Skip to content
The Believer's Library

Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022

Acts 5 ONOCV

Show ONOCV only
Verse × ×
1 Now a man named Ananias, together with his wife Sapphira, sold a piece of property. Namni Anaaniyaas jedhamu tokko niitii isaa Safiiraa wajjin lafa gurgurate.
2 He kept back part of the proceeds for himself, with his wife aware, and brought only a portion, laying it at the apostles' feet. Innis utuma niitiin isaa beektuu horii sana irraa gartokko ofii isaatii hambifatee kan hafe immoo geessee miilla ergamootaa bira kaaʼe.
3 But Peter said, "Ananias, why has Satan filled your heart to lie to the Holy Spirit and keep back part of the land's price? Phexros garuu akkana jedhe; “Yaa Anaaniyaas, akka ati Hafuura Qulqulluu sobdee horii lafa gurgurattee argate irraa gartokko hambifattuuf seexanni maaliif akkas garaa kee guute?
4 Wasn't it yours while unsold? After selling, wasn't the money yours to control? Why did you plan this in your heart? You didn't lie to people, but to our Father." Lafti sun utuu hin gurguramin iyyuu kan kee ture mitii? Erga gurguramee booddees horiin sun harkuma kee hin turree? Yoos akka ati waan akkasii gootu maalitu si yaachise? Ati Waaqa sobde malee nama hin sobne.”
5 Hearing these words, Ananias fell down and died; great fear seized all who heard. Anaaniyaasis yommuu waan kana dhagaʼetti kufee duʼe. Warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
6 Then the young men rose, wrapped up his body, carried him out, and buried him. Dargaggoonnis dhufanii, reeffa isaa kafanan; gad baasaniis isa awwaalan.
7 About three hours later his wife came in, not knowing what had happened. Gara saʼaatii sadii booddee niitiin isaa utuu waan taʼe hin beekin dhuftee ol seente.
8 Peter asked her, "Tell me, did you sell the land for this much?" She said, "Yes, for that much." Phexrosis, “Gatiin isin Anaaniyaas wajjin lafa gurgurattan sana irraa argattan kanumaa? Mee natti himi!” jedhee ishee gaafate. Isheenis, “Eeyyee kanuma” jette.
9 Then Peter said to her, "Why did you conspire to test the Spirit of our Father? Look, the feet of those who buried your husband are at the door, and they'll carry you out too." Phexrosis, “Isin akkam Hafuura Gooftaa qoruuf walii galuu dandeessan? Ilaa! miilli warra dhirsa kee awwaalanii balbala dura gaʼeera; sis gad si baasu” jedheen.
10 At once she fell at his feet and died. The young men came in, found her dead, carried her out, and buried her beside her husband. Isheenis yeruma sana miilla isaa jalatti lafa dhooftee duute; dargaggoonni sunis ol seenanii reeffa ishee argan; gad baasaniis dhirsa ishee biratti ishee awwaalan.
11 And great fear came upon the whole church and upon all who heard of these things. Waldaan kiristaanaa hundi, warri waan kana dhagaʼan hundinuus sodaa guddaan qabaman.
12 Many signs and wonders happened among the people through the apostles' hands. They all gathered together in Solomon's Portico. Ergamoonnis mallattoo fi dinqii baayʼee uummata gidduutti hojjetan. Amantoonni hundinuus iddoo gardaafoo Solomoon jedhamutti walitti qabamu turan.
13 None of the rest dared to join them, but the people held them in high honor. Warra hafan keessaa namni tokko iyyuu isaanitti dabalamuuf ija hin jabaanne, uummanni garuu akka malee isaan ulfeessa ture.
14 Even more believers were added to the Lord—crowds of men and women, Hamma duraa caalaas dhiironnii fi dubartoonni hedduun Gooftaatti amananii amantootatti dabalaman.
15 so they even carried the sick into the streets and put them on cots and mats, hoping that at least Peter's shadow might fall on some of them as he passed. Kanaafis akka yommuu Phexros achiin darbutti gaaddiddumti isaa iyyuu isaan keessaa tokko tokko irra buʼuuf jedhanii namoonni dhukkubsattoota karaatti baasanii siree fi itillee irra ciciibsan.
16 Crowds also came from towns around Jerusalem, bringing the sick and those tormented by unclean spirits, and all were healed. Namoonnis magaalaawwan naannoo Yerusaalem jiran keessaa warra dhukkubsatanii fi warra hafuura xuraaʼaan dhiphatan fidanii achitti wal gaʼan; warri geeffaman hundinuus ni fayyifaman.
17 The high priest rose up, and all with him, the Sadducee party, and they were filled with jealousy. Lubni ol aanaanii fi miseensonni garee Saduuqotaa warri isa wajjin turan hundinuu hinaaffaan guutaman.
18 They arrested the apostles and put them in the public prison. Isaanis ergamoota qabanii mana hidhaa uummataa keessa buusan.
19 But at night an angel of our Father opened the prison doors, led them out, and said, Garuu ergamaan Gooftaa tokko halkaniin balbala mana hidhaa banee gad isaan baase.
20 "Go, stand in the temple and speak to the people all the words of this Life." Innis, “Dhaqaa mana qulqullummaa keessa dhadhaabadhaatii, dubbii jireenya haaraa kana hunda isaa uummatatti himaa” jedheen.
21 Hearing this, they went into the temple at dawn and began teaching. When the high priest and those with him arrived, they convened the council—the full assembly of elders of Israel—and sent to the jail to have them brought. Isaanis akkuma isaanitti himame sanatti ganama barii mana qulqullummaa seenanii uummata barsiisuu jalqaban. Lubni ol aanaanii fi warri isa wajjin turan yommuu achi gaʼanitti waldaa Yihuudootaatii fi yaaʼii maanguddoota Israaʼel walitti waaman; akka ergamoota sana fidaniifis mana hidhaatti namoota ergan.
22 But the guards found no one there when they arrived; they returned and reported, Qondaaltonni ergaman sun garuu yommuu mana hidhaa gaʼanitti jara achitti hin arganne; kanaafis deebiʼanii,
23 "We found the prison locked tight, guards standing at the doors, but opening them, found no one inside." “Mana hidhaa sana isaa sirriitti qollofamee jiru, eegdotas, utuu isaan balbala dura dhaabatanii jiranuu argine; yeroo bannetti garuu nama tokko illee achi keessatti hin arganne” jedhan.
24 Hearing this, the temple guard captain and chief priests were baffled, wondering where it would lead. Ajajaan eegdota mana qulqullummaatii fi luboonni hangafoonni yommuu oduu kana dhagaʼanitti dinqifachuudhaan waan jedhan wallaalanii, “Maaltu dhalate immoo?” jedhan.
25 Someone came and reported, "Look, the men you jailed are standing in the temple teaching the people!" Yommus namichi tokko dhufee, “Jarri isin mana hidhaatti galchitan sun kunoo, mana qulqullummaa keessa dhadhaabatanii uummata barsiisaa jiru!” jedhe.
26 Then the captain and officers went and brought them, without force, fearing the people would stone them. Kana irratti ajajaan sun qondaaltota wajjin dhaqee ergamoota sana fide; isaanis sababii uummanni dhagaan nu tuma jedhanii sodaataniif humnatti hin fayyadamne.
27 When they had brought them, they set them before the council. And the high priest questioned them, Ergamootas fidanii, akka lubni ol aanaan isaan qoruuf fuula yaaʼii Yihuudootaa dura isaan dhadhaabachiisan.
28 saying, "We strictly ordered you not to teach in this name, yet you've filled Jerusalem with your teaching and intend to bring this man's blood on us." Lubichi ol aanaanis, “Nu akka isin maqaa kanaan hin barsiisne jabeessinee isin ajajnee turre; isin garuu barsiisa keessaniin Yerusaalem guuttaniirtu; akka nu itti gaafatamtoota dhiiga namicha kanaa taanu nu gochuu barbaaddu” jedhe.
29 But Peter and the apostles answered, "We must obey our Father rather than men. Phexrosii fi ergamoonni kaan garuu akkana jedhanii deebisan; “Nu namaaf ajajamuu irra Waaqaaf ajajamuu qabna!
30 The God of our fathers raised Jesus, whom you killed by hanging him on a tree. Yesuus isa isin fannoo irratti fanniftanii ajjeeftan sana Waaqni abbootii keenyaa warra duʼan keessaa isa kaaseera.
31 Our Father exalted him to his own right hand as Ruler and Savior, to give Israel repentance and forgiveness of sins. Waaqni akka inni Israaʼeliif qalbii jijjiirrachuu fi dhiifama cubbuu kennuuf jedhee bulchaa fi Fayyisaa godhee mirga ofiitti ol ol isa qabe.
32 We are witnesses of these things, and so is the Holy Spirit, whom our Father gave to those who obey him." Nu dhuga baatota waan kanaa ti; akkasumas Hafuurri Qulqulluun Waaqni warra isaaf ajajamaniif kenne sun dhuga baʼaa waan kanaa ti.”
33 When they heard this, they were enraged and wanted to kill them. Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti akka malee aariidhaan guggubatanii ergamoota ajjeesuuf mariʼatan.
34 But a Pharisee named Gamaliel, a law teacher honored by all the people, stood up in the council and ordered the men taken outside briefly. Fariisichi Gamaaliyaal jedhamu, barsiisaan seeraa kan namni hundi kabaju tokko garuu waldaa Yihuudootaa keessa dhaabatee akka ergamoonni sun yeroof gad baafaman ajaje.
35 He told them, "Israelites, think carefully about what you're about to do with these men. Innis akkana isaaniin jedhe; “Yaa namoota Israaʼel, waan jara kana gochuuf deemtan keessatti of eeggadhaa.
36 Before this, Theudas appeared, claiming to be somebody; about 400 men followed him. He was killed, his followers all scattered, and it came to nothing. Bara dheeraan dura Toyidaas akka waan nama guddaa taʼeetti of ilaalee kaanaan namoonni gara dhibba afuriitti hedaman isa faana buʼan; inni ni ajjeefame; duuka buutonni isaa ni bittinneeffaman; akkasumaan badanis.
37 After him, Judas the Galilean rose up during the census and drew people away after him. He too died, and all who followed him were scattered. Namicha kana booddee immoo Yihuudaan, namni Galiilaa bara lakkoobsa sabaa keessa kaʼee nama baayʼee ofitti kutate; innis ni ajjeefame; warri isa faana buʼanis ni bittinnaaʼan.
38 Now I tell you: stay away from these men and leave them alone. If this plan or work is from men, it will fail. Kanaafuu dubbii kana keessatti ani isinittin hima; namoota kana gad dhiisaa! Haa deemani! Mariin isaanii yookaan hojiin isaanii kun yoo waan nama irraa dhufe taʼe ni bada.
39 But if it's from our Father, you won't be able to overthrow them; you might even find yourselves fighting our Father." So they were persuaded by him. Yoo waan Waaqa irraa dhufe taʼe garuu jara kana dhowwuu hin dandeessan; isin mataan keessan iyyuu akka utuu Waaqaan wal loltanuu hin argamne of eeggadhaa!”
40 Persuaded by him, they called in the apostles, beat them, ordered them not to speak in the name of Jesus, and released them. Isaanis gorsa isaa fudhatan; ergamoota sanas ol waamanii garafan; akka isaan maqaa Yesuusiitiin waa hin dubbannes ajajanii gad isaan dhiisan.
41 So they left the council, rejoicing they'd been counted worthy to be shamed for the name. Ergamoonnis akka maqaa sanaaf jedhanii qaanaʼaniif waan gaʼumsa argataniif akka malee gammadaa fuula waldaa duraa deeman.
42 Every day, in the temple and house to house, they never stopped teaching and proclaiming the good news: the Christ is Jesus. Isaanis guyyuma guyyaan mana qulqullummaatti, mana namaattis utuu gargar hin kutin akka Yesuus Kiristoos taʼe barsiisaa, lallabaas turan.
FHB

Scripture from Father’s Heart Bible™. © 2026 Spirit Media Publishing, the imprint of Spirit Media Inc. All rights reserved. In Divine Voice™ Color, the words spoken by our Father show in blue, the words of the Son in red, and the words of the Spirit in purple.

ONOCV

Biblica® Hiikkaa Ammayyaa Banamaa Haaraa™, Loqoda Dhiʼaa Mirgi seeraan eegama © 2022 Biblica, Inc. Biblica® Open New Oromo Contemporary Version™, Western Copyright © 2022 by Biblica, Inc. “Biblica” jechuun mallattoo eenyummaa kan Biblica, Inc., Waajjira Eeyyamaa fi Mallattoo Eenyummaa kan Ameerikaa keessaatti galmeessee dha. Eeyyamaan itti fayyadamu. “Biblica” is trademark registered in the United States Patent and Trademark Office by Biblica, Inc. Used with permission.
Biblica® Open New Oromo Contemporary Version Latin 2022 · Creative Commons - Attribution-ShareAlike [CC BY-SA]