Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 6 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 In those days, as the disciples multiplied, the Greek-speaking Jews grumbled against the Hebrews because their widows were overlooked in the daily distribution of food. Bara sana keessa yommuu baayʼinni barattootaa dabalamaa deemetti Yihuudoonni Giriikota keessa jiraatan Ibrootatti guunguman; haadhonni hiyyeessaa Yihuudootaa nyaata guyyaa guyyaan hiramu keessatti hacuucamanii turaniitii.
2 So the Twelve called all the disciples together and said, "It's not right for us to neglect our Father's word to serve tables. Kanaaf ergamoonni kudha lamaan barattoota hunda walitti qabanii akkana jedhaniin; “Maaddii tajaajiluuf jennee dubbii Waaqaa barsiisuu dhiisuun nuuf qajeelaa miti.
3 So, brothers, pick seven men among you, well-respected, full of the Holy Spirit and wisdom, whom we'll appoint to this task. Kanaaf yaa obboloota isin namoota maqaa gaarii qaban kanneen Hafuura Qulqulluu fi ogummaan guutaman torba gidduu keessanii filadhaa. Nus itti gaafatama kana isaanitti kenninee,
4 But we will devote ourselves to prayer and to the ministry of the word." Waaqa kadhachuu fi dubbii isaa barsiisuutti jabaannaa.”
5 The whole assembly approved, and chose Stephen—full of faith and the Holy Spirit—along with Philip, Prochorus, Nicanor, Timon, Parmenas, and Nicolaus, a convert from Antioch. Wanni isaan jedhanis tuuta sana hunda gammachiise. Isaanis Isxifaanos namicha amantii fi Hafuura Qulqulluudhaan guutame tokko, akkasumas Fiiliphoosii fi Phirookoroosin, Niiqaaroonaa fi Xiimoonaa, Pharmeenaa fi Niqoolaas namicha Anxookiiyaa isa amantii Yihuudootaatti gale sana filatan.
6 They presented these men to the apostles, who prayed and laid their hands on them. Isaanis jara kana fuula ergamootaa dura dhaaban; ergamoonnis Waaqa kadhataniifii harka isaan irra kaaʼan.
7 The word of our Father spread, and disciples in Jerusalem multiplied greatly; a great number of priests became obedient to the faith. Dubbiin Waaqaa ni babalʼate; baayʼinni barattootaas Yerusaalem keessatti akka malee dabalame; luboonni hedduun amantii kanaaf ajajaman.
8 Now Stephen, full of grace and power, was performing great wonders and signs among the people. Isxifaanos ayyaanaa fi humna Waaqaatiin guutamee dinqii fi mallattoo gurguddaa namoota gidduutti hojjette.
9 Some from the so-called Synagogue of the Freedmen—Cyrenians, Alexandrians, and men from Cilicia and Asia—rose up to argue with Stephen. Miseensonni mana sagadaa warra, “Namoota bilisooman” jedhamanii, jechuunis Yihuudoonni Qareenaa fi Iskindiriyaadhaa dhufan akkasumas Yihuudoonni Kiilqiyaa fi Asiyaadhaa dhufan tokko tokko Isxifaanosiin mormuu jalqaban.
10 Yet they could not stand up against the wisdom and the Spirit with which he was speaking. Isaan garuu ogummaa isaa yookaan Hafuura Qulqulluu inni ittiin dubbatu sanaan mormuu hin dandeenye.
11 Then they secretly instructed men to say, "We heard him speak blasphemous words against Moses and God." Kanaafuu akka isaan, “Nu utuu Isxifaanos Musee fi Waaqa irratti dubbii arrabsoo dubbatuu dhageenyeerra” jedhaniif dhoksaan namoota tokko tokko sossobatan.
12 They stirred up the people, elders, and scribes; came upon him, seized him, and brought him before the council. Isaanis uummata, maanguddootaa fi barsiistota seeraa kakaasan. Isxifaanosiinis qabanii fuula waldaa Yihuudootaa duratti isa dhiʼeessan.
13 They brought in false witnesses, saying, "This man never stops speaking against this holy place and the law. Dhuga baatota sobduus qopheeffatan; isaanis akkana jedhan; “Namichi kun iddoo qulqulluu kanaa fi seeraan mormuu takkumaa hin dhiifne.
14 For we heard him say this Jesus of Nazareth will destroy this place and change the customs Moses handed down to us." Nu isaa, ‘Yesuus namni Naazreeti kun iddoo kana ni diiga; seera Museen nuu kennes ni geeddara’ jedhu dhageenyeerra.”
15 Everyone sitting in the council stared at him and saw his face was like an angel's face. Warri waldaa sana keessa turan hundi ija babaasanii Isxifaanosin ilaalanii akka fuuli isaa akkuma fuula ergamaa Waaqaa taʼe argan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]