria. Saaʼolis ajjeefamuu Isxifaanos irratti namootaan walii galee ture. Guyyuma sana waldaa Kiristaanaa ishee Yerusaalem jirtutti ariʼatamni guddaan kaʼe; ergamoota malee warri kaan hundinuu biyya Yihuudaatii fi Samaariyaa hunda keessa bibittinnaaʼan.
2 Devout men buried Stephen and mourned loudly over him. Namoonni Waaqa sodaatanis Isxifaanosin awwaalan; booʼicha guddaas booʼaniif.
3 But Saul was destroying the church, entering house after house, dragging off men and women, throwing them in prison. Saaʼol garuu waldaa kiristaanaa balleessuu jalqabe; innis mana tokko irraa gara mana biraa dhaqee dhiiraa fi dubartii lafa irra harkisee mana hidhaatti galchaa ture.
4 So those scattered went everywhere, proclaiming the good news of the word. Warri bittinnaaʼan sun lafa dhaqan hundatti dubbii sana lallaban.
5 Philip went down to the city of Samaria and proclaimed Christ to them. Fiiliphoosis gara magaalaa Samaariyaa tokkootti gad buʼee achitti Kiristoos lallabe.
6 The crowds paid attention together to Philip's words, hearing and seeing the signs he did. Namoonni sunis yommuu waan Fiiliphoos dubbatu dhagaʼanii dinqii inni hojjetu arganitti hundi isaanii qalbeeffatanii isa dhagaʼan.
7 Unclean spirits came out of many who were possessed, screaming loudly, and many paralyzed and lame were healed. Hafuurri xuraaʼaanis sagalee guddaan iyyee nama hedduu keessaa baʼe; warri laamshaʼanii fi warri naafatan baayʼeenis ni fayyan.
8 So there was great joy in that city. Kanaafis gammachuu guddaatu magaalaa sana keessatti taʼe.
9 A man named Simon had already practiced magic in that city, amazing Samaria's people and claiming to be someone great. Garuu yeroo sanaan dura namichi Simoon jedhamu tokko magaalaa sana keessatti falfala hojjetee namoota Samaariyaa hunda dinqisiisaa ture; innis akka waan nama guddaa taʼeetti of hedaa ture.
10 Everyone, from least to greatest, listened to him, saying, "This man is God's power, called Great." Namoonni hundinuu xinnaa guddaan qalbii isaanii gara isaatti deebifatanii, “Namichi kun humna Waaqaa isa ‘humna guddaa’ jedhamu sanaa dha” jedhanii isa saadan.
11 They paid attention to him because for a long time he had amazed them with his magic. Namoonni sunis sababii inni yeroo dheeraa falfala isaatiin isaan dinqisiiseef qalbii isaanii gara isaatti deebifatan.
12 But when they believed Philip's good news about the kingdom of our Father and the name of Jesus Christ, men and women were baptized. Garuu yommuu Fiiliphoos wangeela waaʼee mootummaa Waaqaatii fi maqaa Yesuus Kiristoos lallabetti amananii dhiiraa dubartiin cuuphaman.
13 Simon himself believed, was baptized, and stayed close to Philip, amazed at the signs and great miracles he saw. Simoon mataan isaa iyyuu amanee cuuphame. Innis mallattoo fi dinqii arge sana dinqifachaa Fiiliphoos wajjin deeme.
14 When the apostles in Jerusalem heard Samaria had received our Father's word, they sent Peter and John to them. Ergamoonni Yerusaalem turan akka warri Samaariyaa dubbii Waaqaa fudhatan dhagaʼanii Phexrosii fi Yohannisin isaanitti ergan.
15 When they arrived, they prayed for them that they might receive the Holy Spirit, Ergamoonni sunis yommuu achi gaʼanitti akka isaan Hafuura Qulqulluu argataniif ni kadhataniif;
16 for the Holy Spirit had not yet fallen on any of them; they were only baptized into the name of the Lord Jesus. Hafuuri Qulqulluun isaan keessaa nama tokko irra illee hin buune tureetii; isaan maqaa Gooftaa Yesuus qofaan cuuphamanii turan.
17 Then they laid their hands on them, and they received the Holy Spirit. Phexrosii fi Yohannis harka isaanii jara sana irra kakaaʼan; isaanis Hafuura Qulqulluu argatan.
18 When Simon saw the Spirit given through the apostles' laying on of hands, he offered them money, Simoon falfaltichis akka yeroo ergamoonni harka isaanii nama irra kaaʼan Hafuurri Qulqulluun namaa kennamu arginaan ergamootaaf horii kennee,
19 saying, "Give me this power too, so whoever I lay hands on receives the Holy Spirit." “Akka namni ani harka irra kaaʼu hundi Hafuura Qulqulluu argatuuf dandeettii kana anaaf illee kennaa” jedheen.
20 Peter said to him, "May your silver perish with you, since you thought you could buy our Father's gift with money! Phexros garuu akkana jedhee deebiseef; “Sababii ati kennaa Waaqaa waan horiin bitachuu dandeessu seeteef horiin kee suma wajjin haa badu!
21 You have no part or share in this matter, for your heart is not right before our Father. Garaan kee fuula Waaqaa duratti waan qajeelaa hin taʼiniif ati tajaajila kana keessatti qooda yookaan carraa hin qabdu.
22 So turn from this evil, and pray to our Father that, if possible, your heart's intent may be forgiven you. Kanaaf hammina kee kana irraa deebiʼiitii gooftaa kadhadhu; inni yaada garaa keetii kana siif dhiisa taʼaatii.
23 I see you poisoned by bitterness and bound by evil." Ani akka ati yaada hadhaaʼaan guutamtee fi akka ati garbicha cubbuu taate nan arga.”
24 Simon answered, "Pray to God for me, that nothing you have said may come upon me." Simoonis, “Akka wanni isin jettan kun tokko iyyuu narra hin geenyeef Gooftaa naa kadhadhaa” jedhee deebise.
25 So, having testified and spoken our Lord Jesus's word, they returned to Jerusalem, preaching the good news in many Samaritan villages. Phexrosii fi Yohannis erga dhugaa baʼanii dubbii Gooftaas labsanii booddee gandoota Samaariyaa hedduu keessatti wangeela lallabaa Yerusaalemitti deebiʼan.
26 Then an angel of our Father told Philip, "Get up and go south to the road going down from Jerusalem to Gaza"—a desert road. Ergamaan Gooftaa tokko Fiiliphoosiin, “Kaʼiitii karaa Kibbaatiin gara daandii Yerusaalemii baʼee Gaazaatti gad buʼu sanaa dhaqi” jedhe; daandiin sunis daandii gammoojjii ti.
27 He got up and went. There was an Ethiopian eunuch, a court official of Candace, queen of the Ethiopians, in charge of all her treasury, who had come to Jerusalem to worship, Innis kaʼee deeme; karaa isaa irrattis xuʼaashii Itoophiyaa tokko jechuunis qondaalticha Kandakee mootittii saba Itoophiyaa kan qabeenya ishee hunda irratti itti gaafatamaa taʼe arge; qondaalli sun sagaduuf jedhee Yerusaalem dhaqee ture.
28 and was returning, seated in his chariot and reading the prophet Isaiah. Innis yeroo biyya isaatti deebiʼu gaarii isaa irra taaʼee kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifachaa ture.
29 And the Holy Spirit said to Philip, "Go over and catch up with that chariot." Hafuurri Qulqulluunis Fiiliphoosiin, “Dhaqiitii gaarii sanatti dhiʼaadhu” jedhe.
30 Philip ran up, heard him reading the prophet Isaiah, and asked, "Do you understand what you're reading?" Fiiliphoosis gaarii sanatti fiigee utuu namichi sun kitaaba Isaayyaas raajichaa dubbifatuu dhagaʼee, “Ati waan dubbiftu kana ni hubattaa?” jedhee gaafate.
31 He said, "How can I, unless someone guides me?" and invited Philip up to sit with him. Namichis, “Yoo namni naa hin ibsin ani akkamiin hubachuu dandaʼa?” jedhe. Innis akka Fiiliphoos ol baʼee isa bira taaʼuuf waammate.
32 Now the passage of Scripture he was reading was this: "Like a sheep he was led to the slaughter, and like a lamb silent before its shearer, so he did not open his mouth. Kutaan kitaabaa kan xuʼaashiin sun dubbisaa ture isa kana: “Inni akkuma hoolaa iddoo qalmaatti geeffamee, yookaan akkuma ilmoo hoolaa kan fuula nama rifeensa irraa murmuruu duratti calʼisuu akkasuma afaan isaa hin saaqqanne.
33 In his humiliation justice was denied him. Who can describe his generation? For his life is taken away from the earth." Inni cunqurfamuu isaatiin murtii qajeelaa dhowwatame; eenyutu waaʼee sanyii isaa dubbachuu dandaʼa? Jireenyi isaa lafa irraa fudhatameeraatii.”
34 The eunuch said to Philip, "Tell me, of whom does the prophet say this—himself, or someone else?" Xuʼaashiin sunis Fiiliphoosiin, “Raajiin sun waaʼee eenyuu dubbata? Waaʼee mataa isaa moo waaʼee nama biraa ti? Maaloo mee natti himi!” jedhee gaafate.
35 Philip opened his mouth and, starting from this Scripture, told him the good news about Jesus. Fiiliphoosis kutaadhuma kitaabaa sanaan afaan saaqatee oduu gaarii waaʼee Yesuus isatti hime.
36 Traveling the road, they reached water, and the eunuch said, "Look, water! What stops me from being baptized?" Isaanis utuu karaa deemanuu bishaanitti baʼan; xuʼaashiin sunis, “Kunoo bishaan as jira; yoos maaltu cuuphamuu na dhowwa ree?” jedheen. [
37 Not in this edition Fiiliphoosis, “Ati yoo garaa kee guutuun amante cuuphamuu ni dandeessa” jedheen. Namichis deebisee, “Akka Yesuus Kiristoos ilma Waaqaa taʼe ani nan amana” jedhe.]
38 He ordered the chariot to stop; both went down into the water, Philip and the eunuch, and Philip baptized him. Innis akka gaariin sun dhaabatu ajaje; isaan lamaanuu dhaqanii bishaan seenan; Fiiliphoosis isa cuuphe.
39 When they came up out of the water, the Spirit of our Father snatched Philip away; the eunuch never saw him again, but went on his way rejoicing. Yommuu isaan bishaan keessaa baʼanittis Hafuurri Gooftaa Fiiliphoosin fudhate; xuʼaashiin sunis ergasii isa hin argine; garuu gammadaa karaa isaa itti fufe.
40 Philip found himself at Azotus. He traveled through, announcing the good news in every town until he reached Caesarea. Fiiliphoos immoo Azooxoonitti argame; innis hamma Qiisaariyaa gaʼutti magaalaawwan hunda keessatti wangeela lallabaa darbe.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]